Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA | TEERII REYINAALDIS

Yihowaan Wanta Hunda Irra Caalu Akkan Isaaf Kennu na Gargaareera

Yihowaan Wanta Hunda Irra Caalu Akkan Isaaf Kennu na Gargaareera

 Obboleessi maanguddoon Seesilii jedhamu Kitaaba Qulqulluu isaa yommuu naaf kennetti umuriin koo waggaa 14 ture. Kitaaba inni qoʼannaaf itti fayyadamu kan ture yommuu taʼu yaadannoo inni harkaan barreesse bakka duwwaa kitaabichaa irratti barreeffamee jira. ‘Kennaa dinqisiisaa’ akka taʼe natti dhagaʼama.

 Seesiliin obboleessa gad of qabuu fi warra kaaniif garaadhaa yaadu ture. Haadha koo dabalatee fakkeenya inni, obboloonnii fi obboleettonni amanamoon gumii keessa jiran naaf taʼan, wanta hunda irra caalu Yihowaadhaaf kennuuf ‘fedha akkan qabaadhu’ na kakaaseera. (Filiphisiyus 2:13) Mee seenaa koon isinitti hima.

Hinaaffaa Haadhaatiin Kakaʼuu

 Kanan dhaladhe bara 1943​tti dha. Warri koo kan jiraatan bakka qonnaa magaalaa Bundaabargi ishii qarqara galaanaa jirtuu fi Kuwiinsilaandi, Awustiraaliyaatti naannoo shonkooraan itti oomishamu keessa dha. Namoonni naannichaa yeroo hunda Sanbadduraa galgala namootaa wajjin haasaʼuuf barsiifata gara magaalaa deemuu qabu. Bara 1939 yeroo tokko warri koo qajeelchitoota lama (tajaajiltoota yeroo guutuu Dhugaa Baatota Yihowaa) waaʼee Kitaaba Qulqulluu isaanitti himanii wajjin wal argan. Wanta baratan baayʼee waan jaallataniif yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan. Kanaafuu, obboleettiin tiyya Jeenii fi ani maatii Kiristiyaana taʼe keessatti guddanne. Kan nama gaddisiisu garuu abbaan koo kortoo mana keenyaa irraa kufee duʼe. Yeroo sana umuriin koo waggaa torba yommuu taʼu duuti isaa gadda cimaa narraan gaʼe. Abbaan koo nama jabaatee hojjetuu fi gammadaa akka taʼe ammayyuu nan yaadadha. Yommuu inni duʼaa kaʼu isa arguu fi akka gaariitti isa baruuf baayʼeen hawwa!—Hojii Ergamootaa 24:15.

 Haati koo nama gaarii fi yaada ishiitti hin cichine dha. Obboleettiin koo fi ani wanta jaallannuuf fi wanta hin jaallane ilaalchisee yaada keenya akka ibsinu nuu heyyamti. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi waaqeffannaa Yihowaa ilaalchisee garuu Harmeen ejjennoo ishee irraa duubatti hin jettu. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hunda kan argamnu yommuu taʼu Jiinii fi ani ijoollee Dhugaa Baatota hin taanee wajjin saʼaatii barumsaatiin ala yeroo dheeraa waliin dabarsuu akka hin qabne nu akeekkachiiste. (1 Qorontos 15:33) Duubatti deebiʼee ejjennoo cimaa ishiin qabdu yeroo yaadu baayʼeen galateeffadha.

Umurii koo waggaa 14​tti

 Haati koo labsituu Mootummichaa hinaaffaa qabdu yommuu taatu yeroo baayʼee qajeelchaa yeroo boqonnaa (amma qajeelchaa gargaaraa jedhama) taatee tajaajilti. Yeroo hunda barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! kennuuf manneen 50 ol deemtee gaafachaa akka turte nan yaadadha. Dulloomtee erga dadhabdee booda illee namoota dhugaa dhagaʼuu barbaadan gargaaruuf fedhii guddaa qabdi turte. Jaalala ishiin warra kaan, keessumaa immoo ijoollee ishiitiif qabduun kan kaʼe ishii jaallanna akkasumas fakkeenya ishii hordofuuf yaalla ture. Bara 1958​tti umurii koo waggaa 14​tti of murteessee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe.

Michoota Gaariidhaan Jajjabeeffamuu

 Yeroo muraasa booda, Ruudoolf inni umurii waggoota 20mmanii keessa jiruu fi gumii keenya jirus ni cuuphame. Ruudoolf Jarmanii godaanee kan dhufe dha. Yeroo baayʼee Sanbadduraa ganama Ruudoolfii fi ani namoota miseensonni maatiisaanii kaan suuqiidhaa yeroo waa bitanitti konkolaataa isaanii keessa taʼanii eeganiif lallabna turre.

 Ruudoolf obboleessa hinaaffaa qabu yeroo taʼu, yeroo manni barumsaa cufamu isaa wajjin qajeelchaa yeroo boqonnaa taʼee akkan tajaajilu na affeere. Waqtii tokkotti magaalaa Gilaadistoon ishii Bundaabargi irraa kaabatti gara kiilomeetira 190 fagaattee jirtu keessatti torban jaʼaaf waliin tajaajillee turre. Xiyyeeffannaa inni akka obboleessaatti naaf kennee fi gammachuu ani qajeelchaa yeroo boqonnaa taʼuudhaan argadhe qajeelchaa yeroo guutuu akkan taʼu na kakaase. Umurii waggaa 16​tti galma kanarra kanan gaʼe yeroo taʼu jireenya koo guutuu qajeelchaa taʼee Yihowaa tajaajiluufan murteesse.

 Jalqaba qajeelchaa taʼee kanan ramadame magaalaa Maakaayi ishii qarqara galaanaa jirtuu fi Bundaabargi irraa kaabatti argamtutti yeroo taʼu, magaalattiin Gireet Baariyer Riif irraa fagoo miti. Waggaa tokko booda umuriin koo waggaa 17 yeroo guutetti qajeelchaa addaa a taʼee muudamuudhaan Awustiraaliyaatti bakka namoonni baayʼeen hin jiraannetti tajaajiluufan ramadame. Qajeelchaa taʼee wajjin kan tajaajillu obboleessa dibamaa yommuu taʼu maqaan isaa Beenat (Been) Briikal jedhama; obboleessi kun waggaa 40 oliin na caala. b Obboleessa qajeelchaa muuxannoo guddaa qabuu fi obboloota biratti baay‵ee jaallatamaa taʼe kanaa wajjin tajaajiluun anaaf mirga guddaa ture.

Bara 1963 dubartii Aborginii tokkoof yommuun lallabu

 Naannoon tajaajilaa keenya Kuwiinsilaandi irraa kaaba bahaatti kan argamu yommuu taʼu, biyya Galoo Galaanaa Karpentaariyaa jedhamtuun daangeffama. Yeroo sanatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka namoonni baayʼeen hin jiraanne kana turan Beenii fi ana qofa dha. Yeroo tokko tokko konkolaataadhaan mana tokkoo gara mana kan biraa gaʼuuf saʼaatii dheeraa nu fudhata. Daandii awwaaraa irra saʼaatii dheeraa yeroo deemnu kanatti Been tajaajila irratti muuxannoowwan kanaan dura argate natti hima. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti, hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa Awustiraaliyaatti dhorkamee yommuu turetti konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabaniinis c ni tajaajilu turan.

Naannoo fagootti Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiisnu; obboleessa tokko fi ana (gara walakkaatti)

 Tajaajila erga oollee booda lafa mijataa daandiitti dhihaatu bira buufannee bulla. d Qoraan funaannee ibidda bobeessuudhaan irbaata keenya kopheeffanna. Siree, ansoolaa fi boraatiin koo bishaan kan hin galchine ture. Ibsaan elektiriikii waan hin jirreef samii urjiiwwaniin guutame akka gaariitti yeroon argu dinqisiifannaa Yihowaadhaaf natti dhagaʼamaa ture ammayyuu nan yaadadha.

 Naannoo fagoo kanatti konkolaataan yoo cabe rakkinni nu mudatu cimaa taʼu dandaʼa. Yeroo tokko shaansiin konkolaataa nu jalaa cabe. Guyyaansaa hoʼa yommuu taʼu, bishaannis nu jalaa dhumaa jira ture. Been shaansii jijjiiramu fiduuf konkolaataa akka yaabsisan kadhatee gara magaalaa Kiloonkurii deeme. Guyyaa sadiif konkolaaticha biran ture. Guyyaatti konkolaattonni muraasni qofti kan darban yeroo taʼu konkolaachiftoonni bishaan naaf kennu turan. Namichi tokko immoo kitaaba dulloome naaf kenneera. “Kana dubbisi obboleessako, Si gargaara taʼa” naan jedhe. Kan nama dinqisiisu, kitaabichi jaarmiyaa keenyaan kan maxxanfame taʼuu baatus muuxannoowwan Dhugaa Baatonni Yihowaa mana hidhaa Naazii keessatti dabarsan kan ibsu dha.

 Beenii fi ani gara waggaa tokkoo wajjin tajaajille. Yommuu yeroo dhumaaf wal arginetti, “Obboleessaa, amanamaa taatee jiraachuuf qabsoo gochuu kee itti fufi” naan jedhe. Been nama Waaqayyoof bule taʼuun isaa fi hinaaffaan inni argisiise fakkeenya waan naaf taʼeef caalaatti tajaajila yeroo guutuu itti fufuuf akkan murteessu na godheera.

Giiliyaad, Achiis Taayiwaan

 Waggoota hedduudhaaf baadiyyaatti ergan tajaajilee booda ilaaltuu olaanaa aanaa akkan taʼun affeerame; kun tokkoon tokkoon gumii fi tuuta fagootti argamuu wajjin torban tokko ykn isaa ol dabarsuu kan dabalatu dha. Waggoota hedduudhaaf aanaawwan afur keessatti ramadameera. Aanaawwan kun gumiiwwan Kuwiinsilaandii fi Niiwu Saawuz Weels keessatti argaman dabalata. Achiis bara 1971​tti mana barumsaa Giiliyaad kutaa 51​ffaa galee barachuuf mirga addaan argadhe; manni barumsaa misiyoonotaa Dhugaa Baatota Yihowaa kun Niiwu Yoorkitti argama. Jiʼa shaniif Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuu, barattootaa fi barsiisotaa wajjin yeroo nama jajjabeessu dabarsuun, ramaddii haaraa jechuunis hojii misiyoonummaa Taayiwaanitti raawwadhuuf of qopheessuuf na gargaareera.

Giiliyaaditti kutaa koo

 Barattoota kutaa keenya kana keessaa sagal Taayiwaanitti kan ramadaman yeroo taʼu Iyan Biraawun inni Niiwu Ziilaandi dhufe isaan keessaa tokko ture. Iyan misiyoonii anaa wajjin tajaajilu ture. Waaʼee Taayiwaan wanta tokkollee hin beeknu. Kaartaa irraa ilaallee hamma barrutti illee eessatti akka argamtu mirkanaaʼoo hin turre.

 Gara garummaa guddaa baadiyyaa Kuwiinsilaandi fi Taayiwaan gidduu jiru walbira qabuu hin dandaʼu. Rakkinni keenya jalqabaa inni guddaan afaan Chaayinaa ture. Yeroo murtaaʼeef, yaanni hafuuraa inni madda jajjabinaa taʼee fi walgaʼiiwwan gumii irratti dubbatamu naaf hin galu ture. Obbolootaa fi obboleettota koo wajjin haasaʼuus hin dandaʼun ture. Haalli kun Iyan fi ani Giiliyaaditti wanta hedduu barachuun barbaachisee kan ture maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaareera. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu eegnee itti fufuuf nu gargaareera. Obbolootaa fi obboleettota gumii keenya jiranii wajjin akka garaa haasaʼuu baannullee jaalala isaan nuu fi Yihowaadhaaf qabaniin baayʼee jajjabaanneerra.

Afaan Chaayinaa Barachuu

 Taayiwaaniin erga gaʼanii booda, misiyoononni hundi afaan Chaayinaa barachuuf leenjii cimaa fudhatu. Barsiistuun keenya obboleettii Awustiraaliyaarra dhuftee fi Kaatliin Loogan e jedhamtu yeroo taʼu mana barumsaa Giiliyaad kutaa 25​ffaa irraa eebbifamte. Afaanicha barachuuf xiyyeeffannaa guddaa kennine. Wanta baranne hamma nuuf dandaʼame yerosuma hojii irra oolchina. Guyyaa jalqabaa tajaajila baanetti, Iyani fi ani yaada gabaabaa sammuutti qabanne. Naannoo tajaajilaa deemaa yeroo turretti jalqaba eenyu akka balbala rurrukutu mariʼanne. Ani angafa Iyan waanan taʼeef jalqaba kan rurrukutu isa akka taʼe baacuudhaanan itti hime. Namni jalqaba haasofsiisne nama kabajamaa lammii Chaayinaa fakkaatu ture. Yaada Iyan afaan Chaayinaa fi Ingiliffa walitti makee dubbatu obsaan dhaggeeffate. Kan nama dinqisiisu, Ingiliffa akka gaariitti dubbachuu dandaʼuun nu haasofsiise; kun afaan dhagaʼuu barbaannu ture. Yeroo muraasaaf erga wajjin haasofnee booda afaan Chaayinaa barachuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeesse. Gorsi gaariin inni nuuf kenne akkuma Been “amanamaa taatee jiraachuuf qabsoo gochuu kee itti fufi” jechaa jirutti amanannaa nuuf kenneera.

 Naannoon tajaajilaa keenya irra jireessa magaalaa guddittii Taayippee kan qabate dha. Yeroo sanatti Dhugaa Baatonni muraasa waan turaniif namoonni achi jiran hedduun misiraachicha hin dhageenye. Haalli kun Iyanii fi anaan abdii kan hin kutachiisne yeroo taʼu, hinaaffaadhaan lallabuu jalqabne. Yeroo sana jiʼatti barruulee dhibba hedduutti lakkaaʼamu raabsina turre. Namoonni tokko tokko eenyu akka taanee fi hojii keenya beekuuf qofa barruulee akka fudhatan beekamaa dha. Taʼus, garaa ergicha fudhatu irra buʼee biqiluu akka dandaʼu amanannaa qabaachuudhaan sanyii dhugaa Mootummichaa facaasuuf wanta dandeenye hunda gooneerra.

Michuu Bara Baraa Haaraatiin Gargaaramuu

Bara 1974 Waankwaa fi ani tajaajila irratti

 Yeroon tajaajilaa ture kanatti obboleettii Taayiwaan Waankwaa jedhamtuu wajjin michoota taane. Dhugaa kan jaallattu yommuu taʼu, namoonni kaanis ergaa Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa akka argatan gargaaruu barbaaddi turte. Kanaafuu, ana dabalatee misiyoononni hedduun afaan akka baratan gargaarteetti. Obboleettii ogeettii kana waanan jaalladheef bara 1974​tti gaaʼela dhaabbanne.

 Waankwaan misiyoononni tajaajila irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaarteetti. Fakkeenyaaf, aadaa fi yaada namoota Taayiwaan akka hubannu afaanichaan nu gargaarteetti. Namoonni amantii Budihaa fi Taaʼoo hordofan naannoo tajaajilaa sana keessa baayʼinaan kan jiraatan yommuu taʼu akkaataa dhiheenyaa naannoo sanaaf taʼutti akka fayyadamnu nu gargaarteetti. Namoota duʼan waaqeffachuun baramaa yommuu taʼu, namoonni hedduun matumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisanii ykn arganii hin beekan. Kanaafuu akkaataa dhiheenyaa keenya Uumaa isa maqaan isaa Yihowaa jedhamu akkasumas akka inni jiru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe irratti xiyyeeffachuu jalqabne. Fakkeenyaaf, qonnaan bulaan ykn namni qurxummii qabu tokko “Nyaata argachuuf samiitti hirkanna” jedhee yommuu dubbatu, akkana jenna: “Nyaata hunda kan dhiheessu Eenyu dha? Waaqayyo isa humna guddaa qabu, wanta hundumaa uumee fi isa waaqeffachuu qabnu mitii?”

Bara 1975 Waankwaa wajjin

 Yeroon darbaa yommuu deemu, sanyiin Mootummichaa facaasne garaa namoota fudhatanii irra buʼanii waan biqilaniif carraaqqiin goone firii argamsiiseera. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko barumsawwan sobaa hordofaa turanii fi barsiifatawwan Yihowaa hin gammachiisne dhiisuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Haa taʼu malee gargaarsa misiyoonotaa fi babalʼistoota gumichaatiin milkaaʼina argataniiru; jireenyi isaaniis baayʼee jijjiirameera. (Yohaannis 8:32) Yeroo booda obboloonni hedduun jaarsolii fi tajaajiltoota gumii taʼanii kan muudaman yommuu taʼu obboloonnii fi obboleettonni baayʼeenis waajjira damee ykn Beetelitti tajaajiluu dabalatee tajaajila yeroo guutuu keessa galaniiru.

 Bara 1976 kaasee Koree Waajjira Damee Taayiwaan keessatti tajaajiluuf mirga kanan argadhe yommuu taʼu misiyoonii taʼee dirree irratti tajaajiluu itti fufeera. Bara 1981​tti Waankwaa fi ani Beetel akka gallu kan affeeramne yeroo taʼu achitti waggoota hedduudhaaf koree waajjira damee keessatti tajaajileera. Tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu ergan jalqabee waggaa 60 ol taʼeera. Kanneen keessaa waggaa 50 ol Taayiwaan keessatti akkasumas haadha manaa koo wajjin gara waggaa 50 dabarseera. Iyan Biraawun inni misiyoonii hidhata koo turee fi michuu koo taʼe hanga bara 2013​tti duʼetti Taayiwaanitti tajaajila yeroo guutuu keessa ture.

Bara 1997 Taayiwaanitti biiroo bakkan itti hojjedhutti

 Waankwaa fi ani hojii Beetel, gumii afaan Chaayinaa fi tajaajilaa keenyaan qabamuuf baayʼee yaalla. Mirga addaa arganne kanaaf Yihowaa baayʼee galateeffanna. Yihowaan ijoollee yommuun turetti garaa guutuudhaan akkan isa tajaajiluuf fedhii fi humna naaf kenneera; dulluma keessas anaa fi Waankwaaf kana gochuu isaa itti fufeera.

a Qajeelchaa addaa jechuun tajaajiltoota yeroo guutuu bakka waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa barsiisonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka barbaachisan murteessetti yommuu isaan ergu dhaquuf fedhii qabani dha.

b Seenaan jireenyaa Beenat Briikal maxxansa Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 1972 irratti baʼeera.

c Konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabu ergaa Mootummichaa fagootti ittiin dhageessisuuf gargaara.

d Obboloota Biyya Galoo Galaanaatti lallaban daawachuuf viidiyoo, Naannoo Fagoo Deemanii Tajaajiluu—Awustiraaliyaa jedhu ilaali.

e Seenaa jireenyaa Kaatliin Loogan maxxansa Masaraa Eegumsaa Amajjii 2021 irratti baʼeera.