Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

IIRMAA BEENTIIVOGLII | SEENAA JIREENYAA

Waaqa Isa ‘Kennaa Gaarii Hunda’ Kennu Tajaajiluu

Waaqa Isa ‘Kennaa Gaarii Hunda’ Kennu Tajaajiluu

 Sagaleen boombiin dhukaʼuuf akka jedhu beeksisu ni iyye. Haati koo anaa fi obboleessa koo xinnoo kaasuu ishiitti baattee gara mukeetii dhihoo jiran jala dhokachuuf fiigde. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa jaʼa ture.

 Dhukaʼiinsa boombii sana booda, haadha koo wajjin michuu ishiin baayʼee jaallattu barbaacha deemne. Yeroo boombiin sun dhukaʼutti akka duute yommuu beeknu baayʼee gaddine. Guyyoota muraasa booda boombiin kan biraan yommuu darbatamu immoo, abbaan koo na baatee saayikilii isaa fuuldura irra na kaaʼee hamma isaaf dandaʼame saffisaan magaalattii keessaa baʼuuf oofe.

 Waraanni Addunyaa Lammaffaan guutummaa Xaaliyaanii keessatti badiisaa fi miidhaa guddaa geessisee ture; wanta yeroo sanatti taʼe amma illee akka gaariittan yaadadha. Wanti jireenya koo irratti dhiibbaa guddaa geessise garuu ijoollummaa kootii kaasee namoota Yihowaa beekanii fi garaadhaa jaallataniin marfamuu kooti.

Kennaa Dhugaa

 Ganna bara 1936​tti, ani dhalachuu koo jiʼoota muraasa dura Abbaan koo nama Viinsenzoo Artuuzii jedhamu wajjin daandii baaburaa irra hojjeta ture. Viinsenzoon Dhugaa Baatuu Yihowaa cuuphame taʼu baatus, dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif jaalala guddaa qaba ture. Yeroo daandii baaburaa irra cabbii kaasanitti, Viinsenzoon wanta barachaa ture abbaa kootti hime.

 Abbaan koos yeruma sana wanti inni itti himu dhugaa taʼuu isaa hubateera. Abbaan koo fi namoonni muraasni magaalaa keenya Faaʼenzaa keessa jiran caalaatti barachuu barbaadu turan. Bara sirna Faashistii ariʼatamni jiru sanatti, Dhugaa Baatonni ifatti walgaʼii godhachuu hin dandaʼan, akkasumas namni barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe qabatee argame ni hidhama ture. Dhugaa baatonni Yihowaa tokko tokko immoo mana hidhaa turan. Kanaafuu, abbaan koo fi michoonni isaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi barreeffamoota qaban waliin qoʼachuuf manneen baadiyyaa fagoo jiranitti walitti qabamu turan. Kana malees, abbaan koo torban torbaniin maatiin keenya qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu galgalaatiif akka walitti qabaman godha ture.

Namoota Fakkeenya Gaarii Taʼan Argachuu

 Bara 1943​tti Dhugaa Baatonni Yihowaa sochii amantii isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii turan hedduun gadhiifamanii turan. Isaan keessaa tokko obboleettii qeenxee Maariyaa Piitisaatoo jedhamtu turte. Maariyaan kaaba Xaaliyaanii irraa gara mana ishiitti yommuu deebitu nu bira bulte. Ishiin Dhugaa Baatonni barreeffama akka argatanii fi waajjira damee Siwiizarlaandi isa yeroo sanatti hojii Xaaliyaanitti geggeeffamu toʼachaa turee wajjin qunnamtii gochuu isaanii akka itti fufan gaʼee guddaa raawwatteetti. Maariyaan dadhabduu fakkaattus dubartii cimtuu fi ija jabeettii turte. Waraanicha booda, darbee darbee magaalaa Faaʼenzaa ni dhufti turte; tibbi ishiin dhuftus yeroo hundaa yeroo addaa ture.

 Obboleettiin waaʼee ishii yaadannoo gaarii qabu kan biraan immoo, Albeenaa Kumiineettii kan jedhamtu turte. Yeroon umurii kurnanii keessa turetti, obboleettiin maanguddoon abbaan manaa ishii jalaa duʼe kun gamoo walgaʼii itti geggeeffannu keessa jiraatti ture. Jalqaba bara 1920mmanii kaastee Xaaliyaanii keessatti kolpooltarii (labsituu Wangeelaa yeroo hundaa) turte. Albeenaan hojii yeroo sana ture ilaalchisee seenaawwan nama dinqisiisan hedduu natti himteetti!

 Albeenaan barreeffamoota keenya hedduu fi miʼoota seena qabeessa kan biroo walitti qabuu jaallatti turte. Gaaf tokko mallattoo fannoo fi gonfoo yeroo sanatti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu (maqaa Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sana ittiin beekamanidha) qomatti kaaʼatanin arge. Fannoon namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne irraa akka dhufe yeroon beekutti baayʼee dinqisiifameen kolfe. Achiis Albeenaan wantan matumaa hin irraanfanne natti himte. Yaada Zakkaariyaas 4:10 irra jiru irratti hundooftee, “Guyyaa hojicha keessaa xinnoon qofti hojjetamuu itti jalqabe hin tuffatin!” naan jette.

Yeroo umuriin koo waggaa 14 turetti

 Jechoonni kun barumsa guddaa na barsiisaniiru. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu durii dhugaa guutummaatti kan hin hubanne taʼan illee isaan kabajuun qaba. Kana malees, barreeffamoonni keenya hundi Afaan Xaaliyaaniitiin waan hin jirreef, obboloonni keenya tokko tokko hubannaa sirreeffame tokko tokko beekuun yeroo isaanitti fudhateera. Kanas taʼe sana, Yihowaan carraaqqii isaan godhan ni dinqisiifata, anis dinqisiifachuun qaba.

 Gara garummaan umurii gidduu keenya jiru guddaa taʼus, Albeenaa wajjin haasaʼuun baayʼee natti tola. Maariyaa fi obboleettonni hinaaffaa qaban kan biroon haala rakkisaa keessatti illee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan fakkeenya guddaa naaf taʼaniiru. Isaanii wajjin yeroo dabarsuuf carraa argachuu kootti baayʼeen galateeffadha.

Beetelitti Tajaajiluu

 Bona bara 1955​tti, Walgaʼii Guddaa mata duree “Mootummaa Injifatu” jedhu qabu irratti argamuuf gara Roomaan dhaqe. Yeroo kanatti obboloota biyyoota gara garaatii dhufanii wajjinan Beeteliin daawwadhe. ‘Asitti tajaajiluun akkam gaaridha!” jedheen yaade.

 Muddee 18, 1955​tti nan cuuphame. Yeroo kanatti barachaa kanan ture taʼus tajaajila yeroo guutuutti seenuuf murteesseen ture. Bara 1956 walgaʼii guddaa magaalaa Janooʼaatti godhame irratti, beeksisa namoonni Beetelitti fedhiidhaan tajaajilan akka barbaachisan ibsun dhagaʼe. Haa taʼu malee, bakka buʼaan waajjira damee sun obboleettonni Beetelitti akka hin barbaachisne dubbate.

 Yeroo booda, waaʼee galmawwan koo obboleessa keenya Piyeeroo Gaatii a isa ilaaltuu olaanaa aanaa keenya taʼettin hime. Lallabaan Wangeelaa miira hoʼaa fi hinaaffaa qabu kun, “Ani qajeelchaa addaa taatee akka tajaajiltun si jajjabeessa” naan jedhe.

 Yeroo booda, waajjira damee irraa xalayaan tokko naaf ergame. Xalayaa qajeelchaa akkan taʼe ibsudha jedhee yaadeen ture, garuu miti. Affeerraa foormii tajaajila Beetel akkan guutuuf ergame ture!

Ilaariyaa Kaastiiliyoonii (dhaabattee) obboleettii bara 1959​tti Beetel keessatti hojii hiikkaa irratti anaa wajjin hojjechaa turte

 Amajjii 1958 gara Beetelin dhufe. Yeroo sanatti, miseensonni maatii Beetel namoota 10 hanga 12 hin caalan turan. Obboleessaa fi obboleettii waajjira damee keessatti hojii hiikkaa hojjetan akkan gargaarun ramadame. Wanta hojjetamu hedduutu jira ture, ani immoo hiikkaa irratti muuxannoo hin qabun ture. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin hojii koo kana jaallachuu dandaʼeera.

 Gara waggaa fi jiʼa kudhanii booda garuu hojiin hiikkaa akka haaraatti qindeeffame; anis qajeelchaa taʼee akkan tajaajilun ramadame. Jireenyi Beetel baayʼee natti tolee waan tureef, kun taʼuun isaa baayʼee na naasise. Haa taʼu malee, yeroo booda ramaddii koo akka kennaa Yihowaa biraa argadhe kan biraatti ilaaluun jalqabe.

Hiriyaa Lallabaa Hinaaffaa Qabdun Argadhe

 Fulbaana 1, 1959, magaalaa Kirrumoonaatti qajeelchaa addaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Qajeelchituun naa wajjin tajaajiltu Dooriis Meeyar ishii Deenmaarkii dhufte turte. Umuriidhaan waggoota muraasa qofa kan na caaltu taʼus, qajeelchitu muuxannoo qabduu fi ani baayʼee dinqisiifadhu turte. Dooriis dursa kan fudhattu, ija jabeettii fi kutattuu turte. Guutummaa magaalattii keessatti Dhugaa Baatonni nu qofa waan taʼeef, naannoo tajaajilaa keenya keessatti amalawwan kunneen nu barbaachisu turan.

Dooriis (bitaa) fi Biruunildee (mirga) qajeelchitoota naa wajjin magaalaa Kirrumoonaa keessa tajaajilaa turan irraa wantoota hedduu baradheera

 Dooriis gara Kirrumoonaa kan dhufte na dura ture, kanaaf walgaʼiin gamoo kireeffame tokko keessatti akka geggeeffamu qophii goote. Qeesonni Kaatolikii magaalattii sochii keenya salphaatti waan addaan baafatanii fi baayʼee waan aaraniif, lallaba isaanii irratti waaʼee keenya namoota akeekkachiisan.

 Gaaf tokko abbootiin taayitaa gara waajjira poolisii akka deemnu nutti himan. Nu qabanii nu hidhuu baatanis, Dooriis nama biyya alaa akka taate ibsuudhaan magaalaa Kirrumoonaa keessaa baʼuu akka qabdu dubbatan. Dhuma irratti, Dooriis gara Deenmaarkitti deebitee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu ishii itti fufteetti.

 Utuma baayʼee hin turin, obboleettiin qeenxeen kan biraa Biruunildee Maarkii jedhamtu Kirrumoonaatti ramadamte. Biruunildeen nama tasgabboofte, namootaa wajjin salphaatti kan walii galtuu fi hojii lallabaa kan jaallattudha. Namoota hedduu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan jalqabsiisne yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko karaa hafuuraa guddina gaarii godhaniiru.

 Jalqaba xinnoo hojii lallabaa Kirrumoonaa keessatti raawwatamee irratti hirmaachuuf carraa argachuu kootti guddaan Yihowaa galateeffadha. Yeroo harʼaatti, magaalattii keessa gumii shantu jira!

Wanta Dinqisiisaa hin Eegamne

 Waajjira dameetii yommuu naaf bilbilamu gara Kirrumoonaa ergan dhufee waggaa lama hin guunne. Walgaʼii guddaa guyyaa jaʼaa Adoolessa 1961 mata dureen isaa “Tokkummaadhaan Yihowaa Waaqeffachuu” jedhuuf qophii gochuuf hojii hiikkaa hedduun hojjetamuu qaba ture. Kanaafuu gara Beetelitti akkan deebiʼun affeerame. Gammachuudhaan kan kaʼe nan utaale! Guraandhala 1, 1961 gara Beetelittin deebiʼe.

 Guyyaa guyyaadhaan saʼaatii dheeraa hojjenna turre; taʼus guyyaa guyyaadhaan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuudhaan muddamuun mirga guddaadha. Jiʼoonni sun saffisaan darbanii yeroon itti walgaʼii guddaan godhamu ni gaʼe.

 Walgaʼii guddaa sana irratti beeksisa Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Xaaliyaaniitiin akka baʼe ibsu dhageenye. Anis ‘Hojii heduutu nu eeggata jechuudha’ jedheen yaade. Dhuguma iyyuu hojii hedduutu nu eeggata ture. Obboloonni yeroo muraasaaf Beetel akkan turu natti himan. Kan nama dinqu, amma waggaa 60 ol booda illee achuman jira!

Dippaartimantii Hiikkaa keessatti, bara 1965

Kennaa Dinqisiisaa Yihowaa Biraa Argadhe kan Biraa

 Kennaa biraan waggoota hedduuf bakka guddaa kennuuf qeenxee taʼee jiraachuu kooti. Kana jechuun garuu heerumuuf matumaa yaadee hin beeku jechuu miti. Yeroo taʼe tokko qeenxee taʼee jiraachuun baayʼee na dhiphisee ture. Kanaafuu, waaʼee dhimma kanaa Yihowaattin kadhannaa dhiheesse. Inni nama kam iyyuu caalaa na beeka. Wanta caalaatti anaaf wayyu akkan hubadhu akka na gargaarun isa gaafadhe.

 Caqasawwan akka Maatewos 19:11, 12 fi 1 Qorontos 7:8, 38 jiran anaaf hiika guddaa qabaachuu jalqaban, Yihowaan iftoominaa fi nagaa keessaa waan naa kenneef guddaan isa galateeffadha. Murtoon godhetti matumaa hin gaabbu, qeenxummaa koo wanta hunda irra caalu Yihowaadhaaf kennuuf itti fayyadamuu waanan dandaʼeef guddaan galateeffadha.

 Waggoota hedduudhaaf, jaarmiyaan Yihowaa teknoolojii haaraa guddachaa deemuu fi ‘aannan sabootaa’ kan biraa fayyadamuuf, Dippaartimantii Hiikkaa keessatti jijjiiramawwan hedduun yeroo taasifaman arguu dandaʼeera. (Isaayyaas 60:16) Jijjiiramawwan kunneen tokkummaa obbolummaa addunyaa maraa cimsaniiru. Fakkeenyaaf, bara 1985 maxxansi Masaraa Eegumsaa Xaaliyaanii fi Ingiliffaa qixxee baʼuu jalqabe. Yeroo harʼaatti, jw.org irratti mata dureewwanii fi viidiyoowwan afaan hedduudhaan ni argamu; hedduun isaanii immoo Ingiliffaa wajjin qixxee baʼu. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan sabni isaa tokkummaa akka qabaatanii fi nyaata hafuuraa yeroo sirrii taʼetti akka argatan taasisa.

 Yihowaan arjummaa guddaa natti argisiiseera. Yeroon qajeelchaa addaa turetti tajaajila buʼa qabeessa akkan raawwadhu naaf heyyameera. Fedhii ani Beetelitti tajaajiluuf qabu naaf guuteera; achitti michoota umurii fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban horadheera. Kana malees, haati koo umurii ishii waggaa 68 cuuphamtee tajaajiltuu Yihowaa yommuu taatu arguun koo anaaf eebba guddaadha. Yeroo ishiis taʼe namoota awwaala yaadannoo keessa jiran duʼaa itti kaʼan argu hawwii guddaadhaanan eega.—Yohaannis 5:28, 29.

 Yihowaan yeroo ‘wantoota hundumaa haaraa’ godhutti wanta tajaajiltoota isaatiif raawwatu arguuf hawwii guddaan qaba. (Mulʼata 21:5) Ani waaʼee kanaa mirkanooftuudha: Yihowaan ‘kennaa gaariinii fi kennaa guutuu hunda’ nu irratti dhangalaasuu isaa matumaa hin dhiisu.—Yaaqoob 1:17.

Yeroo harʼaa bakka hojii koo Dippaartimantii Hiikkaa keessatti

a Seenaan jireenyaa obboleessa keenya Piyeeroo Gaatii Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2011, fuula 20-23 irratti baʼeera.