Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DOORINAA KAAPAARELII | SEENAA JIREENYAA

Ija Laafettii Taʼus, Jireenyuma Kanan Filadha!

Ija Laafettii Taʼus, Jireenyuma Kanan Filadha!

Umurii koo guutuu ija laafettiin ture. Waaʼee yeroo gammachiisaan tajaajila Yihowaa keessatti dabarsee yeroon yaadu kan na ajaaʼibu kanaafi.

 Bara 1934​tti Peskaaraa keessattan dhaladhe. Peskaaraan magaalaa giddu gala baha qarqara Xaaliyaaniitti Galaana Adiriyaatik biratti argamtudha. Ijoollee durbaa afur keessaa ani ishii quxusuudha. Abbaan keenya maqaa kan nuu moggaase “A” irraa jalqabee tartiiba qubeetiin ture; maqaan koo “D” irraa kan jalqabu kanaafi.

 Abbaan keenya yeroo hundumaa wantoota hafuuraatiif fedhii qaba ture. Jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kan wal arge Adoolessa 1943​tti yeroo namichi Liibaraatoo Riichii jedhamuu fi Dhugaa Baatotaa Yihowaa wajjin qoʼachaa ture tokko waaʼee Kitaaba Qulqulluu isatti himee fi Masaraa Eegumsaa tokko isaaf ergisettidha. Abbaan keenya utuma baayʼee hin turin wantoota barate hinaaffaadhaan warra kaanitti himuu jalqabe. Haati koos dhugaa ni fudhatte. Haati koo dubbisuu kan hin dandeenye taʼus, waaʼee abdii dhiheenyatti barattee warra kaanitti himti turte; akkasumas caqasoota Kitaaba Qulqulluu yaadattu tokko tokko namootatti himti turte.

 Mana keenya ishii baayʼee xinnoo taate keessatti hojii baayʼeetu hojjetama ture. Waaqeffannaadhaaf achitti walitti qabamna turre. Kutaa ciisichaa lama qofa kan qabnu taʼus daawwattoota olaanoo anaa fi qajeelchitoota mana keenyatti ni simanna turre.

 Obboleettonni koo angafaa lamaan dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii hin qaban turan; yeroo boodas gaaʼela dhaabbatanii manaa baʼan. Anii fi obboleettiin koo Sesiiraan garuu, abbaan keenya Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisu dhaggeeffachuun nu gammachiisa ture. Haasaa nama jajjabeessuu fi obboloonni keenya garee keenya ishii xinnoo daawwatan dhiheessan dhaggeeffachuun nu gammachiisa.

 Yeroo baayʼee abbaa koo fi obboloota kaanii wajjin tajaajila irratti kanan hirmaadhu taʼus, ija jabaadhee namoota haasofsiisuuf jiʼoota hedduu natti fudhateera. Haa taʼu malee, jaalallin Yihowaaf qabu waan guddateef, Adoolessa 1950​tti nan cuuphame. Obboleessi tokko haasaa cuuphaa mana keenya keessatti erga dhiheessee booda gara galaanaa deemeen cuuphame. Waggaa itti aanutti hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota addaa taʼan naannoo keenyatti ramadaman; anis yeroo baayʼee isaanii wajjinan tajaajila ture. Tajaajilarratti caalaatti hirmaachaa yeroon deemu nama haasofsiisuun naaf salphachaa deeme. Sana booda mirga tajaajilaa adda taʼe kana baayʼee jaallachaan dhufe.

Murtoo Jireenya Koo Jijjiire

 Ilaaltuun ol aanaa aanaa keenya inni jalqabaa Piyeeroo Gaatii ture. a Innis qajeelchituu akkan taʼu qofa utuu hin taʼin, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan akkan deemu na jajjabeesse; kun wantan matumaa yaadee hin beeknedha. Naannoo keenyatti shamarran hanga heerumanitti mana warra isaanii jiraatu turan. Kanaafuu, Bitootessa 1952​tti utuman mana warra kootii jiruu qajeelchituu taʼee tajaajiluun jalqabe. Yeroo sanatti murtoon koo kun guutummaa jireenya kootiirratti dhiibbaa akkamii akka godhu hin hubannen ture.

 Yeroo sanatti obboleettiin dargaggeettiin Aanaa jedhamtu qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabuu barbaaddee turte. Waliin taanee tajaajiluu akka dandeenyuuf nu bira dhuftee nu wajjin jiraachuu jalqabde. Bara 1954​tti Perugiyaatti qajeelchitoota addaa taanee akka tajaajillu ramadamne; magaalaan kun gara kiilomeetira 250 kan nurraa fagaatu siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaas achi hin jiran turan.

Aanaa, abbaa koo fi ana, Perugiyaa deemuu keenya dura

 Kun anaaf wanta ija jabina guddaa gaafatu ture. Umuriin koo waggaa 20 qofa ture; sana dura magaalaan itti guddadhe keessaa baʼee kanan beeku maatii koo wajjin walgaʼii guddaa tokkorratti argamuuf qofa ture. Yeroo kanatti waanan kutaa addunyaa kan biraa deemaa jiru natti fakkaatee ture. Abbaan koo haalli koo fi haalli Aanaa waan isa yaaddesseef, mana nuu barbaaduuf nu wajjin deemee ture. Mana akka galma walgaʼiittis itti fayyadamnu tokko kireeffanne. Yeroo muraasaaf garuu walgaʼiirratti kan argamu numa qofa ture. Taʼus Perugiyaa, akkasumas magaalotaa fi mandaroota naannoo ishiitti argamanitti lallabuun baayʼee nu gammachiisa ture; carraaqqiin keenyas firii argamsiisuu jalqabee ture. Gara waggaa tokkoo booda obboleessi tokko gara gumii keenyaa dhufe; innis walgaʼii nuuf geggeessa ture. Bara 1957​tti yommuu ramaddii haaraan nuu kennametti Perugiyaatti gumii xinnoon hundeeffamee ture.

Haadha manaa ilaaltuu ol aanaa aanaa tokkoo fi Aanaa wajjin Fincaaʼaa Maaggiyoor Perugiyaatti argamu bira dhaabbannee, bara 1954

 Itti aansuudhaan kan ramadamne magaalaa xinnoo Ternii jedhamtuu fi giddu gala Xaaliyaaniitti argamtuttidha. Ternii keessa namoonni fedhii qaban hedduun waan jiraniif, achitti lallabuuf baayʼee hawwinee turre. Garuu haalawwan rakkisoonis nu mudataniiru. Bulchiinsi faashistii bara 1943​tti kan xumurame taʼus, aangawoonni tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Kitaaba Qulqulluu akka hin labsine dhaabsisuuf carraaqqii gochuu itti fufanii turan; akkasumas manaa gara manaa deemnee tajaajiluuf heyyamni akka nu barbaachisu dubbatu turan.

 Poolisoonni yeroo baayʼee nu hordofu turan. Yeroo tokko tokko namoota baayʼee gidduu galuudhaan isaan jalaa miliqna turre; taʼus yeroo hunda miti. Ani siʼa lama qabameera. Jalqaba kanan qabame yeroon ilaaltuu olaanaa aanaa wajjin lallabaa turettidha. Yeroo kanatti poolisiin nu qabee gara buufata poolisiitti nu geesse; achittis heyyama seeraa utuu hin qabaatin akka lallabnetti nu himatan, akkasumas adabbii maallaqaa nutti muran. Nutis seera cabsine waan hin qabneef adabbii maallaqaa sana kaffaluu didne. Baayʼee sodaachuu kootiin kan kaʼe onneen koo baayʼee rukutaa ture. Kophaa waanan hin turreef Yihowaa baayʼeen galateeffadhe. Yaanni Isaayyaas 41:13 irratti argamuu fi “Hin sodaatin. Ani sin gargaara” jedhu gara sammuu kootti dhufee ture. Sana booda ni gad dhiifamne; himanni keenya mana murtiitti yeroo dhihaatu abbaan murtii yakka akka hin raawwanne dubbachuudhaan nuuf murteesse. Jiʼa jaʼa boodammoo yeroo lammaffaafan qabame. Yeroo kanatti garuu kophaa koon ture. Taʼus, ammas abbaan murtii yakka akkan hin raawwanne naaf murteesse.

Yihowaa Tajaajiluuf Carraa Dabalataa Argadheera

 Bara 1954​tti walgaʼii guddaa kibba Xaaliyaanii Neeppilsiitti godhamu irratti argamuuf baayʼee hawwee akkan ture nan yaadadha. Ergan achi gaʼee booda bakka walgaʼiin itti godhamu qulqulleessuuf fedhiidhaanan of dhiheesse; achittis naannoo waltajjii akkan qulqulleessun ramadame. Bakka kanatti dargaggeessi miidhagaa qajeelchaa taʼee fi Liibiyaadhaa dhufe xiyyeeffannaa koo harkisee ture; maqaan isaa Antooniyoo Kaapaarelii jedhama. Warri isaa Xaaliyaanii gara Liibiyaa kan dhaqan dhuma bara 1930mmaniitti ture.

Antooniyoon motara Liibiyaatti itti fayyadamaa turerra taaʼee

Guyyaa cidha keenyaatti

 Antooniyoon nama cimaa fi ija jabeessa ture. Motara isaatiin Gammoojjii Liibiyaa keessa imaluudhaan namoota Xaaliyaan achi jiraniif ni lallaba ture. Darbee darbee walii barreessina turre. Haa taʼu malee, jalqaba bara 1959​tti gara Xaaliyaanitti deebiʼe. Magaalaa Viitarboo gidduu gala Xaaliyaaniitti argamtutti qajeelchaa addaa taʼee akka tajaajilu ramadamuu isaa dura Beetel Roomaatti argamu keessa jiʼoota muraasa tureera. Caalaatti walitti dhihaachaa waan deemneef, Fulbaana 29, 1959 gaaʼela dhaabbanne. Anis Antooniyoo wajjin Viitarbootti tajaajiluun jalqabe.

 Achitti manni keessa jiraannuu fi walgaʼii itti godhannu nu barbaachisa ture. Yeroo boodas mana suuqii xinnoo fakkaatuu fi duubaan bakka dhaqna itti dhiqatan qabu tokko kireeffanne. Siree keenya girgiddaatti siqsinee keenyee golgaadhaan qoodne. Kun kutaa ciisichaa keenya ture. Iddoon hafemmoo guyyicha irratti hundaaʼuudhaan saalonii keenya ykn Galma Walgaʼii keenya taʼa. Kutaan sun mijataa waan hin taaneef qofaa koo achi keessa jiraachuu hin filadhu. Taʼus, Antooniyoo wajjin waanan jiraadhuuf gammachuu qaba.

Golgaa kutaa ciisichaa keenya qoodu biratti

 Bara 1961 Antooniyoon ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee akka tajaajilu muudame. Jalqaba garuu mana barumsaa tajaajiltoota gumii ykn ilaaltoota ol aanoof qophaaʼee fi jiʼa tokkoof turu irratti hirmaachuu qaba ture. Kanaafuu, jiʼa tokkoof kophaa koo jiraachuun qaba jechuudha. Keessumaa galgala galgala mana keenya ishii xinnoo keessa kophaa yommuun taʼu gaddatu natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Antooniyootti fayyadamuun isaa na gammachiisee ture. Hojiidhaan qabamee waanan tureef, yeroon isaa dafee naaf darbe.

 Hojiin daawwannaa yeroo baayʼee imaluu gaafata. Veenetoo ishii kaaba Xaaliyaanitti argamtu irraa hamma Siisiilii ishii kibba Xaaliyaanitti argamtutti imalla turre. Jalqaba konkolaataa dhuunfaa waan hin qabneef geejjiba uummataatti fayyadamna turre. Yeroo tokko baadiyyaa Siisiiliitti otoobisiidhaan daandii mijataa hin taane irra erga imallee booda obboloonni miʼa keenya feʼuuf harree qabatanii dhufan nu dubbisan. Antooniyoon suufii uffatee, karabaatiis hidhatee ture; ani immoo qamisii walgaʼiidhaaf taʼu uffadheen ture. Namoonni qonnaan bultootaa fi harree boorsaan keenyaa fi taayippiraayitariin keenya irratti feʼame wajjin yommuu deemnu argan seeqanii taʼuu qaba.

 Obboloonni wanti qaban baayʼee xinnoo yoo taʼe illee arjummaa nutti argisiisu turan. Manneen tokko tokko kutaa itti dhaqna dhiqatan ykn bishaan boombaa hin qaban turan. Gaaf tokko kutaa waggoota muraasaaf faayidaa irra hin oolle tokko keessa buufanne. Halkan tokko hirriba keessa baayʼee gaggaragalaa waanan tureef Antooniyoon na dammaqse. Ansoolaa yommuu ol kaasnu ilbiisonni keessa guutanii argine; kunis baayʼee nu naasise. Halkan walakkaa waan taʼeef, homaa gochuu hin dandeenyu. Kanaafuu, hamma dandeenyu ilbiisota hedduu ajjeesnee deebinee rafuuf yaalle.

Bara 1960​nii keessa Antooniyoo wajjin hojii aanaa yeroo hojjennu

 Wanti baayʼee ulfaataa natti taʼe garuu haala kana hin turre. Wanti gufuu guddaa natti taʼe ija laafettii taʼuu kooti. Gumii tokko yeroo jalqabaatiif yommuu daawwannu michoota haaraa horachuun baayʼee natti ulfaata. Haa taʼu malee, obboleettota jajjabeessuu fi gargaaruuf fedhii cimaa waanan qabuuf carraaqqii addaan godhe. Yihowaan waan na gargaaruuf, yeroo hundumaa dhuma torbaniirratti obbolootatti dhihaachuun akka naaf salphate natti dhagaʼama. Obboloota wajjin hojjechuunis taʼe arjummaa fi amanamummaa isaanii, akkasumas jaalala isaan Yihowaadhaaf qaban arguun mirga guddaadha.

 Waggoota muraasaaf hojii aanaa fi koonyaarratti b erga hirmaannee booda, bara 1977​tti qophii Walgaʼii Idil Addunyaa bara 1978 “Amantii Injifannoo Argamsiisu” jedhamuuf godhamurratti gargaarsa akka goonuuf Beetel Roomaatti argamutti affeeramne. Jiʼoota muraasa boodammoo miseensota maatii Beetel taane. Sana booda utuma baayʼee hin turin Antooniyoon miseensa Koree Waajjira Damee taʼee akka tajaajilu muudame.

 Beetel anaaf haaraa ture; ammas ija laafettii taʼuun koo guutummaatti bilisummaan akka natti hin dhagaʼamne taasise. Garuu utuma baayʼee hin turin gargaarsa Yihowaa fi miseensota maatii Beeteliin Beetel mana koo akka taʼe natti dhagaʼamuu jalqabe.

Haala Rakkisaa Haaraa Dandamachuu

 Waggoota muraasa booda rakkina kan biraatu nu mudate; innis dhibee fayyaati. Bara 1984​tti Antooniyoof yaalii baqaqsanii hodhuu onneetu isaaf godhame; gara waggaa kudhanii boodammoo dhibee fayyaa kan biraatu isa mudate. Achiis bara 1999​tti xannacha baayʼee hammaachaa deemu akka qabu beekame. Antooniyoon nama cimaa ture; taʼus dhibee cimaa kanarraa bayyanachuu hin dandeenye. Yommuu dhukkubni isaa caalaatti isatti hammaachaa deemu arguun koo baayʼee na gaddisiise. Yihowaan jabina abbaa manaa koo isa jaallatamaa taʼe deggeruuf na barbaachisu akka naaf kennu cimseen isa kadhadhe. Yeroo baayʼee kitaaba Faarfannaa nan dubbisa. Kunis yeroo dhiphinni natti dhagaʼamu jajjabaachuuf na gargaara. Antooniyoon Bitootessa 18, 1999​tti boqote. Gaaʼelaan gara waggaa 40 waliin dabarsineerra.

 Namootaan marfamee utuman jirullee kophummaa cimaan natti dhagaʼamuu dandaʼa. Miseensonni maatii Beetelii fi obboloonni yeroo hojii daawwannaa hojjechaa turretti wal barre jaalala guddaa natti argisiisaniiru, akkasumas baayʼee na jajjabeessaniiru. Taʼus, keessumaa galgala yommuun gara kutaa kootti deebiʼu gadda cimaatu natti dhagaʼama; miira natti dhagaʼamu jechaan ibsuu hin dandaʼu. Kadhachuu fi qoʼachuun koo, akkasumas yeroon darbuun isaa bayyanachuuf na gargaareera. Yeroo booda, waaʼee yeroo gammachiisaa Antooniyoo wajjin dabarsee yaaduun na gammachiisuu jalqabe. Ammayyuu waaʼee wantoota wajjin hojjennee yaaduun na gammachiisa; Antooniyoon yaadannoo Yihowaa keessa akka jiruu fi yeroo inni duʼaa kaafamutti akkan isa argu mirkanaaʼaadha.

 Beetel keessatti hojii garaa garaa hojjedheera; ammammoo hojii uffata hodhuun hojjedha. Hojii maatii koo isa balʼaa taʼe fayyadu hojjechuun baayʼee na gammachiisa. Tajaajilarratti xiyyeeffachuufis nan yaala. Hamma kanaan duraa hojjechuu dandaʼuu baadhus, ergaa Mootummichaa namootatti himuun na gammachiisa; mirga kana xinnummaa kootii kaaseen jaalladha. Dargaggoonni qajeelchitoota akka taʼan jajjabeessuu kanan jaalladhu kanaafi. Hojichi hammam gammachiisaa akka taʼe beeka.

“Hojii maatii koo isa balʼaa taʼe fayyadu hojjechuun baayʼee na gammachiisa”

 Waggoottan 70 tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarse yeroon yaadu Yihowaan baayʼee akka na gargaaree fi akka na eebbise natti dhagaʼama. Ammayyuu ija laafettii waanan taʼeef, wantootan hanga ammaatti raawwadhe jabina ofii kootiin matuma raawwachuu hin dandaʼun ture. Naannoowwan fagoo taʼan deemeera, wantoota na jajjabeessan argeera, namoota wantoota barbaachisoo taʼan na barsiisan wajjinis wal bareera. Carraa kan biraa utuun argadhee, shakkii tokko malee jireenyuma kanan filadha!

a Seenaan jireenyaa Piyeeroo Gaatii inni mata dureen isaa “Duʼa Nan Sodaadhan Ture, Amma Garuu ‘Jireenya Irraa Hafaan’ Eeggadhaa” jedhu Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2011 irratti argama.

b Ilaaltuun ol aanaa koonyaa aanaawwan garaa garaa koonyaa tokko taʼan tajaajila.