Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA | JEEYI KAAMBEEL

Bakka Iddoo Hin Qabnerraa Kaʼee Ulfina Argachuu

Bakka Iddoo Hin Qabnerraa Kaʼee Ulfina Argachuu

 Xinnummaa kootii kaasee saalfattuun ture. Manaa baʼuu hin jaalladhu, nama nan baqadha, yeroo baayʼee gatii akka hin qabne natti dhagaʼama ture. Namatti kanan mulʼadhu darbee darbee yommuu taʼu namoonni kabajaa fi ulfinaan akka na hin qabne natti dhagaʼama. Mee seenaa koon isinitti hima.

 Hagayya 1967 umuriin koo jiʼa 18 yeroo taʼetti guyyaa tokko dhaqna gubaa cimaatu na qabate. Ganama yommuun kaʼu miilli koo na lamshaaʼe. Hospitaala Firiitawoon, Seeraaliyoon bakkan jiraadhutti qorannaan godhame pooliyoon akka na qabate argisiisa; dhukkubni kun infeekshinii vaayirasii qaama laamshessuu fi yeroo baayʼee ijoollee umurii waggaa shanii gad jiran qabatudha. Fiiziyoo teraappii hojjechuun miilla koo cimsuuf na gargaaruu hin dandaʼu. Miilli koo suuta suuta lamshaaʼe, qaama koos baachuu ni dadhabe. Hanqina qaamaa ani qabuun kan kaʼe abbaan koo yeroo baayʼee ‘mucaa hanquu’ jedhee na waama. Adeemuu dadhabuu koo irraa kan kaʼe waanan foqoquuf gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama.

Lafarra Foqoqaa Guddachuu

 Haadha koo fi maatiiwwan hiyyeeyyii taʼan hedduu wajjin naannoo tokko keessattan guddadhe. Namoonni na jaallatu, jaalala abbaas argachuun barbaadan ture, abbaan koo garuu na hin jaallatu. Namoonni tokko tokko haalli koo qaalluu wajjin kan wal qabate malee dhukkuba akka hin taane amanu. Namoonni kaan immoo haati koo mana ijoollee hanqina qaamaa qaban kunuunsu tokko duratti geessitee akka na gattu ishii gorsu turan. Kun baʼaa na guddisuuf ishiirra gaʼu akka ishiif hambisu sababa dhiheessu. Haati koo yaada kana kan didde yeroo taʼu kunuunsa naaf gochuuf carraaqqii cimaa gooti.

 Dhaabachuus taʼe deemuu waan hin dandeenyeef nan foqoqan ture. Yommuun foqoqutti wantoonni lafarra jiran qaama koo madeessaniiru. Miidhaa qaama koorra gaʼu xiqqeessuuf uffata furdaan uffadha. Harka koof immoo akka gilaaviittan siliipparii godhadhan ture. Yeroo booda siliipparii muka irraa hojjetamee fi boca qubee U fakkaatu qabun harka kootti godhachuu jalqabe. Siliipparii muka irraa hojjetame lafarra kaaʼeen irraa jalaan qaamaan gara fuulduraatti deema. Achiis dugda koo harkaan deggeruudhaan miilla koo gara kallattii tokkotti geessa. Tarkaanfii tokko ergan deemee booda amma immoo sochii rakkisaa ittaanun godha. Kun harkaa fi gatiittii kootti baʼaa ulfaataa taʼeera. Haala kanaan sochoʼuun carraaqqii cimaa waan gaafatuuf yeroo baayʼee mooraa keessaa hin baʼu. Mana barumsaa deemuus taʼe ijoollee kaanii wajjin taphachuu hin dandaʼun ture. Haatikoo utuu hin jirtu taʼee namni na gargaaru akka hin jirre nan yaada ture.

 Kadhattuu akkan hin taane Waaqayyo akka na gargaarun kadhadha ture. Waaqayyotti yoon dhihaadhee fi sirriitti yoon isa tajaajile wanta na barbaachisu akka naaf kennu natti dhagaʼame. Kanaafuu guyyaa tokko bara 1981, naannoo kootii deemuun baayʼee kan natti ulfaatu taʼus, waldaa naannoo ani jiraadhu jirtu tokkon deeme. Akkaataa namoonni itti na ilaalan baayʼee natti hin tolle. Paastariin waldichaa achi dhufuu koo hin jaallanne, kana malees toora warri kaan itti kaffalan irra waanan taaʼeef haadha kootti ni dheekkame. Lammata deebiʼee akkan hin dhaqne nan kakadhe.

Abbaa Koo Isa Samii Akkamitti Akkan Argadhe

 Ganama guyyaa tokkoo bara 1984 umuriin koo waggaa 18 yommuu turetti bakkan yeroo hunda taaʼu jechuunis foddaa bira taaʼuuf kutaa manaa isa gararraa jiruttan ol baʼe. Achi taaʼee wantoota alaa raawwataman hundan ilaala. Sana booda garuu gara kutaa gajjallaa jiranitti gad buʼeen oobdii keessa taaʼuu kanan jalqabe taʼus bakka kanatti wanti argan hin jiru. Yeroon gad buʼu namoota manaa gara manaatti lallabaa jiran lamaa wajjinan wal arge. Abdii bareedaa gara fuulduraa haalli koo itti jijjiiramuu dandaʼu natti himan.. Isaayaas 33:24 fi Mulʼata 21:3, 4 naaf dubbisan. Achiis birooshura bareedaa Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu erga naaf kennanii booda deebiʼanii akka dhufan waadaa galanii deeman.

 Deddeebii gaaffii lammaffaa irratti maree keenya itti fufuuf misiyoonii reefuu ramadamtee fi Paawuliin jedhamtuu fidanii akka dhufan natti himan. Akkuma natti himan fidanii kan dhufan yommuu taʼu walitti dhufeenyi Paawuliinii fi ana gidduu jiru walitti dhufeenya haadhaa fi intalaa fakkaata. Haati koo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ani “haadha koo ishii haaraa” wajjin jalqabe akkan itti fufu na jajjabeessite. Haati koo ishiin haaraan jaalala ofittummaarraa walaba taʼe kan argisiistu, obsa, gaarummaa fi na gargaaruuf fedhii kan qabdu akkasumas waaʼeen nagummaa koo yeroo hunda kan ishii yaaddessudha. Dubbisuu akkan dandaʼu na barsiisteetti. Barreeffama Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamutti fayyadamtee Abbaa isa jaalala qabeessa ani arguuf hawwaa turee wajjin wal na barsiiste.

Paawuliin ishii misiyoonii taatee fi Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiiste

 Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe baayʼee na gammachiiseera. Gaaf tokko walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa godhanii fi Qayyabannaa Kitaabaa Gumii a jedhamu irratti argamuu dandaʼuu fi dhiisuu koon Paawuliiniin gaafadhe. Walgaʼiin kun mana Dhugaa Baatotaa taʼanii fi mana Jeeyi irraa xinnoo fagaatutti godhama ture. Paawuliin argamuu akkan dandaʼu natti himte. Guyyaa ittaanu jechuunis Kibxata waliin taanee walgaʼicha irratti argamuuf mana koo dhuftee dhagna koo dhiqadhee hangan uffata koo uffadhutti na eegde. Namni tokko gatii taaksii akka naaf kaffaltu Paawuliiniin akkan gaafadhu natti hime, ani garuu, “Siliipparii koo isa muka irraa hojjetameenan deema” jedheen deebiseef.

 Saʼaatiin gaʼee yeroon manaa baʼu haati koo fi ollaawwan keenya yaaddoodhaan na ilaalaa turan. Oobdii keessa yeroon darbutti ollaawwan tokko tokko, “Maaliif ishii dirqisiista?” jedhanii Paawuliinitti iyyaa turan.

 Paawuliin sagalee namatti toluun, “Jeeyi, dhufuu ni barbaaddaa?” jettee na gaafatte. Kun yeroo ani Yihowaatti akkan amanamu itti argisiisudha. (Fakkeenya 3:5, 6) “Eeyyee! Kun murtoo kooti” jedheen deebiseef. Olloonni cal jedhanii na ilaalaa kan turan yommuu taʼu yeroon cufaa dallaa bira gaʼu amalli isaanii jijjiiramaa deeme. Dallaa keessaa yommuun baʼu hundisaanii sagalee gammachuu naaf dhageessisan.

 Walgaʼichi baayʼee na gammachiise! Baayʼees na haaromse.Hundisaanii miira hoʼaadhaan na simatan. Namni isaanii gad akkan taʼetti na ilaale hin jiru. Tasgabbii guddaatu natti dhagaʼame. Kanaafuu yeroo hundan irratti argama ture. Achiis baayʼee utuu hin turin, walgaʼiiwwan gurgudda Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti godhamu irratti argamuu dandaʼuu fi dhiisuu koo nan gaafadhe. Hiyyeettii waanan taʼeef wandaboo lamaa fi siliipparii tokko qofan qaba ture. Haa taʼu malee, sabni Waaqayyoo akka na hin jibbine natti dhagaʼame. Dhugaadha natti dhagaʼamees hin beeku.

 Galma Walgaʼii dhaquuf hanga qarqara daandiitti deemuudhaan taaksii qabachuu achiis bakka Galmi Walgaʼii jiru gaʼuuf miillaan deemuu gaafata. Sana booda obboloonni harkaan na baatanii galmatti ol na galchu turan.

 Gaarummaa Yihowaa akkan arge waan natti dhagaʼameef isatti kooluu galuun barbaade. Yeroo hunda walgaʼii irratti argamuufan murteesse. (Faarfannaa 34:8) Waqtii roobaatti jiidhee fi dhoqqeedhaan laaqamee kanan achi gaʼu yommuu taʼu galmatti uffata koo jijjiirrachuun qaba. Taʼus akkas gochuun koo na hin gaabbisiisu!

 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1985 irratti seenaan koo baʼee ture. Kitaaba Waggaa irraa seenaa koo erga dubbistee booda Dhugaa Baatuun Joosettee jedhamtuu fi Siwiizarlaandi jiraattu wiilcherii akka biskileetii harkaan oofamu akkasumas dhoqqeen akka natti hin facaane dhowwuu fi fullee bareedaa duuba argisiisu qabu naaf ergite. Sana booda, kabajaan bakkaa bakkatti deemuu dandaʼeera. Ijoolleen ajaaʼiba guddaadhaan ilaalu, akkasumas barcuma bareedaa irra taaʼee yeroon oofu arguu baayʼee akka jaallatan dubbatu. Amma foqoquun na hin barbaachisu, kanaafuu ulfina guddaa akkan qabu natti dhagaʼama.

Ulfina Guddaa Argachuu

 Jireenya salphaa fi amala gaarii waanan qabuuf karaa hafuuraa guddina argisiisuun salphaa ture. Barcumni koo tajaajila irratti hirmaachuuf kan na dandeessise yommuu taʼu, Hagayya 9, 1986 cuuphamuu dandaʼeera. Cuuphamuun jireenyi koo, isan kanaan dura matumaa yaadee hin beekne caalaa akka jijjiiramu godheera. Keessi koo gammachuu argateera, gatii akkan qabu natti dhagaʼama, amma Abbaa na jaallatu waanan qabuuf ofitti amanannaan qaba, namoota dhugumaan naaf yaadaniin marfameen jira.

 Yihowaadhaaf gatii deebisuuf qajeelchaa taʼuuf yaaduun jalqabe, taʼus hammam akkan dandaʼu hin beekun ture. (Faarfannaa 116:12) Dhimma kana irratti ergan kadhadhee booda yaaluufan murteesse. Amajjii 1, 1988 eegalee hanga harʼaatti qajeelchaa taʼee tajaajilaan jira. Eebba hangana hin jedhamne naaf argamsiiseera! Obbolootaa fi obboleettota jaalala qabeeyyii galma koo jiʼaa irra akkan gaʼu na gargaaran qaba. Yihowaan karaa hafuurasaa akkamitti akka na deggere argeera.—Faarfannaa 89:21.

 Qajeelchituu waanan taʼeef bakkaa bakkatti caalaattan sochii godha, miilli koo sochoʼuu baatus kun na gargaareera. Yeroo muraasa booda fiziyooteeraappii fi sagantaa sochii qaamaa akkan argadhu abdachuudhaan gara kiliinika haaraa baname tokkoon deeme. Haa taʼu malee, narsiin achii hojjettu tokko ‘dhiheenyatti waan dutuuf achi deemuuf hin dhiphatin’ naan jette. Narsiin ishii wajjin hojjettu tokkos akkanuma gaafa naan jettu abdiin kutadhe. Kanaafuu manatti deebiʼee miira abdii kutachuu natti dhagaʼamu dandaʼuu fi gosa teeraappii kan biraa argachuuf Yihowaan akka na gargaarun kadhadhe.

 Tajaajilli gosa teeraappii hundarra caalu anaaf taʼeera. Sochii qaamaa baayʼee akkan godhu na taasiseera. Waggoota muraasa booda, narsiin dhiheenyatti akkan duʼu natti himtee turte Galma Walgaʼii bira yommuu darbitu na argite. Yommuu na argitu baayʼee ishii ajaaʼibe!

 Haala akkasii keessa kanan jiru taʼus tajaajila Yihowaa irratti dammaqinaan hirmaachuufan yaala. Obboloonni hinaaffaa ani qabuuf akkasumas walgaʼiiwwan irratti argamuuf dursee waanan deemuuf na galateeffatu. Yeroo hunda kana gochuun koo, obbolootaa fi obboleettota koo nagaa gaafachuu fi akkan isaaniif yaadu argisiisuufidha.

 Jireenya koo keessatti gaarummaa Yihowaa argeera, eebba hedduus argadheera. Namoonni sadii akka cuuphaman gargaaruudhaan gammachuu argadheera. Isaan keessaa Ameeliyaa kan jedhamtu mana barumsaa Giiliyaad kutaa 137​ffaa irratti hirmaatteetti. Mana Barumsaa Qajeelchitootaa isa qophii dinqisiisaa Yihowaa biraa argame irratti yeroo baayʼee hirmaadheera. Yihowaan gammachuu akkan argadhuu fi ofitti amanannaa akkan qabaadhu na gargaareera. Yeroo ammaa namoonni kabaja naaf qabu. Kana booda matumaa ofitti hin qaanaʼu. Firiitaawon bakkan jiraadhu keessaa qofa utuu hin taʼin, guutummaa biyyichaa fi addunyaa maratti mana dhugaa keessaa michoota hedduun qaba.

 Waadaa Waaqayyo addunyaa haaraa namoonni dhibee fayyaa qaban itti fayyan akka fidu ergan baree gara waggaa 40 darbeera. Abdiin kun dhugaa taʼuun isaa na jajjabeessuu isaa kan itti fufe yommuu taʼu raawwii abdii kanaa hawwiidhaanan eega. Yihowaa Waaqni koo akka hin turre waanan beekuuf obsaan nan eeggadha. (Miikiyaas 7:7) Rakkina na mudateen kan kaʼe abdii kutachuu dhiisuun koo eebba hedduu naaf argamsiiseera. Yihowaan rakkina hedduu fi haala rakkisaa taʼe akkan moʼu na gargaareera. Yihowaan yeroo barbaachisaa taʼetti gargaarsa naaf godheera. Bakka iddoo hin qabne irraa jechuunis bakkan foqoquu irraa kaʼee ulfina guddaa nan argadha jedhee matumaa yaadee hin beekne waanan argadheef gammachuu dhugaan qaba.

a Yeroo ammaa Qayyabanna Kitaaba Qulqulluu Gumii jedhamee waamama.