Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DEEVIID MAAZEE | SEENAA JIREENYAA

Maatiin Tokko Gammachuu Dhabee Ture Deebisee Argate

Maatiin Tokko Gammachuu Dhabee Ture Deebisee Argate

Kitaaba Qulqulluu ergan qoʼadhee fi dhugaa buʼuuraasaa hojiirra ergan oolchee booda, maatii gammachuu qabu qabaachuu dandaʼeera. Kanaan dura maatii akkasii qabaachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture. Anii fi haati manaan koo, ijoollee keenya sadanii wajjin, tokko taanee garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaa turre.

Balaa suukanneessaa Ebla 24, 2004​tti nu mudateef tokkoon keenyayyuu hin qophoofne turre.

 Yeroo haati manaan koo Kaan intala keenya Looraniin deessetti, abbaa gaarii taʼuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe hin beekun ture. Ittaansuudhaan ilmi keenya Maayikil yeroo dhalatettis jijjiirama hin goonen ture. Abbaan koo fi haati koo yeroo hundumaa wal lolu turan, dhumarrattis wal hiikan. Mataa maatii gaarii taʼuu kanan barbaadu taʼus, akkamitti taʼuu akkan dandaʼu hin beekun ture.

 Yeroon umurii waggoota kurnanii keessa turetti immoo araada dhugaatii alkooliitiin qabamuu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuun koo jireenyi koo caalaatti akka hammaatu godhee ture. Yeroon gaʼeessa taʼettimmoo jireenyi koo toʼannaa ala taʼee ture. Qumaara taphachuu dabalatee araada adda addaa qabaachuun koo murtoowwan sirrii hin taane hedduu akkan godhu na taasiseera. Amalli koo caalaatti mancaʼaa waan deemeef, Kaan ijoollee keenya lamaan fudhattee na dhiistee deemte. Yeroo kanatti baayʼeen gadde.

 Achiis akka ishiin deebitu gochuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼen ishii gaafadhe. Ishiinis Dhugaa Baatuu Yihowaa Gilooriyaa jedhamtuu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa waan turteef, gabaabumatti, “Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu” naan jette. Maal jechuu akka barbaadde naaf hin galle ture; garuu akka ishiin deebitu waanan barbaadeef Gilooriyaa fi abbaa manaa ishii Biilii wajjin wal arguufan walii gale.

Maree Jireenya koo Jijjiire

 Gilooriyaa fi Biil mana keenya yeroo dhufanitti, hariiroo cimaan gidduusaanii ture baayʼee na dinqisiise. Ijoolleensaanii warri umurii koorratti argaman jireenya hiika qabu jiraachaa turan. Anis yeroo jalqabaatiif, Kitaabni Qulqulluun maatii gammachuu qabu qabaachuuf furtuu guddaa akka taʼen yaaduu jalqabe.

 Biilii fi Gilooriyaan yeroo mana keenya dhufanii turan sanatti waaʼee rakkoowwan kooti waliin haasofnee turre. Yaada Kitaaba Qulqulluu Galaatiyaa 6:7 irratti argamuu fi, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedhu natti argisiisan. Anis, ‘Dhugaan buʼuuraa kun hanga harʼaatti jireenya koo akka geggeessu utuun heyyameera taʼee, rakkoowwan hedduu hambisuu nan dandaʼan ture!’ jedheen yaade.

Kaa fi Deeviid

 Adeemsa keessa, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun, jireenya koo baayʼee akka fooyyessen hubadhe. Anii fi Kaan xuuxuu kan dhaabne yeroo taʼu, araada koo kaanirraas bilisa akkan taʼuuf gargaarsi naaf godhameera. Bara 1985​tti, mucaa sadaffaa Deeviid jedhamuu fi Deev jennee waamnu yeroo godhannetti abbaa gaarii taʼuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubadheen ture.

Waliin Taanee Yihowaa Tajaajiluu

 Anii fi Kaan, ijoolleen keenya Yihowaan akka jaallatan barsiisuun keenya nutis Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaareera. Barreeffama Barsiisaa Guddicharraa Baradhu! jedhamurraa waan baayʼee baranneerra. Maatiiwwan gumii keenya keessatti argamanis nuufis taʼe ijoollee keenyaaf fakkeenya gaarii taʼaniiru.

Maayikilii fi Haadha manaasaa Diyaanaa

 Yeroo booda ijoolleen keenya hundi qajeelchitoota taʼan. Bara 2004 gara jalqabaatti, Looran gumii afaan Ispaanishiin geggeeffamu keessa tajaajilti turte. Maayikil gaaʼela godhachuuf jedhee Beetelii kan baʼe yommuu taʼu, amma haadha manaasaa Diyaanaa wajjin hojii tajaajilaa Guwaamitti raawwatamu gargaaruuf achi deemuuf jedhu. Deev inni umuriinsaa waggaa 19 taʼemmoo dhiheenya kana Dominikaan Rippuubliikii keessatti tajaajiluu jalqabeera.

 Anii fi Kaan filannoo ijoolleen keenya godhanitti baayʼee boonna. Yaadni 3 Yohaannis 4 irratti argamuu fi “Ijoolleen koo dhugaa keessa deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa naaf argamsiisu hin jiru” jedhu dhugaa taʼuusaa jireenya keenya keessatti argineerra. Haataʼu malee, bilbilli tokkittiin jireenya keenya guutummaatti akka jijjiirtu hin beeknu turre.

Balaa Baayʼee Ulfaataa Taʼe

 Ebla 24, 2004​tti, anii fi Kaan hiriyoota gaaʼelaa lamaa wajjin irbaata nyaachuu baanee turre. Manni nyaataa sun mana keenyarraa kiilomeetira 100 waan fagaatuuf, jaʼan keenyayyuu konkolaataa kootiin deemne. Irbaata erga nyaannee boodas kaaffee tokko deemnee isaan buuseen konkolaataa koo dhaabuu deeme. Yeroo kanatti bilbilli koo ni waame. Michuu koo tokkotu naaf bilbilaa ture, sagaleensaa sirrii hin turre.

 “Wanti baayʼee nama gaddisiisu uumameera. Deeviin balaan mudateera” naan jedhe.

 Deebii inni naaf kennu sodaachaa, “Baayʼee miidhamee?” jedheen isa gaafadhe.

 Jalqabarratti waan tokkoyyuu naan jechuu hin dandeenye. Xinnoo turee garuu, afaan keessa qaqqabachaa Deev akka duʼe natti hime.

 Bilbilicha ergan cufee booda Yihowaan jabina akka naaf kennun isa kadhadhe. Achiis kaaffee sanatti ol seeneen obboloota koo achi jiraniin keessi koo gaarii akka hin taanee fi manatti galuu akka naaf wayyun itti hime. Hamma kophaa keenya taanutti waaʼee Deev Kaatti himuu hin barbaannen ture.

 Daqiiqaa 90f konkolaataa oofee mana gaʼuun baayʼee natti cimee ture. Kaan, obboloota konkolaataa keessa jiran kaanitti Deev dhiheenyatti dhufee akka nu gaafatu gammachuudhaan yeroo himtu dhagaʼaan ture. Yeroo kanatti, Kaan ilmi keenya akka duʼe baruu ishii dura, ergaa gabaabaan na jajjabeessuuf naaf ergamu bilbila koo keessa guute.

 Obboloota kaan erga buusnee booda gara manaatti deebine. Achiis Kaan siʼuma tokko fuula keessa na ilaaltee wanti sirrii hin taane tokko akka uumame hubatte. “Maaltu taʼe?” jettee na gaafatte. Wantin itti aansuudhaan dubbadhu jireenya Kaa isa kana boodaa akka mancaasu beekeen ture; Akkuma bilbilli saʼaatii lama dura bilbilamte tokko jireenya koo mancaaste jechuudha.

Gadda Nu Mudatee Wajjin Waldhaansoo Qabuu

 Kanaan dura anaa fi Kaa irra rakkoowwan hedduun gaʼaniiru, Yihowaan sabasaa akka jajjabeessus beekna turre. (Isaayyaas 41:10, 13) Rakkoon yeroo kanatti nu mudate garuu baayʼee adda ture. Gaaffiiwwan sammuu koo keessa deddeebiʼan dhaabuu hin dandeenye; ‘Haalli kun Deev isa Yihowaadhaaf waan baayʼee hojjete akkamitti mudachuu dandaʼe? Yihowaan maaliif eegumsa isaaf hin goone?’ jedheen of gaafadhan ture.

 Ijoolleen keenya warri hafanis garmalee gaddanii turan. Looran Deeviif akkuma haadhaa waan turteef duutisaa baayʼee ishii miidhee ture. Maayikiliifis ulfaataa ture. Maayikil waggoota shaniif iddoo kan biraa jiraachaa kan ture taʼus, Deev inni quxisuusaa taʼe guddatee nama bilchaataa taʼuusaa arguusaatti gammadee ture.

 Gumiin keenya haalli gaddisiisaan kun erga nu mudatee eegalee baayʼee nu gargaaraa ture. Fakkeenyaaf, Kaan Deev duʼuusaa amanuun yeroo ishii rakkisaa turee eegalee, michoonni keenya gumii keenya keessatti argaman nu jajjabeessuu fi gargaarsa nuuf gochuudhaaf mana keenya dhufanii turan. (Fakkeenya 17:17) Jaalala isaan nutti argisiisan matumaa hin irraanfadhu!

 Anii fi Kaan kadhachuu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu itti fufuun keenya gadda keenya dandamachuuf nu gargaareera. Kun garuu gadda keenya nuuf hin balleessine. Taʼus, wantoota karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf nu gargaaran raawwachuu keenya itti fufuu akka qabnu hubannee turre.—Filiphisiyus 3:16.

Looranii fi abbaa manaa ishii Jastiin

 Yeroo booda Maayikilii fi Diyaanaan nutti dhihoo jiraachuu jalqaban. Looran immoo gumii keenya isa afaan Ingiliffaan geggeeffamutti jijjiiramte. Waggoottan muraasa itti aananiif wal faana taʼuun keenya duʼa Deev irraa jajjabaachuu akka jalqabnu nu taasiseera. Looran erga heerumtee boodas, abbaan manaa ishii Jastiin gargaarsa cimaa nuuf godheera.

Imala Ulfaataa Taʼe

 Deev duʼee utuma baayʼee hin turin, gadda keenya dandamachuuf tarkaanfii baayʼee ulfaataa taʼe, garuummoo baayʼee nu gargaare tokko fudhanne. Kaan seenaasaa isinitti himti.

 “Deev akka duʼe yeroo abbaan manaa koo natti himetti, wanti hundi natti dukkanaaʼe; miira kana keessas yeroo dheeraafan ture. Gadda guddaadhaan liqimfamee waanan tureef, wantootan yeroo kaan hojjedhullee hojjechuu hin dandeenye. Yeroo hundumaa nan booʼan ture. Dhugaasaa dubbachuuf, Yeroo tokko tokko Yihowaatti baayʼeen aara, namoota kaanittis nan aaran ture. Madaallii koos eeguu dadhabeen ture.

 “Gara Dominikaan Rippuubliik deemuu barbaadeen ture. Iddoo Deev duʼuusaa dura itti tajaajilaa ture deemuun barbaade. Haataʼu malee, ammayyuu karaa miiraa baayʼee miidhamee waanan jiruuf fagaadhee deemuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame.

 “Achiis, michuun koo baayʼee natti dhihaattu tokko michoonni Deev warri Dominikaan Rippuubliik keessa jiraatanis baayʼee gaddaa akka jiranii fi maatii Deev arguu akka barbaadan natti himuudhaan na jajjabeessite. Gargaarsa ishiitiin jabina argadhee xiyyaaraan imaluu dandaʼeera.

 “Maatiidhaan taanee achi deemuun keenya wantuma nu barbaachisu ture. Achi deemuun keenya Deev nama hafuuraa akka ture hubachuuf nu gargaareera. Jaarsi gumii tokkittiin gumii Deev keessa tajaajilaa ture keessatti argamu Deev hojii isaaf ramadame yeroo hundumaa akka hojjetu matumaa shakkee akka hin beekne nutti hime.

 “Gara mana Deev keessa jiraachaa ture yeroo deemnu, namoonni gara keenya dhufanii wanta gaarii Deev isaaniif raawwate nutti himu turan. Ani nama gaarii akka inni taʼe beekan ture, wanti ani amma arge garuu ilmi koo faana Yesuus dhiheenyatti hordofuuf carraaqqii akkamii gochaa akka ture caalaatti hubachuuf na gargaareera.

Deev yeroo Dominikaan Rippuubliik keessa tajaajilaa turetti

 “Nama Deev Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa turee fi mana xinnoo tokko keessa jiraatuu wajjinis wal argineerra; namni kun sireerraa kaʼuu hin dandaʼu ture. Obboloonni gumii keessatti argaman, namni kun hiyyeessa taʼus, Deev kabajaan isa qabaa akka ture nutti himan. Kun baayʼee akkan isatti boonu na taasiseera!

 “Imala ulfaataa akkasii matumaa godhee hin beeku. Taʼus, Namoota Deev duʼuusaatti akkuma keenya gaddanii wajjin wal arguun keenyaa fi wal jajjabeessuun keenya miidhama keenyarraa nu fayyiseera. Haalli kun gadda keenya akka nuuf salphise nutti dhagaʼama.”

Deev Fakkeenya Taʼuunsaa Nu Jajjabeesseera

 Barruun Dammaqaa! Amajjii 8, 2005, haala duʼa Deevii fi tajaajila inni Dominikaan Rippuubliik keessatti raawwate qabateera. Yeroo sanatti mata dureen kun dubbistootarratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hin hubanne turre. Fakkeenyaaf, Caamsaa 2019​tti obboleessi Niik jedhamu nuu wajjin wal argee akkana nuun jedhe:

 “Xumura bara 2004​tti, kolleejiidhaa barachaa kanan ture yommuu taʼu, galma hafuuraa hin qabu, gammachuus hin qabun ture. Dargaggummaa kootti karaa gaarii taʼeen fayyadamuu akkan dandaʼu akka na gargaaruuf Yihowaa kadhadheen ture. Utuma baayʼee hin turin barruu Dammaqaa! irraan muuxannoo Deev dubbise. Muuxannoonsaa deebii kadhannaa kootii ture!

 “Achiis kolleejiidhaa baʼeen qajeelchaa taʼee tajaajiluu eegale. Achiis afaan Ispaanish baradhee biyya kan biraa deemee tajaajiluufan karoorfadhe. Yeroo boodas, Nikaaraaguwaa keessa tajaajiluu fi haadha manaa koo wajjin Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galee barachuu dandaʼeera. Obboloonni, qajeelchaa taʼuuf wanti na kakaase maal akka taʼe yeroo na gaafatan muuxannoo Deevin isaanitti hima.”

 Obboleetti Abii jedhamtu yeroo arginettis wanta nama ajaaʼibu kan biraa dhageenye; obboleettiin kun yeroo nuti Walgaʼii Biyyoolessaa bara 2019​tti Boonas Aarees, Arjantiinaatti geggeeffame irratti argamuuf deemnetti hoteela nuti keessa buufannetti ramadamtee turte. Gaarummaa fi jaalalli ishiin nutti argisiiste baayʼee nu ajaaʼibee ture. Anii fi Kaan, amalli ishii kan Deevii wajjin akka wal fakkaatu nutti dhagaʼamee ture.

Muuxannoon Deev, Abiin tajaajila yeroo guutuu keessa seenuudhaan naannoo fagoo deemtee akka tajaajiltu ishii kakaaseera

 Gara kutaa keenya isa hoteelichatti argamuutti yeroo deebinu, liinkii barruu Dammaqaa! isa waaʼee Deev dubbatu ishiidhaaf ergine. Ishiinis daqiiqaa muraasa booda deebistee nuuf barreessite. Nuu wajjin haasaʼuu barbaaddee waan turteef kutaa keessummaa itti simatan keessatti wal argine. Achiis Abiin, Fulbaana 2011​tti qajeelchaa taʼuu fi naannoo fagoo deemtee tajaajiluu akka jalqabdu kan ishii kakaase muuxannoo Deev akka taʼe booʼaa nutti himte. “Bakkan itti ramadametti yeroo rakkinni na mudatu muuxannoo kanan irra deebiʼee dubbisa” nuun jette. Barruu sanallee qabattee turte!

 Muuxannoowwan akkasii, nutis miseensota maatii addunyaa maraa akka taane akka nutti dhagaʼamu godhaniiru. Addunyaa kana keessatti, akka saba Yihowaa tokkummaa kan qabu hin jiru!

 Anii fi Kaan, Deev obboloota kaanirratti dhiibbaa akkasii akka godhe baruun keenya baayʼee nu jajjabeesseera. Dargaggoonni keenya warri jireenya isaanii Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamaa jiran kaanis warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼu. Hinaaffaan isaan qaban karaa isaan hin beekneen, jireenya obboloota kaaniirratti dhiibbaa gochaa jira; fakkeenya isaaniif taʼuudhaanis warri kaan hamma isaaniif dandaʼame Yihowaa akka tajaajilan isaan jajjabeessaa jiru.

‘Hundi Isaanii Isaaf Jiraatoodha’

 Yesuus Luqaas 20:37 irratti, yaada Yihowaan “Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jechuudhaan waaʼee ofii isaa dubbate irra deebiʼee dubbateera. Yihowaan namoota kanaaf Waaqa kan taʼe yeroo isaan lubbuudhaan jiran qofatti utuu hin taʼin erga duʼanii boodas Waaqa isaanii akka taʼe dubbateera! Maaliif? Yesuus lakkoofsa 38​ffaa irratti: “Hundi isaanii isaaf jiraatoo[dha]” jedheera.

 Eeyyee, akka ilaalcha Yihowaatti, tajaajiltoonni isaa amanamoon hundi jiraatoodha; kunimmoo duʼaa isaan kaasuuf fedhii cimaa akka qabu nu hubachiisa! (Iyyoob 14:15; Yohaannis 5:28, 29) Yihowaan Deevii fi Tajaajiltootasaa amanamoo duʼaan boqotan kaaniifis ilaalchuma akkasii akka qabu shakkii hin qabu.

 Deeviin deebisee arguu nan barbaada; hunda caalaammoo Kaan isaa wajjin deebitee akka jiraattun barbaada. Nama akka ishii gaddaan miidhame matumaa argee hin beeku. Yaanni Luqaas 7:15 irratti argamuu fi “Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne” jedhu anaaf hiika guddaa qaba.

 Fulbaana 2005​tti, Anis akkuma haadha manaa koo qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Haadha manaa koo, ijoollee koo fi hiriyoota gaaʼelaa isaanii wajjin qajeelchaa taʼee tajaajiluun anaaf mirga guddaadha. Maatii tokkummaa qabu waan taaneef, wal deggerra, akkasumas yeroo addunyaa haaraa keessatti Deev isa jaallatamaa wajjin itti jiraannu abdii guddaadhaan eegganna.