Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JIISAS MAARTIIN | SEENAA JIREENYAA

“Yihowaan Haala Baayʼee Abdii Nama Kutachiisu Keessaa Na Oolcheera”

“Yihowaan Haala Baayʼee Abdii Nama Kutachiisu Keessaa Na Oolcheera”

Bara 1936 Maadriid keessattin dhaladhe. Namoota bara kootti lammii Ispeen taʼaniif, barri kun bara matumaa hin irraanfatamne dha. Yeroon isaa yerootti waraanni waliinii cimaan Ispeen keessatti kaʼe ture.

 Waraanni waliinii gara waggaa sadiif ture kun rakkina guddaa kan geessise yommuu taʼu, namoonni hedduun karaa qaamaas taʼe karaa miiraa akka miidhaman godheera. Namoota kana keessaa abbaan koo isa tokko dha. Inni Waaqayyootti ni amana ture, garuu qeesonni Kaatolikii waraana irratti yommuu hirmaatan arguun isaa baayʼee isa aarsee fi abdii isa kutachiisee ture. Kanaaf, anii fi obboleessi koo inni quxusuun waldaa Kaatolikiitti cuuphamuu akka hin qabne murteesse.

Firaansiiskoo Firaankoon Waldaa Kaatolikii wajjin hariiroo cimaa qaba ture

 Bara 1950​tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala keenya rurrukutan. Abbaan koos kan isaan dhaggeeffate yeroo taʼu, torban torbaniin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 14 ture; kubbaa miillaas baayʼeen jaalladha ture. Abbaan koo barreeffamoota Dhugaa Baatonni fidan tokko tokko akkan dubbisu gochuuf yaalaa ture, ani garuu hin barbaadun ture. Gaaf tokko waaree booda kubbaa miillaa taphadhee gara manaatti yommuun deebiʼu, “Harme, barsiisonni Kitaaba Qulqulluu sun harʼas dhufaniiruu?” jedheen ishii gaafadhe. Ishiinis, “Eeyyee, abbaa kee wajjin kutaa nyaata itti nyaannu jiru” jettee naaf deebiste. Anis fiigeen deebiʼee gara daandiitti baʼe!

 Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu jibbuun koo abbaa koo irratti dhiibbaa gochuu dhiisuun isaa baayʼee na ajaaʼibsiise. Dhugaa barachaa ture baayʼee waan jaallateef, bara 1953​tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphame. Waaʼee cuuphaa isaa caalaatti beekuuf waanan hawweef, abbaa koo gaaffiiwwan hedduu gaafachuun jalqabe. Kitaaba Qulqulluu illee akka naa kennan nan gaafadhe. Dhugaa Baatuun dargaggeessa taʼee fi Maaksiimoo Mursiyaa jedhamu Kitaaba Qulqulluu akka na qoʼachiisu godhe. Waggaa lama booda, yeroo umuriin koo 19 taʼu, Laga Haraamaa isa baha Maadriid jirutti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

Bara Bulchiinsa Firaankoo Isa Abbaa Irree Tureetti Lallabuu

 Bara 1950mmaniitti, lallabuunii fi walitti qabamuun baayʼee rakkisaa ture. Firaankoo inni abbaa irree ture Ispeeniin bulchaa ture, inni immoo namni biyyattii keessa jiru hundi amantii Kaatolikii akka hordofu barbaada ture. Kanaan kan kaʼes, poolisoonni yeroo baayʼee Dhugaa Baatota Yihowaa irra miidhaa geessisu turan. Manneen dhuunfaatti walitti qabamna, namoonni ollaas achi jiraachuu keenya beekanii poolisootatti akka hin himneef of eeggannoo guddaa goona turre. Hamma dandeenye dhoksaadhaan tajaajila manaa gara manaa irratti ni hirmaanna turre; mana lama ykn sadii erga rurrukunnee booda saffisaan bakka kan biraa deemna turre. Namoonni hedduun ergaa keenya ni dhaggeeffatu turan, garuu ergicha kan jaallatu nama hunda hin turre.

Obboleessi keenya Fireedirki Firaazi walgaʼii naannoo dhoksaadhaan goone tokko irratti yommuu haasaa dhiheessu

 Nan yaadadha, gaaf tokko manaa gara manaa yeroon tajaajilutti qeesii Kaatolikii tokkon argadhe. Kaayyoon itti mana isaa dhufe yommuun itti himu, “Akka kana hojjettu eenyuutu mirga sii kenne? Poolisii sitti waamuu akkan dandaʼu hin beektuu?” naan jedhe. Anis haalawwan akkasiitiifis akka qophoofnen itti hime. Achiis akkanan isaan jedhe: “Diinonni Yesuus Kiristoos qabanii isa hidhuuf yaalanii turan. Duuka buutota isaas haalli akkasii yoo mudate nama dinqisiisaa ree?” Deebiin koo matumaa isa hin gammachiisne; achiis poolisiitti bilbiluuf ol seene. Anis yeruma sanan saffisaan naannoo sanaan deeme.

 Muuxannoowwan akkasii jiraatanis, Ispeen keessa babalʼistoonni dhibbaan lakkaaʼaman namoota ergaa keenyaaf fedhii argisiisan hedduu argachuu dandaʼaniiru. Guraandhala 1956, wagguma 19 taʼee utuun jiruu, qajeelchaa addaa taʼee akkan tajaajilun muudame. a Qajeelchitoonni hedduun dargaggootaa fi muuxannoo kan hin qabne turre, taʼus misiyoonota muraasa turaniif galanni haa taʼuutii, leenjii fi jajjabina nu barbaachisu argachuu dandeenyeerra. Qajeelchaa dargaggeessa taʼee wajjin magaalaa Alikaantee bakka hojiin lallabaa itti hojjetamuu hin jalqabamnetti akka tajaajillu ramadamne. Jiʼoota muraasa gidduutti qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu jalqabsiisuu fi barreeffamoota dhibbaan lakkaaʼaman raabsuu dandeenyeerra.

 Sochiin nuti goonu garuu kan dhokatu hin turre. Alikaanteetti jiʼoota muraasa erga dabarsinee booda, poolisoonni nu qabanii Kitaabota Qulqulluu keenya nu jalaa fudhatan. Guyyoota 33f erga nu hidhanii booda, gara Maadiriiditti nu geessan, achiis ni hiikamne. Hidhaan kun garuu wanta gara fuulduraatti na eeggatuuf kan na qopheessu ture.

Yeroo Jireenya Koo Keessatti Baayʼee Ulfaataa Taʼe

 Yeroo umuriin koo waggaa 21 taʼu, tajaajila loltummaa akkan kennu dirqamaan nan gaafatame. Kaampii loltootaa isa magaalaa Needor ishii yeroo sanatti Ispeen jala turtee fi kaaba Moorookootti argamtu dhaquun qaba ture. Achitti ajajaa dhibbaa duratti ejjennoo koo kabajaanan ibse. Loltuu taʼee hin tajaajilu, yuunifoormii isaaniis hin uffadhun jedhe. Poolisiin raayyaa waraanaa tokko gara mana hidhaa Roostiroogaardoo isa Meeliilaatti argamutti na geesse; achitti yeroon mana murtii loltootaatti dhihaadhu eeggachaan ture.

Mana hidhaa Roostiroogaardoo isa Meeliilaatti argamu

 Mana murtiitti dhihaachuu koo dura, ajajaan kumaa Ispeen inni Moorookoo jiru hamman yaada koo jijjiirutti akka na reeban murteesse. Kanaan kan kaʼes, arrabsameera, alangaa fardaatiin daqiiqaa 20 garafameera, akkasumas hamman of wallaalee kufutti na dhidhiitaniiru. Kunis isaan hin quubsine, ajajaan sun bottii loltootaa kaawwateen mata koo irra ejjete, na irra ejjechuu kan dhaabee yommuu dhiigni koo dhangalaʼuu jalqabetti ture. Achiis biiroo isaatti erga na geessee booda akkana jedhee natti iyye: “Kanaan waanan si dhiisu sitti hin fakkaatin. Na eeggadhu, guyyaa guyyaadhaan kanumatu si eeggata!” Mana hidhaa lafa jalaa keessatti akka natti cufan waardiyyoota ajaje. Kutaan sunis diilallaaʼaa fi dukkanaaʼaa ture, haalli koo waan abdii hin qabne fakkaata ture.

 Mataan koo utuma dhiiguu yeroon mana hidhaa sana keessa lafa ciisaa ture matumaa hin irraanfadhu. Fooxaa haphii malee waanan uffadhu hin qabun ture, yeroo tokko tokko kanan argu hantuutota qofa. Wantin gochuu dandaʼu Yihowaan jabinaa fi obsa akka naaf kennu kadhachuu qofa ture. Mana hidhaa dukkanaaʼaa fi diilallaaʼaa sana keessatti irra deddeebiʼeen kadhadha ture. b

 Guyyaa itti aanu immoo, yeroo lammataatiif ajajaa kudhaniitu na reebe. Ajajaan jalqabaa sun hamma garaa isa gaʼutti reebamuu koo dhaabatee ilaala ture. Yeroo kanatti kana caalaa reebicha isaanii dandaʼuu koo irratti yaaduu jalqabee akkan ture hin haalu. Gaafas galgala utuun mana hidhaa sana keessa jiruu Yihowaan akka na gargaarun kadhadhe.

 Guyyaa sadaffaatti, ammas biiroo ajajaa sanaattin waamame. Ammas na reebu jedhee sodaadheen ture. Yeroon gara biiroo sanaa deemu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessaan ture. Doon Esteevan c inni barreessaa dhaddacha mana murtii ture na eegaa ture. Kan dhufe himata na irratti banuuf ture.

 Doon Esteevan huccuu mataa kootti marame yommuu argu, “Maal taate?” jedhee na gaafate. Ammas na reebuu laata jedhee waanan yaaddaʼeef itti himuu hin barbaannen ture, booda garuu dhugaa isaan itti hime. Haala isaa guutummaatti yommuu dhagaʼu, Doon Esteevan akkana jedhe: “Mana murtiitti akka hin dhihaanne dhowwuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, kana booda namni tokko illee quba isaatiin si hin tuqu.”

 Akkuma inni jedhee ture, yeroon mana hidhaa ture hundatti namni tokko illee quba isaa natti hin buusne. Abbaan murtii sun guyyaa sana na haasofsiisuu kan filate maaliif akka taʼe matumaa hin beekne. Wanti ani beeku, kadhannaan ani dhiheesse karaa adda taʼeen deebii argachuu isaati. Yihowaan haala baayʼee abdii nama kutachiisu keessaa na oolcheera, ariʼatamni ani baachuu dandaʼu caalu akka na irra gaʼu akka hin heyyamnes hubadheera. (1 Qorontos 10:13) Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan mana murtii loltootaatti dhihaadheera.

Mana hidhaa Okaaniyaatti

 Manni murtii loltootaa waggaa 19 kan natti murteesse yommuu taʼu, ‘ajajamuu diddeetta’ jedhanii immoo yeroo booda waggaa sadii natti dabalaniiru. Jiʼoota 15f Moorookoo ergan ture booda, murtii natti murteeffame xumuruuf gara Mana Hidhaa Okaaniyaa, isa Maadriid irraa baayʼee hin fagaannettin jijjiirame. Okaaniyaatti jijjiiramuun koo qophii Yihowaa ture. Roostiroogaardoo wajjin yeroo wal bira qabamu jannata fakkaata ture. Kutaan itti hidhame siree, firaashii fi ansoolaa qaba ture. Yeroo muraasa booda, hojjetaa herrega mana hidhaa sanaa qabu taʼeen muudame. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf hidhamuun kophummaan garmalee akka namatti dhagaʼamu taasiseera. Qorumsi koo inni guddaan obboloota koo hafuuraa wajjin wal arguu kan hin dandeenye taʼuu koo ture.

 Darbee darbee warri koo dhufanii kan na gaafatan taʼus, jajjabinni dabalataa na barbaachisa ture. Warri koo obboloonni kaanis tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu akka didan natti himu turan. Kanaaf, yoo xinnaate obboleessi tokko gara mana hidhaa ani jiruu akka dhufu kadhannaadhaanan Yihowaa gaafadhe. Yihowaan ammas kadhannaa ani garaadhaa dhiheesseef, karaa ani matumaa hin eegneen arjummaadhaan deebii naa kenneera. Utuma baayʼee hin turin obboloonni amanamoon sadii, jechuunis Albeertoo Kontaayook, Firaansiskoo Diiyaasii fi Antooniyoo Saancheez mana hidhaa Okaaniyaa ani keessa jiru dhufan. Waggaa afuriif kophaa koo ergan hidhamee booda, dhuma irratti michoota koo hafuuraa argachuu dandaʼeera. Arfan keenya waliin qoʼannaa, akkasumas namoota nuu wajjin hidhamaniif ni lallabna turre.

Bilisa Baʼanii Hojiitti Deebiʼuu

 Dhuma irratti, dhiifamni naa godhamee bara 1964​tti nan hiikame. Murtiin waggaa 22f natti murteeffamee ture gara waggaa 6 fi walakkaatti naaf hirʼate. Gaafuman mana hidhaatii gadhiifamu sana walgaʼii gumii koo isa jalqabaa irrattan argame. Maallaqa xinnoo qabu gara Maadriiditti deebiʼuuf jecha taaksiidhaaf kaffalus, yeroodhaan gara walgaʼii gaʼeera. Deebiʼee obboloota koo wajjin taʼuun koo eebba guddaa dha! Kanan barbaade garuu obboloota koo wajjin taʼuu qofa miti. Yeruma sana deebiʼee qajeelchaa taʼuun barbaada ture. Poolisoonni kan nama dararan taʼus, namoonni misiraachicha dhagaʼaa turan, akkasumas hojiin hojjetamu hedduun jira ture.

 Yeroo kanatti, shamarree Maarseedis jedhamtuu fi hinaaffaa qabdu, akkasumas qajeelchituu addaa taatee tajaajilaa jirtuu wajjin wal barre. Maarseedis obboleettii amala gad of qabuu qabduu fi hamma dandeesse namoota hundumaaf lallabuuf fedhii guddaa qabdu turte. Kana malees, baayʼee garraamii fi arjaa turte; akkan ishii jaalladhu kan na taasisanis amaloota ishii kana dha. Kan wal jaallanne yommuu taʼu, waggaa tokko boodas gaaʼela godhanne. Maarseedis na cinaa taʼuun ishii eebba guddaa naaf argamsiiseera.

Cidha godhannee yeroo muraasa booda Maarseedisii wajjin

 Cidha keenya jiʼoota muraasa booda hojii daawwannaa irratti akka hirmaannu affeeramne. Torban torbaniin gumiiwwan adda addaa daawwachuudhaan, obboloota keenyaa wajjin walgaʼii irratti argamna, akkasumas hojii lallabaa irratti waliin hirmaanna. Guutummaa Ispeen keessatti lakkoofsi gumiiwwan baayʼee dabalaa dhufe, gargaarsii fi jajjabinni obboloota ni barbaachisa ture. Yeroo muraasaaf, hojii dhoksaadhaan waajjira Dhugaa Baatota Yihowaa Baarselonaa jiru keessatti hojjetamu irratti deddeebiʼee hojjechuuf mirga argadheen ture.

 Sochiin dhoksaadhaan goonu bara 1967 yeroo mootummaan seera lammiiwwan Ispeen hundi bilisummaa amantii akka qabaatan ibsu baasetti ni xumurame. Dhuma irratti, bara 1970​tti Dhugaa Baatonni Yihowaa seera biratti beekamtii argatan. Amma rakkina tokko malee walitti qabamuu fi Galmawwan Walgaʼii mataa keenyaa qabaachuu dandeenyeerra; waajjira damee illee ifatti banuun dandaʼameera.

Tajaajila Waaqayyoo Keessatti Itti Gaafatamummaawwan Haaraa

 Bara 1971, anii fi Maarseedis waajjira damee haaraa Baarseloonaa jiru keessatti dhaabbataadhaan akka tajaajillu affeeramne. Taʼus, waggaa tokko booda Maarseedis ulfooftee intala keenya bareedduu Abigaaʼeliin deesse. Kana jechuun tajaajila Beetel addaan kunnee itti gaafatamummaa haaraa fudhachuu, jechuunis intala keenya guddisuu qabna jechuu dha.

 Abigaaʼel yommuu umurii kurnanii keessa seentu, waajjirri damee gara hojii aanaatti akka deebinu nu gaafate. Dhimmicha ilaalchisee kadhannaa dhiheessine, akkasumas obboloota muuxannoo qaban mariisisne. Jaarsi tokko, “Jiisas hojii daawwannaatti akka deebitu barbaadu yoo taʼe tole jechuu qabda” naan jedhe. Kanaaf, jireenya keenya keessatti eebba kan biraa argachuu jalqabne. Jalqaba irratti, Abigaaʼeliin kunuunsaa gumiiwwan naannoo keenyatti dhihoo jiran daawwachuu eegalle. Yeroo booda Abigaaʼel guddattee jireenya mataa ishii jiraachuu jalqabuun ishii, deebinee tajaajila yeroo guutuu addaa keessa akka seennu carraa nuu baneera.

 Anii fi Maarseedis hojii daawwannaa irratti waggoota 23 dabarsineerra. Kun muuxannoo kootti fayyadamee dargaggoota jajjabeessuuf carraa waan naa kenneef, mirga tajaajilaa baayʼeen jaalladhudha. Yeroon jaarsolii fi tajaajiltoota yeroo guutuutiif leenjii kennu yeroo tokko tokko Beetel isa Maadriid jiru buufanna. Kan nama dinqisiisu, Lagni Haraamaa ani bara 1955​tti cuuphame Beetel irraa gara kiilomeetira sadii qofa fagaata. Yeroo sanatti waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda deebiʼee dhiirotaa fi dubartoota dargaggoota taʼan, tajaajila Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa guguddaa akka fudhataniif isaanan qopheessa jedhee matumaa hin yaannen ture.

Mana barumsaa tiʼookraasii tokko irratti yommuun barsiisu

 Bara 2013 kaasee, ammas qajeelchitoota addaa taanee akka tajaajillu ramadamne. Hojii daawwannaa irraa gara qajeelchaatti jijjiiramuun salphaa akka hin taane nan amana; garuu kun wanta sirrii gochuu qabnu dha. Dhiheenya kana, yaalii baqaqsanii hodhuu onnee cimaa naaf godhame dabalatee dhibeewwan fayyaa adda addaa na mudataniiru. Yeroowwan kanattis deggersa Yihowaatti amanamuun na barbaachisee ture, innis akkuma yeroo kaanii matumaa na hin ganne. Waggoota 56f, haati manaa koo Maarseedis ishiin amanamtuu taate deggersa guddaa naaf gooteetti, akkasumas itti gaafatamummaawwan tajaajila Yihowaa keessatti naaf kennaman hunda raawwachuu akkan dandaʼuuf hiriyaa dhugaa naaf taʼuu ishii mirkaneessiteetti.

 Yeroo baayʼee yeroon barsiisaa taʼuudhaan leenjii kennaa ture nan yaada. Fuulli dargaggoota leenjii argatan hojii irra oolchuuf hawwii guddaa qaban amma iyyuu natti mulʼata. Hawwiin isaanii kunis dargaggummaa koo fi yeroo tajaajila qulqulluu kutaa jireenya koo akka taʼu yaaduudhaan itti jalqabe na yaadachiisa. Jireenya koo keessatti yeroowwan itti haalawwan baayʼee rakkisoo taʼan itti dandamachuun na barbaachise jiru turan; taʼus muuxannoowwan dinqisiisoo hedduu argadheera. Qorumsawwan ulfaatoo taʼan illee barumsawwan guguddaa na barsiisaniiru; hunda caalaa immoo, jabina kootti matumaa amanamuu akka hin qabne baradheera. Qorumsawwan na irra gaʼan harka Yihowaa isa humna guddaa qabu, eeyyee harka isaa yeroo haalli abdii nama kutachiisu fakkaatu na mudatetti illee yeroo hundumaa na jabeessu arguuf carraan naaf bananiiru.—Filiphisiyus 4:13.

Anii fi Maarseedis tajaajiltoota yeroo guutuu taanee tajaajiluu keenya itti fufneerra

a Qajeelchaa addaa jechuun tajaajiltoota yeroo guutuu bakka waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa barsiisonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka barbaachisan murteessetti yommuu isaan ergu dhaquuf fedhii qabani dha.

b Kutaan keessatti hidhamee turee fi jiʼoota torbaaf mana koo ture, kaare meetira afur yommuu taʼu mana boolii hin qabu. Uffata qorraa tokko uffadhee lafa xuraaʼaa irran rafa ture.

c Maqaan “Doon” jedhu maqaa ulfinaa maqaa namootaa dura galuu fi biyyoota Afaan Ispaanishii dubbatan keessatti baramaa taʼe dha.