MAAYILZI NOORZOOVAR | SEENAA JIREENYAA
Yihowaan Carraaqqii Ani Isa Tajaajiluuf Godheef Naa Kiiseera
Warri koo yeroo hundumaa jaarmiyaa Yihowaa gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochaa turaniiru. Fakkeenyaaf, obboloonni Beetel isa Landan jiruu keessa jiraatan miseensota maatii Beeteliif aannan dhiheessuu yeroo barbaadanitti, abbaan koo raada tokkittii saanii keenya ishiin Jarsiitii dhufte dhalte isaaniif kenne. Yeroo baayʼee waaʼee raada kanaa miseensa maatii keenya jalqaba Beetel galte jennee qoosna turre. Fakkeenyi warri koo naaf taʼan, fedhii wantan qabu hundumaa Yihowaadhaaf kennuu akkan qabaadhu, matumaa ‘harki koo akka hin boqonne’ na taasiseera. (Lallaba 11:6) Yihowaan tajaajila isaa keessatti karaa matumaa hin eegamneen harka kootti akkan fayyadamu karaa naaf baneera. Carraaqqii ani godheefis na kiiseera. Mee muuxannoo koon isinitti hima.
Obboleettii fi obboleessa koo hangafaa wajjin magaalaa baadiyyaa Biistaa ishii Yuunaayitid Kiingidamitti dhihoo taate keessattin guddadhe. Achitti warri koo mana bakka qonnaa keessa jiru tokko kireeffatan. Yeroo umuriin koo waggaa 19 taʼu akkuma obboloota koo hangafaa anis qajeelchaan taʼe. Yeroo booda, qajeelchaa addaa taʼee Iskootilaandiitti akkan tajaajilun ramadame. Achiis bara 1970tti umurii koo waggaa 23tti Beetel isa Landanitti argamu keessatti akkan tajaajilun affeerame. Afaan mallattoo kanan baradhe achitti ture. Afaan kana barachuun koo, daandii jireenyaa haaraa, akka baayʼee nama kiisuu fi nama gammachiisu mirkaneeffame akkan jiraadhu na taasiseera.
Afaan Mallattoo Barachuu
Yeroon Beetel turetti, Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa Miil Hiil jedhamuu fi obboloonni gurri isaanii hin dhageenye hedduun jiranittin ramadame. Obboloota keenya wajjin afaan wal fakkaatu dubbachuu dhiisuun keenya akka gargar nu baasu hin barbaanne. Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota gurri isaanii hin dhageenye wajjin walgaʼii irratti argamuufan murteesse.
Yeroo sanatti Biritaaniyaa keessa gumiin afaan mallattootiin geggeeffamu hin jiru ture. Obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye walgaʼiiwwan Afaan Ingiliffaatiin geggeeffaman irratti argamu turan; walgaʼii kana irratti obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii dhagaʼu afaan mallattoo isa seerluga Afaan Ingiliffaatiin darbu jechaa jechatti hiiku turan. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye afaan mallattoo yommuun baradhu obsaan yeroo na barsiisanitti, afaan isaanii seerlugaa fi tartiiba jechootaa mataa isaa akka qabun hubadhe. Afaan Ingiliffaa isaaniif afaan kan biraadha! Kana yeroon hubadhu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti amanamummaadhaan argamuu isaaniitiin caalaatti isaan jaallachuu fi isaan kabajuun jalqabe. Kana malees, fedhiin afaan mallattoo barachuuf qabu caalaatti cimsachuufan murteesse.
Biritaaniyaa keessatti afaan adda durummaadhaan namoonni gurri isaanii hin dhageenye itti fayyadaman, Afaan Mallattoo Biritaaniyaa ykn BSL jedhama. Yeroo booda, obboloonni walgaʼii keenya irratti hiikan Afaan Mallattoo Afaan Ingiliffaa Deggeru jedhamu mannaa, afaan mallattoo ammayyaaʼaa jechuunis, Afaan Mallattoo Biritaaniyaatti fayyadamuu jalqaban. Kanaan kan kaʼes, obboloonni gurri isaanii hin dhageenye walgaʼiiwwan irraa caalaatti fayyadamuu eegalan. Kana malees, obbolootaa fi obboleettota isaanii gurri isaanii dhagaʼuu wajjin caalaatti tokkummaa qabaachuu jalqaban. Amma waggoottan shantamman darban duuba deebiʼee yommuu ilaalu, Yihowaan naannoo tajaajilaa afaan mallattoo guddaa yommuu eebbisu arguu dandaʼeera. Guddinawwan nama gammachiisanii fi Yihowaan akkan irratti qooda fudhadhu naaf heyyame tokko tokkon isinitti hima.
Naannoon Tajaajilaa Afaan Mallattoo ni Dabale
Bara 1973tti ergan jaarsa taʼee akkan tajaajilu muudame gara waggaa tokkoo booda, obboleessi gurri isaa hin dhageenyee fi Mikaaʼel Iigas jedhamu, Afaan Mallattoo Biritaaniyaatiin walgaʼiiwwan tokko tokko utuu goonee jedhee yaada dhiheesse. Heyyama waajjira dameetiin anii fi jaarsi kan biraan tokko jiʼatti siʼa tokko Deetfardi, kibba baha Landanitti walgaʼiiwwan afaan mallattootiin geggeessuuf qophii goone.
Buʼaan isaa baayʼee kan nama dinqisiisu ture! Obboloonni gurri isaanii hin dhageenye Landanii fi kutaalee kibba baha Ingilizii jiran kan biroo irraa dhufan; yeroo jalqabaatiif walgaʼii Afaan Mallattoo Biritaaniyaatiin godhamu irratti argaman. Dhuma irratti namoota fedhii argisiisan dabalatee, obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye, afaan isaaniitiin waaʼee Yihowaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu barachuu dandaʼaniiru. Saganticha booda, muuxannoo kan walitti himne taʼuu isaa irrayyuu, yeroo bashannanaa gaarii waliin dabarsine. Kana malees, carraa itti obbolootaa fi obboleettota gurri isaanii hin dhageenyeef jajjabina isaan barbaachisu itti kennuun argadhe.
Yeroo booda, afaan mallattootiin walgaʼiiwwan magaalota Barmiinighaamii fi Sheefiildi jedhamanittis ni geggeeffamu turan. Obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii dhagaʼu hedduunis, Afaan Mallattoo Biritaaniyaa barachuu barbaadan walgaʼiiwwan irratti argamu turan. Obboloonni fedhii qaban kun, yeroo booda hojiin lallabaa guutummaa Ingilizii keessatti akka babalʼatu gochuu irratti gumaacha guddaa godhaniiru.
Haadha Manaa Baayʼee Gaarii Taaten Argadhe
Bara 1974tti obboleettii bareedduu Isteellaa Baarkar jedhamtuu fi gumii Beetelitti dhihoo jiru tokko keessatti qajeelchituu addaa taatee tajaajiltu wajjin wal barre. Waan wal jaallanneef bara 1976tti gaaʼela godhanne; sana booda anii fi Isteellaan waliin qajeelchaa addaa taanee tajaajiluu jalqabne. Gumiin keenya Haakneeyi, Kaaba Landan keessatti argama ture. Achitti Isteellaan naannoo tajaajilaa afaan mallattoo irratti na gargaaruu eegalte. Duubatti deebiʼee yommuu yaadu, abbaa manaa fi haadha manaa taanee qajeelchaa taʼuudhaan waliin tajaajiluun keenya gaaʼela keenyaaf jalqaba gaarii kan ture natti fakkaata.
Utuma baayʼee hin turin, anii fi Isteellaan Beetelitti deddeebinee akka tajaajillu affeeramne. Jireenyi keenya hojiidhaan baayʼee kan qabame ture! Kana malees, bakka buʼaa ilaaltuu olaanaa aanaa taʼeen tajaajila, manneen Barumsaa Tajaajila Mootummaa jaarsolii irratti nan barsiisa, akkasumas yeroo booda walgaʼiiwwan naannoo Afaan Ingiliffaa gara afaan mallattootti hiikaman qindeessuu irrattin hirmaadha ture. Guyyaan hundi kan nama dadhabsiisu taʼus, baayʼee kan nama gammachiisuu fi kan nama jajjabeessu ture.—Maatewos 11:28-30.
Bara 1979 fi 1982tti, ijoolleen keenya lamaan, jechuunis Siimoonii fi Maarki ni dhalatan. Baayʼee gammannee kan ture taʼus, itti gaafatamummaa dabalataa guddaa ture. Maarree wanta gochuu qabnu hunda kan raawwanne akkamitti? Anii fi Isteellaan bakka hojiin tiʼookraasii koo na geesse kamitti iyyuu, maatiidhaan taanee deemuu fi waliin bashannanuuf murteessine. Ijoolleen keenya Yihowaa tajaajiluun gammachuu akka nuuf argamsiise akka hubatan gochuu barbaanna turre! Buʼaan isaa maal taʼeree? Ijoolleen keenya guddachaa yommuu deeman, afaan mallattoo barachuu qofa utuu hin taʼin, qajeelchaa taʼanii tajaajiluu jalqaban. Achiis, raadni warri koo kennan tajaajila Beetel kennuu erga jalqabdee waggaa 40 booda, Siimoonii fi Maarki Beetel galanii tajaajiluu eegalan. Nutis baayʼee gammanne!
Namoota Gurri Isaanii hin Dhageenye Gargaaruuf Carraaqqii Gochuu
Dhuma bara 1990mmaniitti, Biritaaniyaa keessa jaarsi gurri isaa hin dhageenye hin jiru ture; tajaajiltoonni gumii tokko tokko garuu jiru turan. Kanaafuu, obboloonni kun ‘barsiisuuf gaʼumsa kan qabanii’ fi ilaaltoota olaanaa taʼanii tajaajiluu akka dandaʼan kan murteessan jaarsolii gumii afaan mallattoo hin beekne turan. (1 Ximotewos 3:2) Tajaajiltoota gumii gurri isaanii hin dhageenye keessaa tokko, Barnaardi Oostan isa gumii Ingiliffaa keessa jiru ture. Obboleessa baayʼee kabajamaa hoolota Yihowaatiif garaadhaa yaadu ture. Barnaardi jaarsa taʼee muudamu isaa yommuun beeke baayʼeen gammade! Inni jaarsolii gurri isaanii hin dhageenyee fi Biritaaniyaa keessatti muudaman keessaa isa jalqabaa ture.
Bara 1996tti wanta seenaa keessatti bakka guddaa qabu tokkotu raawwatame: Waajjirri damee Biritaaniyaa keessatti gumiin afaan mallattootiin geggeeffamu akka hundeeffamu heyyama kenne. Gumiin kun Iiliin, Dhiha Landanitti argama ture. Achiis guddinni isaa dabalaa deeme.
Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa Hunda Irraa Fayyadamuu
Bara 1980mmanii fi bara 1990mmaniitti, gaaffiiwwan dhimma naannoo tajaajilaa afaan mallattoo ilaalchisee kaʼan deebisuudhaan Kutaa Tajaajilaa isa Beetel jiruu wajjin mana taaʼeen hojjedha ture. Obboloonni yeroo tokko tokko namoota haasaawwan walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa Afaan Ingiliffaatiin geggeeffaman irratti dhihaatan akka hubatan, obboloota gurri isaanii hin dhageenye akkamitti gargaaruu akka dandaʼan waajjira damee barreessanii gaafatu. Jalqaba irratti, qophiin walgaʼiiwwan guguddaa afaan mallattoodhaan hiikuuf godhamee fi barreeffamni namoota gurri isaanii hin dhageenyeef qophaaʼe hin jiru ture. Kanaafuu, obsaan Yihowaa akka eeggatan yeroo baayʼee obboloota gurri isaanii dhagaʼus taʼe, obboloota gurri isaanii hin dhageenye jajjabeessuun qaba ture.
Obsuun keenyas nu kiiseera! Utuma baayʼee hin turin, waajjirri damee walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa Ingiliffaan geggeeffaman gara afaan mallattootti hiikuuf qophii gochuu jalqabe. Kana malees, warri gurri isaanii hin dhageenye obboleessa haasaa dhiheessus taʼe obboleessa isaaniif hiiku ifatti arguu akka dandaʼaniif toora fuulduraa irra taaʼu turan. Amma obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye, Yihowaan dhugumaan akka isaan jaallatuu fi miseensota maatii hafuuraa isaa bakka guddaa qaban akka taʼan isaanitti dhagaʼameera.
Ebla 1, 1995tti Galma Walgaʼii Guguddaa Dudley Dhiha Miidlaandisitti yeroo jalqabaatiif walgaʼiin aanaa addaa afaan mallattootiin godhame. Anis obboleessa keenya Deevid Meerii isa ilaaltuu olaanaa aanaa ture, walgaʼii aanaa qindeessuurratti akkan isa gargaaruuf ramadameen ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa gurri isaanii hin dhageenye tokko tokko, karaa kaabaatiin Iskootilaandii irraa kaʼanii hamma kibba dhihaatiin immoo Koornwool irraa kaʼanii walgaʼii kana irratti argamuuf kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu imalaniiru. Gammachuu namoota 1,000 ol taʼanii fi walgaʼii kana irratti argamanitti dhagaʼamee ture ammallee akka gaariittan yaadadha.
Bara 2001tti waajjirri damee, anii fi obboleessi keenya Meeriin walgaʼii naannoo Afaan Mallattoo Biritaaniyaa waggaa itti aanuu akka qindeessinu nu gaafate. Kun hojii hedduu kan gaafatu ture! Haa taʼu malee, Yihowaan carraaqqii obboloota fedhiidhaan of dhiheessanii waan eebbiseef, walgaʼiin naannoo sun milkaaʼuu fi matumaa kan hin irraanfatamne taʼuu dandaʼeera! Sana booda, hamma Yihowaan obboloota dargaggoota itti gaafatamummaa kana fudhachuuf gaʼumsa qaban kaasutti, waggoota hedduudhaaf mirga walgaʼiiwwan guguddaa olaantummaadhaan toʼachuu argadheera.
Viidiyoowwan Namoota Gurri Isaanii hin Dhageenyeef Qophaaʼan
Bara 1998tti jaarmiyaan Yihowaa barreeffamoota Afaan Mallattoo Biritaaniyaa keessaa isa jalqabaa, jechuunis birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?—Kaasseettii Viidiyoodhaan jedhamu yeroo baasetti baayʼee gammannee turre. Barreeffama kanatti fayyadamnee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu hedduu geggeessineerra.
Walgaʼii naannoo 2002rratti, faarfannaan Mootummichaa yeroo jalqabaatiif gara Afaan Mallattoo Biritaaniyaatti hiikame. Obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye amma afaan mallattootiin faarfachuu ni dandaʼu; rukuttaa muuziqaa namatti tolu hordofuus dandaʼaniiru. Obboleessi gurri isaa hin dhageenye tokko yeroo jalqabaatiif yommuu wajjin faarfatutti booʼaa akka ture ammayyuu nan yaadadha!
Walgaʼiin naannoo 2002tti geggeeffame seena qabeessa ture. Gumiin Afaan Mallattoo Landan diraamaa akka hojjetu affeeramee ture. Garuu akkamitti hojjenna? Muuxannoo tokkollee hin qabnu turre! Ammas Yihowaan obboloota fiilmii hojjechuu fi sisirreessu beekan akka argannu gochuudhaan nu gargaareera. Kunis akka gaariitti milkaaʼeera! Kana malees, muuxannoon bara 2003 hanga bara 2008tti arganne baayʼee nu fayyadeera; viidiyoowwan diraamaa walgaʼiiwwan naannoo Afaan Mallattoo Biritaaniyaa gara fuulduraa yommuu qopheeffamutti olaantummaadhaan toʼachuuf mirga adda taʼe argadheera.
Anii fi Isteellaan ijoollee keenyaa wajjin Beetelitti tajaajiluun baayʼee nu gammachiisa. Haa taʼu malee, hojiin isaa baayʼee ulfaataadha! Torban hedduudhaaf shaakalaa fi waraabaa erga turree booda, obboloonnii fi obboleettonni taatota taʼanii hojjetanis taʼe fiilmicha qiqindeessan karaa qaamaa fi sammuu baayʼee dadhabu. Carraaqqiin keenya garuu nu hin gaabbisiisu! Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu obbolootaa fi obboleettota keenya warra gurri isaanii hin dhageenyeef yommuu dhugooman arguun guddaa nu gammachiiseera; hedduun isaanii gammachuudhaan booʼu turan.
Yihowaan kennaa hedduu nuu kennuu isaa itti fufeera. Bara 2015tti maxxansa qoʼannaa Masaraa Eegumsaa Afaan Mallattoo Biritaaniyaatiin bifa viidiyootiin arganneerra. Achiis bara 2019tti, Wangeelli Maatewos inni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe bifa viidiyootiin baʼe. Amma garuu Maatewosii-Mulʼataa qabna; Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaammoo hojjetamaa jiru. Kanaafuu, obboloonnii fi obboleettonni gurri isaanii hin dhageenye Yihowaa guddaa galateeffatu!
Saba Yihowaa waan taaneef, miseensa maatii akkuma Abbaa keenya isa samii jaalala loogii irraa walaba taʼee argisiisuu taaneerra. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Anii fi maatiin koo ammayyuu yeroo, humna fi qabeenya jaarmiyaan keenya namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi qaro dhabeeyyii taʼan dabalatee, namoota akaakuu hundumaa gargaaruuf oolchu baayʼee nu dinqisiisa. a
Amma Biritaaniyaa keessa gumiiwwan Afaan Mallattoo Biritaaniyaatiin geggeeffaman hedduun waan jiraniif carraaqqiin godhame hundi kan nama gaabbisiisu miti. Yeroo “hojicha keessaa xinnoon” itti jalqabee kaasee, guddina kana irratti hirmaachuun koo baayʼee na gammachiisa. (Zakkaariyaas 4:10) Hunda caalaa galateeffamuu kan qabu garuu Yihowaa akka taʼe beekamaadha. Jaarmiyaa isaa kan geggeessu isadha. Tajaajiltoonni isaas namoota akaakuu hundumaatiif misiraachoo akka lallabaniif gaʼumsa akka qabaatan kan godhu isadha. Kana malees, sanyiin Mootummichaa garaa namoota isaaniif malu keessatti akka guddatu kan godhu isadha.
a Mata duree “Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa kan Jiru Akkamitti?” jedhu jalaa, mata duree “Tuqaalee Jireenya koo Jijjiiran” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.