TAAPAANII VIITAALAA | SEENAA JIREENYAA
Namoota Gurri Duudee Gargaaruuf Fedhiin Qabu Guuttachuu
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yeroo jalqabaatiif yommuun wal argetti, abdii Kitaabni Qulqulluun “Gurri duude ni dhagaʼa” jedhu natti argisiisan. (Isaayaas 35:5) Dhalootaa kaasee gurri kiyya waan duudeef kana amanuun na rakkisee ture. Kanaafuu abdiin kun garaa koo baayʼee hin tuqne. Mootummaan Waaqayyoo jalʼina haqa, waraana, dhukkubaa fi duʼa illee akka balleessu yommuu isaan Kitaaba Qulqulluu irraa natti argisiisan garuu caalaatti na tuqe. Boodas, wantan baradhe namoota gurri isaanii duudetti himuuf fedhii guddaan qabaadhe.
Maatii gurri isaanii duudee fi Viiraat, Fiinlaandi keessa jiraatan keessatti bara 1941ttin dhaladhe. Abbaa fi haati tiyya, firoonni keenya hedduun, obboleessii fi obboleettiin tiyya gurri isaanii kan duude ture. Kan walii gallu afaan mallattootiin ture.
Wantoota Dinqisiisoo Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu
Mana barumsaa achuma jiraachaa itti baratan ani galee fi mana keenya irraa gara kiilomeetira 240 fagaatu keessatti afaan mallattootti fayyadamuun dhorkaadha. Yeroo sanatti Fiinlaandi keessatti manneen barnootaa warri gurri isaanii duudee sochii hidhii dubbisuudhaan wanta dubbatamu akka baratan dirqisiisu turan. Barsiistonni keenya mallattoodhaan utuu walii galluu yoo nu argan sarartuu ykn ulee ittiin karaa qaqqabnee deemnuun garmalee nu rukutu; kanaan kan kaʼes quboonni keenya guyyoota hedduutiif ni dhiitaʼu.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda, koollejjii qonnaan gale. Warri koo lafa qonnaa waan qabaniif waaʼee hojii qonnaan bulaa barachuun na barbaachisee ture. Gara manaatti yeroon deebiʼu barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! minjaala irrattan arge. Abbaan kiyya barruuleen kunneen Kitaaba Qulqulluu irraa wantoota baayʼee nama gammachiisan akka barsiisan natti hime; hiriyoonni gaaʼelaa dubbachuu dandaʼan lama isaa fi haadha koo Kitaaba Qulqulluu kan qoʼachiisan taʼuu isaanii natti hime. Dhugaa Baatonni kun waraqaa irratti barreessuudhaan warra koo wajjin walii galu turan.
Mootummaa Waaqayyoo keessatti lafti jannata bareedduu akka taatuu fi namoonni duʼan akka kaʼan abbaan koo natti himeera. Ani garuu kanan baradhe namoonni duʼan gara samii akka deeman ture. Dhugaa Baatonni afaan mallattootiin isaa wajjin waan hin dubbanneef abbaan koo dogoggoraan waan isaan hubate natti fakkaatee ture.
Dhugaa Baatonni sun warra koo gaafachuuf deebiʼanii yeroo dhufanitti, yaada abbaan koo natti himee ture isaanan gaafadhe. “Wanti abbaan kee jedhe sirriidha” naan jedhan. Achiis wanta Yesuus duʼaa kaʼuu ilaalchisee dubbate Yohaannis 5:28, 29 irraa baasanii natti argisiisan. Waaqayyo hammina balleessuudhaan lafa akka qulqulleessuu fi namoonni fayyaa guutuu fi nagaa qabaachuudhaan bara baraaf akka jiraatan natti himan.—Faarfannaa 37:10, 11; Daaniʼel 2:44; Mulʼata 21:1-4.
Caalaatti beekuu waanan barbaadeef Dhugaa Baatuu Anteeroo jedhamuu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Anteeroon afaan mallattoo waan hin beekneef gaaffiiwwan kitaaba qoʼannaa irra jiraniif deebii kanan kennu waraqaa irratti barreessuudhaan ture. Achiis Anteeroon deebiiwwan erga dubbisee booda gaaffiiwwan ykn yaadawwan dabalataa barreessa. Obsaan torban torbaniin saʼaatii lamaaf mala kanaan na qoʼachiisa ture.
Bara 1960tti walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa sagantaa afaan mallattootiin hiikamu irrattan argame. Jimaata waaree booda guyyaa itti aanutti cuuphaan akka raawwatamu beeksifame. Kanaafuu, Sanbadduraa ganama kaʼee qumxaa ittiin bishaan daakanii fi fooxaa fudhadhee deemuudhaan nan cuuphame. a Utuma baayʼee hin turin, warri koo, obboleessi koo fi obboleettiin koo ni cuuphaman.
Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Dubbachuu
Wantan baradhe namoota gurri isaanii duudeen gaʼuu kanan barbaade yommuu taʼu, karaan kana gochuun itti dandaʼu hunda caalu afaan mallattoo ture. Jalqaba irratti namoota magaalaan jiraadhu keessa jiraniifan hinaaffaadhaan lallabuu jalqabe.
Utuu hin turin magaalaa Taamperee ishii warshaalee hedduu qabdu keessa jiraachuun jalqabe. Achitti manaa gara manaa deemuudhaan namoota gurri duuden barbaada; warri ani haasofsiise nama gurri duude kan beekan yoo taʼes nan gaafadha. Haala kanaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kanan jalqabsiise yommuu taʼu waggoota muraasa keessatti Taamperee keessatti babalʼistoota gurri isaanii duude kudhanii ol argamuu dandaʼaniiiru.
Bara 1965tti obboleettii jaallatamtuu Maayiree jedhamtuu wajjin wal barre. Waggaa tokko booda gaaʼela dhaabbanne. Maayireen afaan mallattoo barachuun yeroo itti hin fudhanne; waggoota shantama waliin Yihowaa tajaajille keessatti hiriyaa amanamtuu fi jabaattee hojjettu turte.
Gaaʼela dhabannee waggaa lama booda ilma Maarkoo jedhamu godhanne; Maarkoon dhagaʼuu ni dandaʼa. Afaan Fiinish isa afaan dhalootaa isaa taʼee fi Afaan Mallattoo Fiinish mana keessatti barateera. Maarkoon umurii waggaa 13tti cuuphame.
Yeroo booda namoonni haaraa hedduun tuuta afaan mallattoo Taamperee irratti hirmaachuu jalqaban. Kanaafuu, bara 1974tti magaalaa kan biraa Tuurkuu jedhamtuu fi Dhugaa Baatuun gurri duude hin jirre jiraachuu jalqabne. Ammas manaa gara manaa deemuudhaan warra gurri duude barbaaduu jalqabne. Waggoota Tuurkuu turretti namoonni ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise 12 cuuphamaniiru.
Biyyoota Baaltiik keessatti tajaajiluu
Bara 1987tti Maarkoon Beetel keessatti akka tajaajiluuf afeerame. Tuutni afaan mallattoo Tuurkuu jiru waan cimeef ammas bakka sanaa deemuuf karoorfachuu jalqabne.
Yeroo sanatti, Awurooppaa Lixaa keessatti dhorkaa malee lallabuu dandeenya ture. Kanaafuu, Amajjii 1992tti, obboleessa gurri isaa duude tokkoo wajjin gara Taaliin, Istooniyaa deemne.
Obboleettii Dhugaa Baatuu taatee fi obboleessi ishii gurri isaa duudee wajjin wal qunnamne. Ergaa Mootummichaatiif fedhii akka qabu argisiisuu baatus namoota Istooniyaa gurri isaanii duude hedduu akka argannu baayʼee nu gargaareera. Galgala dhumaa achi turretti gara walgaʼii Waldaa Namoota Gurri Duudee Taaliin keessatti godhamutti nu geesse. Dursinee achi kan geenye yommuu taʼu, barruulee fi kitaabota afaan Istooniyaa fi Raashiyaatiin qophaaʼan minjaala tokko irra guunne. Kitaabota 100 fi barruulee 200 kan raabsine yommuu taʼu teessoo gara 70 fudhanneerra. Galgala gaafa sanaa afaan mallattoo Istooniyaatiin tajaajiluuf buʼuurri ni kaaʼame.
Sana booda utuu hin turin, Maayiree fi ani yeroo hunda Istooniyaa deemuudhaan lallabuu jalqabne. Saʼaatii muraasa qofa hojjechuudhaan qajeelchitoota yeroo hundaa taane. Bara 1995tti Heelsiinki keessa jiraachuu kan jalqabne yommuu taʼu kunis bidiruudhaan gara Taaliin dhaquu nuuf salphise. Tajaajilli keenya Istooniyaa isa nuti yaanne irraa baayʼee adda ture.
Kitaaba Qulqulluu kan qoʼachiisnu hedduu waan taʼaniif humna keenyaa ol ture; barattoota keenya keessaa obboleettiiwwan arguu hin dandeenyee fi gurri isaanii duude lama dabalatee 16 cuuphamaniiru. Qoʼannaa kanan geggeessu harkaan qaqqabee jechuunis mala afaan mallattoo taaktaayil jedhamee waamamuun ture.
Namoota gurri duudee wajjin qoʼachuun baayʼee ulfaataadha. Yeroo sanatti, barreeffamoota afaan mallattootiin qophaaʼan tajaajila keenyaaf hin argannu waan tureef, hanga naaf dandaʼame fakkiiwwan nama hawwatan barreeffamoota keenya irra jiran dabtara yaadannoo irrattan qabadha ture.
Waajjirri damee Fiinlaandi Laatiiviyaa fi Liituwaaniyaa deemee afaan mallattoo biyyoota Baaltiik keessatti hangam akka guddate akkan qoradhu na gaafate. Biyyoota kana yeroo hedduutiif deemnee kan daawwanne yommuu taʼu Dhugaa Baatonni Biyyichaa namoota gurri duude akka barbaadan gargaarreerra. Biyyoonni hundi afaan mallattoo mataa isaanii qabu jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu afaan mallattoo Istooniyaa, Laatiiviyaa fi Liituwaaniyaa akkasumas Afaan Mallattoo Raashiyaa isa namoonni Raashiyaa gurri duudee fi biyyoota Baaltiik keessa jiraatan itti fayyadaman baradheera.
Kan nama gaddisiisu, waggaa saddeetiif biyyoota Istooniyaa fi biyyoota Baaltiik kaan erga daawwannee booda Maayireen dhukkuba narvii Paarkiinsansi jedhamuun waan qabamteef ni dhaabne.
Namoota Gurri Duude Gargaaruuf Gurmaaʼuu
Bara 1997tti, Waajjira Damee Fiinlaanditti tuutni hiikaa afaan mallattoo tokko ni uumame. Achitti dhihoo waan jiraannuuf Maayiree fi ani barreeffamoota afaan mallattoo qopheessuu gargaaruu dandeenyee turre; harʼas taanaan darbee darbee gargaaraan jira. Maarkoo ilma keenyaa wajjin hojjenneerra. Haadha manaa isaa Kiirsii wajjin taʼuudhaan yeroo booda Maarkoon biyyoota kaan deemee tuutawwan afaan mallattoo hiikan leenjisuudhaan gargaareera.
Kana malees, waajjirri damee babalʼistoonni dhagaʼuu dandaʼan afaan mallattoo akka barataniif leenjii akka argatan qindeesse. Leenjiiwwan kennamaniin kan kaʼe obboloonni hedduun gumiiwwan afaan mallattootiin geggeeffaman deemuudhaan hojii lallabaa deggeruu, walgaʼiiwwanii fi gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu dandaʼaniiru.
Gargaaruuf Ammayyuu Fedhii Guddaan Qaba
Bara 2004tti, Maayiree fi ani Heelsiinki keessatti gumii afaan Finiish isa jalqabaa hundeessuu dandeenyeerra. Waggaa sadii keessatti gumii cimaa, hinaaffaa fi qajeelchitoota hedduu qabu taʼe.
Ammas, bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemuuf karoora baafachuu jalqabne. Bara 2008tti, naannoo Taampereetti dhihoo jiruu fi tuuta afaan mallattoo waggaa 34 dura dhiisnee deemnetti deebine. Waggaa tokko booda tuutni afaan mallattoo sun Fiinlaandi keessatti gumii afaan mallattoo isa lammaffaa taʼe.
Haa taʼu malee, yeroo kanatti dhibeen Maayiree saffisaan hammaachaa deeme. Hanga bara 2016 guyyaa itti duuteetti gammachuudhaan ishii kunuunseera. Akkan ishii dhabe garmalee natti dhagaʼamus addunyaa haaraa dhukkubni keessa hin jirre keessatti ishii arguuf hawwiidhaanan eega.—Isaayaas 33:24; Mulʼata 21:4.
Fedhii ani olloota koo gurri isaanii duudetti misiraachicha himuuf qabu, jechuunis hojii ani jireenya koo keessatti waggoota 60 darbaniif raawwachaa ture amma iyyuu hin qabbanoofne.
a Kun jaarsoliin gumii jalqaba kaadhimamtoota cuuphaa wajjin mariʼachuuf qophiin hundaaʼuu isaa dura ture.