Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KAMIILAA ROOZAM | SEENAA JIREENYAA

Yihowaadhaaf Ajajamuuf Murtoon Godhe

Yihowaadhaaf Ajajamuuf Murtoon Godhe

 Akkoo fi akaakaan tiyya waaʼee abdii Mootummaa Yihowaa kan dhagaʼan bara 1906​tti mucaan isaanii dhukkuba laagaa, liqimsuu fi hafuura baafachuu nama dhowwuun qabamee erga duʼee booda ture. Doktarri isaanii Barataa Kitaaba Qulqulluu( maqaa yeroo sanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa ittiin waamamanidha) ture. Waaʼee abdii duʼaa kaʼuu dabalatee ergaa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu isaanitti hime. Kanaan kan kaʼes, akkoo fi akaakaan akkasumas haati tiyya fi obboleettiin ishii Barattoota Kitaaba Qulqulluu taʼan.

 Maatiin kun waggoota hedduuf hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajileera. Yeroo “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhu Chiikaagoo, Iilliinoyi Yuunaayitid Isteetisitti argisiifamaa turettillee dubartoonni kunneen keessumsiistota taʼuudhaan namootatti bakka taaʼumsaa argisiisaa turan. Kan nama gaddisiisu garuu Yihowaa tajaajiluu ishii kan itti fufte haadha tiyya qofadha. Maatichi hanga bar 1930​tti yeroo hunda walitti dhihaachaa fi Yihowaa tajaajilaa waan tureef kun haadha tiyyaaf baayʼee ulfaataa ture. Haati tiyya Yihowaadhaaf amanamuu fi ajajamuun ishii baayʼee na tuqe; abbaan tiyya inni Barataa Kitaaba Qulqulluu amanamaa taʼes fakkeenya naaf taʼeera.

Suuraa maatii, 1948

 Bara 1927​tti kanan dhaladhe yeroo taʼu ijoollee jaʼa keessaa ani angafadha. Hundi keenya mana dhugaa keessa jirra. Abbaan tiyya hojii anaaxummaa waan hojjetuuf magaalaa Chiikaagoo keessaa baanee mana jireenyaaf mijataa taʼe keessa jiraanna. Ooyiruu balʼaa kuduraa itti oomishnu qabna, lukkuu fi daakkiyyees ni horsiisna.

 Hojii baayʼeen jaalladha. Hojiin mana keessatti hojjedhu keessaa inni tokko kaalsii maatichaa suphuudha. Yeroo harʼaatti kaalsii suphuun waan jiru hin fakkaatu; bara sanatti garuu kaalsiin yoo urate hin gatamu. Kaalsiin urate marfee fi foʼaadhaan hodhama ykn suphama. Jireenya koo gara boodaa keessatti hojii hodhaa waanan hojjedheef ogummaa kana barachuun koo baayʼee gaarii ture.

Warri Tiyya Fakkeenya Gaarii Naaf Taʼaniiru

 Abbaan tiyya maatichi yeroo hunda waaqeffannaa Yihowaatiif xiyyeeffannaa akka kennu godha. Kanaafuu walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa hundarratti ni argamna; tajaajilarratti yeroo hunda ni hirmaanna, Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan qorra. Yeroo hunda Sanbadduraa galgala Masaraa Eegumsaatti fayyadamuudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu maatii goona.

 Ollaawwan keenyaaf akka gaariitti dhugaa baʼuuf Abbaan tiyya foddaa goorduuba mana keenyaatti mallattoo elektiriikiidhaan hojjetu kaaʼe. Mallattoon kun obboloota keenyaan kan tolchame yeroo taʼu haasaa sabaa ykn barreeffama keenya beeksisa ture. Ibsaan saanduqicha keessa jiru utuu walirraa hin kutin ifee waan dhaamuuf namoota karaa mana keenyaa darban xiyyeeffannaasaani harkisa ture. Akkasumas Abbayyeen mallattoo lama konkolaataa keenya irratti qabsiisee ture.

Haati keenya foonoogiraafii qabannee tajaajila nu fuutee yeroo deemtu

 Abbayyeen barbaachisummaa Yihowaadhaaf ajajamuu jechaa fi hojiidhaan fakkeenya taʼuudhaan nu barsiiseera. Harmeen karaa hundumaan isa deggerti turte. Obboleettiin tiyya ishiin quxusuun umurii waggaa shanii yeroo turtetti qajeelchaa taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluu jalqabde; umurii ishii guutuu qajeelchaa taatee itti fufteetti. Warra baayʼee nama gammachiisanan qaba.

 Jireenyi yeroo sanaa isa ammaa irraa baayʼee addadha. Televijiinii hin qabnu waan taʼeef obboleettota tiyyaa wajjin lafarra teenyee tamsaasa raadiyoo walitti aansanii darbanii fi namatti tolan dhaggeeffanna turre. Hunda caalaa maatiin keenya sagantaa hafuuraa jaarmiyaan Yihowaa karaa raadiyoo tamsaasu hordofuu ni jaallata ture.

Walgaʼiiwwan Naannoo, Foonoogiraafii fi Mallattoo Saandiwichii

 Walgaʼiiwwan naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu ni jaallanna turre. Walgaʼii naannoo bara 1935​tti geggeeffame irratti “tuutni uummataa guddaan” Mulʼata 7:9, 14 irratti “rakkina guddaa” jalaa oolanii fi lafa Jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdii qaban eenyu akka taʼan barre. Bara 1935 dura abbaa fi haati tiyya Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatu turan. Haa taʼu malee, walgaʼii naannoo sana booda hirmaachuu isaa kan itti fufe abbaa tiyya qofadha. Haati tiyya abdiin ishii samii keessatti Kiristoosii wajjin bulchuu utuu hin taʼin, bara baraaf lafarra jiraachuu akka taʼe barte.

 Walgaʼii naannoo bara 1941 Seeyint Luwiis, Miizuurii godhame irratti Joseef Raazarfoordi inni yeroo sanatti hojicha geggeessaa ture kitaaba Children jedhamu beeksise. Sagalee fi harka walitti rukuttuun daqiiqaa hedduudhaaf itti fufee ture. Yommuu sana umuriin tiyya waggaa 14 yeroo taʼu waggaa tokko duran cuuphame. Kitaabicha fudhachuuf ijoollee kaanii wajjin hiriira gallee gara waltajjiitti yeroo deemnu akka gaariittan yaadadha.

Looreen wajjin, 1944

 Yeroo sanatti, tajaajilli isa ammaa irraa addadha. Baroota 1930 keessa foonoograafiitti fayyadamnee haasaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi waraabaman namootaaf taphachiisna turre. Balbala tokko rurrukutuu keenya dura foonoograaficha naannessuudhaan waraabbii fi lilmichi sirriitti kaaʼamuu isaanii mirkaneeffanna. Namni haasofsiisnu yommuu gad baʼu yaada gabaabaa itti himna, haasaa Kitaaba Qulqulluu daqiiqaa afurii fi walakkaaf qophaaʼe dhageessifna, achiis barreeffama afeerra. Namoonni naannoo keenyaa ulfinaan dhaggeeffatu turan. Nama amala hin taane argisiise hin yaadadhu. Umurii waggaa 16​tti qajeelchaa yeroon taʼe abbayyeen foonoogiraafii dhuunfaatti kan naaf kenne yeroo taʼu, kunis tajaajila irratti akka gaariitti fayyadamuuf na gargaareera. Looreen ishiin qajeelchitoota taanee waliin tajaajillu obboleettii baayʼee cimtuudha.

 Odeeffannoo baannee hiriiraan dhaabachuudhaan dhugaa baʼuun mala tajaajilaa kan biraa ture. Mallattoo lama fuulduratti, mallattoo tokko immoo duubatti waan godhannuuf yeroodhaaf “sandwich-sign parades” jennee waamaa turre. Obboloonni dhaadannoo kanneen akka “Amantiin Kiyyoo fi Gowwoomsaa dha” akkasumas “Waaqayyoo fi Kiristoos Mooticha Tajaajilaa” jedhan baatu turan.

Beeksisa godhannee yeroo dhugaa baanu

 Walgaʼiiwwan keenya mormii nu mudatuuf nu qopheesseera, dhugaadhaaf akkamitti akka falminus nu barsiiseera. Utuu hin turin mormiin nu irra gaʼe. Fakkeenyaaf yeroo jalqabaatiif bakka gabaa gobbuu tokkotti barruulee yeroo raabsinutti, poolisiin nu qabee miini baasii tokkoon buufata poolisiitti nu geesse. Saʼaatii hedduudhaaf erga achi turree booda kan nu gadhiisan yommuu taʼu Yihowaadhaaf waan ajajamneef ariʼatamuu keenyatti baayʼee gammanna.

Gaaʼela Godhachuu, Giiliyaadii fi Waraanaaf Waamamuu

Yugiinii fi ana guyyaa cidha keenyaa

 Yeroo booda, Looreen obboleessa Yugiin Roozaam jedhamuu fi walgaʼii aanaa Miniyaapooliis, Miiniisootaatti geggeeffame irratti wal bartee wajjin wal na barsiiste. Yugiin Kii Weest, Filooriidaatti guddate. Kutaa kurnaffaa yeroo turetti sirnawwan sabboonummaa argisiisan irratti hirmaachuu waan dideef mana barumsaatii ariʼameera. Yugiin yeruma sana qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Guyyaa tokko intala kutaa tokko waliin barachaa turanii wajjin wal arge. Yugiin barataa beekamaa waan tureef mana barumsaatii maaliif akka ariʼame gaafatte. Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan deebii waan kenneef Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Dhugaa fudhachuudhaan obboleettii amanamtuu taate.

Kii Weesti keessatti, 1951

 Yugiinii fi ani bara 1948​tti gaaʼela dhaabbanne. Gaaʼela haaraa qajeelchaa taanee Kii Weest keessatti tajaajiluu jalqabne. Yeroo booda, mana barumsaa Giiliyaad kutaa 18​ffaa akka barannu kan affeeramne yommuu taʼu jalqaba bara 1952​tti eebbifamne. Kutaa kennamu keessaa Afaan Ispaanishii waan barsiifamuuf biyyoota afaanicha dubbatan keessaa tokkotti akka ramadamnu shakkinee turre. Haa taʼu malee akka yaanne hin miti. Mana barumsaa Giiliyaad utuu jirruu Waraanni Kooriyaa kan jalqabe yeroo taʼu Yugiin waraanaaf waamame. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti tajaajila dirqamaa irraa bilisa waan taʼeef matumaa kana hin eegne turre. Waamicha kanaan kan kaʼe Yuunaayitid Isteetis keessaa akka hin baane nutti himame. Baayʼee waanan gaddeef nan booʼe. Waggaa lama booda dhuma irratti Yugiin dirqama irraa bilisa taʼe. Haa taʼu malee rakkina kana irraa barumsa guddaa arganneerra; balballi tokko yeroo cufamu Yihowaan balbala kan biraa bana; kan taʼes kanadha. Wanti gochuu qabnu obsuu qofadha.

Kutaa Giiliyaad keenya

Hojii Daawwannaa fi Gara Kaanaadaa Deemuu!

 Gumii Afaan Ispaanish Taksaan, Ariizoonaatti qajeelchitoota taanee erga tajaajillee booda bara 1953 hojii daawwannaa irratti ramadamne. Yeroo booda, aanaawwan Ohaayoo, Kaalifoorniyaa fi Niiwu Yoorki Siitii keessa jiranitti tajaajilleerra. Bara 1958​tti Kaalifoorniyaa fi Oriigan keessatti hojii koonyaa jalqabne. a Yeroo deemnu mana obbolootaa buufanna turre. Achiis bara 1960 gara Kaanaadaa kan deemne yeroo taʼu Yugiin barsiisaa Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa jaarsolii gumii taʼee tajaajile. Hanga bara 1988​tti Kaanaadaa turre.

 Yeroo gaarii Kaanaadaatti dabarsine keessaa matumaa kanan hin irraanfanne maatii obboleettiin tokkoo fi ani tajaajila manaa gara manaatti haasofsiisnedha. Jalqaba kan arganne Geel ishii haadha taate yeroo taʼu, ilmi ishii akaakaan isaanii waan duʼeef akka gadde nutti himte. “Maal waan balleesseef duʼe? Duʼee hoo eessa dhaqe?” jedhanii ishii gaafatan. Geel deebii kennitu hin qabdu. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu irraa deebii nama jajjabeessan tokko tokko kennineef.

 Yeroo sanatti, Yugiin daawwataa ol aanaa taʼee gumii tajaajilaa waan tureef torban tokkoof qofa naannicha turre. Haa taʼu malee obboleettiin waliin turre deebitee Geeliin gaafatte. Maarree buʼaan isaa maal ture? Geel, abbaan manaa ishii Biilii fi ilmaan isaanii sadan Kiristoofar, Istiivii fi Paatriik dhugaa fudhataniiru. Kiristoofar jaarsa taʼee Kaanaadaatti tajaajilaa jira. Istiiv, Paalm Koosti, Filooriidaa keessatti barsiisaa Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu dha. Paatriik immoo Miseensa Waajjira Damee Taayilaandi dha. Yugiinii fi ani waggoota hedduutiif maatichaa wajjin walitti dhihaachuu keenya itti fufneerra. Yihowaa akka beekan gumaacha xinnoo gochuu kootti baayʼeen gammada!

Warra Mana Yaalaa Ciisan Dhaqanii Gaafachuu Irraa Gara Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisutti

 Utuma Kaanaadaa jirruu Yihowaan balbala gammachiisaa fi buʼa qabeessa taʼe Yugiiniif bane. Mee waaʼee kanaan isinitti hima.

 Waggoota hedduu dura ejjennoon nuti dhiiga fudhachuu ilaalchisee qabnu karaa dogoggora taʼeen fudhatamaa fi namoonni waaʼee keenya wanta hin taane dubbachaa turan. Gaazexoonni guutummaa Kaanaadaa keessatti ijoolleen Dhugaa Baatotaa warri isaanii dhiiga akka hin fudhanne waan isaan dhowwaniif duʼaa akka jiran oduu walitti aanu baasu turan. Abbaan manaa tiyya gabaasawwan kunneen soba taʼuu isaanii saaxiluuf gargaaruu irratti mirga argatee ture.

 Walgaʼii biyyoolessaa bara 1969 Baafloo, Niiwu Yoorkitti geggeeffame yeroo muraasa dura, Yugiin obboloota hedduu wajjin gara hospitaalota guguddoo naannicha keessatti argamanii deemuudhaan Dhugaa Baatonni gara 50,000 taʼanii fi Kaanaadaa akkasumas Yuunaayitid Isteetisii walgaʼii hirmaachuuf akka dhufan isaaniif ibsan. Walgaʼicha irratti namni tokko dhukkuba cimaatiin yoo qabame, doktaroonni dhiiga ilaalchisee ejjennoo nuti qabnuuf hubannaa argachuun isaanii gargaarsa guddaa godha; sababa qabeessa taʼuusaa hubachuufis isaan gargaara. Obboloonni mata dureewwan barreeffamoota doktaroota hedduu biratti fudhatama qaban irraa argatanii fi yaalii fayyaa dhiiga malee kennamu dubbatu doktarootaaf kennan. Doktaroonni deebii gaarii kennuun isaanii Yugiinii fi obboloota kaan waan jajjabeesseef yeroodhaa gara yerootti hospitaalota Kaanaadaa keessa jiran deemanii akka gaafatan isaan kakaaseera. Jaarsoliin gumii yaaliiwwan fayyaa cimaa caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen akka raawwatanis isaan gargaaraniiru.

 Suutuma suutas carraaqqiin isaanii buʼaa gaarii argamsiiseera. Dhugaadha wanta nuti matumaa hin yaanne tokkoof sababa taʼaniiru! Mee waaʼee kanaas isinittan hima.

Kutaa hodhaa keessatti hojjechuu baayʼeen jaalladha

 Walakkeessa baroota 1980 keessa Miiltoon Heenshel waajjira muummee Biruukiliin Niiwu Yoorki jiru irraa Yugiiniif bilbile. Qaamni Olaanaan sagantaan Yuunaayitid Isteetisitti itti hojjetamaa jiru tokko akka babalʼatuu fi doktaroota hedduudhaaf odeeffannoo akka dabarsu barbaadee ture. Kanaafuu Yugiinii fi ani gara Biruukiliin kan deemne yeroo taʼu, Amajjii 1988 Qaamni Olaanaan waajjira muummee keessatti Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa jedhamu hundeesse. Boodas, abbaan manaa tiyyaa fi obboloonni lama jalqaba Yuunaayitid Isteetis achiis biyyoota kaan keessatti seeminaarota akka geggeessan ramadaman. Utuu hin turin, kutaan Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa jedhamu waajjiroota damee keessatti, magaalota hedduu keessatti immoo Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu ni hundeeffame. Dhugaa Baatonnii fi ijoolleen isaanii qophii Yihowaan jaalalaan kakaʼee godhe kana irraa faayidaa hangamii akka argatan tilmaamuu hin dandaʼu. Yugiin seeminaarota yeroo geggeessuu fi hospitaalota yeroo daawwatutti ani immoo Beetel naannicha jiru keessattan tajaajila; yeroo baayʼee kutaa itti hodhan ykn kushinaa keessaan hojjedha.

Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu, Jaappaan

Wanti Baayʼee Natti Ulfaate

 Bara 2006 yeroo Yugiin duʼetti jireenya tiyya keessatti yeroo baayʼee ulfaataatu na mudate. Jaalala isaa fi kophummaatu natti dhagaʼama. Maarree qorumsa kana dandaʼuuf maaltu na gargaare? Wantoota hedduu caqasuun dandaʼa. Fakkeenyaaf, kadhannaa fi yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Yihowaatti dhiʼaadheera. Maatii Beetelii wajjin taʼee maree caqasa guyyaa irratti godhamu nan dhaggeeffadha. Boqonnaa Kitaaba Qulqulluu caqasichi irraa fudhatame nan dubbisa. Hojiin Beetel kutaa Dippaartimentii Hodhaa keessatti hojjedhuu fi akka mirga guddaatti ilaalu irrattan xiyyeeffadha. Waggoota sanaan dura turanitti, Galmawwan Walgaʼii guguddaa Niiwu Jeersii fi Niiwu Yoorki keessa jiraniif maggaarajaa hodhuu irratti gargaaruuf carraa argadheera. Yeroo ammaa Beetel, Fiishkiil jirutti kutaa uffata itti sirreessanii fi hojiiwwan wal fakkaatan kan biroon itti hojjetaman keessatti tajaajilaan jira. b

 Anaaf jireenya ofii keessatti wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe Yihowaa jaallachuu, isaa fi jaarmiyaa isaatiif ajajamuudha. (Ibroota 13:17; 1 Yohaannis 5:3) Yugiinii fi ani jireenya keenya keessatti kanaaf dursa kennuu keenyatti baayʼeen gammada. Kanaan kan kaʼes, deebinee wal arguudhaan gammaduu dabalatee Yihowaan lafa jannata taatu keessatti jireenya bara baraa nuu kennuudhaan akka nu eebbisu guutumaan guutuutti mirkanaaʼaadha.—Yohaannis 5:28, 29.

a Daawwattoonni ol aanaa aanaa tokkoon tokkoon gumiiwwanii kan daawwatan yeroo taʼu, ilaaltuun ol aanaa koonyaa immoo aanaawwan daawwata akkasumas walgaʼii aanaa irratti haasaawwan kenna.

b Obboleettii Kamiilaa Roozam Bitootessa 2022 barreeffamni kun utuu qophaaʼaa jiruu duute. Umuriin ishii waggaa 94 ture.