Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MILTIYAADIIS ISTAAVIRUU | SEENAA JIREENYAA

“Yihowaan Kunuunsa Nuuf Godheera, Qajeelfamas Nuuf Kenneera”

“Yihowaan Kunuunsa Nuuf Godheera, Qajeelfamas Nuuf Kenneera”

Yeroo umuriin koo waggaa 13 turetti, akkuma ijoollee umurii koo irratti argaman kaanii, konkolaataawwan muraasa daandii Tiriippoolii, Liibaanon irra darban ilaaluun na gammachiisa ture. Konkolaataa diimtuu bareedduun Ameerikaatti oomishamtee fi namni biyya Sooriyaa oofaa ture tokko garuu hunda isaanii caalaa xiyyeeffannaa koo harkiste. Lubni bataskaana Ortodoksii naannoo keenyatti argamu tokkoo, abbaan konkolaataa kanaa Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taʼeef qofa, konkolaataa sana dhagaadhaan akka rukunnu yeroo nutti himu hammam na ajaaʼibee akka ture tilmaamuu hin dandeessan!

 Nutis, yeroo konkolaataa sana rukunnutti namichi gidduutti miidhamuu akka dandaʼu lubichatti himne. Innis, “Isa ajjeesaa. Dhiiga isaas uffata koo kanaan harka keessan irraa haxaaʼadhaa!” nuun jedhe. Maatii Ortodoksii Giriikii taʼe irraa argamuu kootti baayʼee kanan boonu taʼus, jechoonni inni aariidhaan dubbate kun gara bataskaanaa dhaquu akkan dhaabu na taasisan. Amma yeroon irratti yaadu, wanti uumame kun waaʼee Yihowaa dhugaa isaa baruuf na gargaareera.

Waaʼee Yihowaa Dhugaa Isaa Baruu

 Yeroon guddachaa adeemetti, Triippoolii ishiin magaalaa qarqara bishaaniitti argamtu, namoota aadaa garaagaraa qaban, afaan garaagaraa dubbatanii fi amantii garaagaraa hordofaniin guutamaa dhufte. Maatiin hundi wanta abbootii isaa irraa dhaaletti kan boonu yeroo taʼu, maatiin koos akkasuma ture. Anii fi obboloonni koo hangafaa, garee ‘loltoota amantii’ a jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa mormutti makamnee turre. Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkollee arginee kan hin beekne taʼus, lubni keenya tuuta amantii Ortodoksii Giriikii morman akka taʼanii fi geggeessaan isaanii immoo Yihowaa akka taʼe nutti himeera. Lubni keenya, Dhugaa Baatota Yihowaa bakka arginu hundatti reebuu akka qabnu irra deddeebiʼee nutti hima ture.

 Ani yoon beekuu baadheyyuu, obboloonni koo sadan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arganii turan. Haataʼu malee, mormii isaanii, isaan miidhuudhaan argisiisuu mannaa Kitaaba Qulqulluu isaan faana qoʼachuudhaan akka isaan dogoggoran amnsiisuuf walii galan. Galgala tokko, gara manaa yeroon dhufu, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana keessa guutanii maatii koo fi ollaawwan keenya muraasaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti utuu mariʼataniin arge. Yeroo kanatti nan mufadhe! Obbolaan koo amantii Ortodoksiitiif amanamoo utuu hin taʼin kan hafan maaliifi? Ollaan keenya inni doktara ilkaanii beekamaa fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe, taaʼee akkan dhaggeeffadhu yeroo natti himutti isaan dhiisee gadi baʼuufan ture. Michuun maatii keenyaa tokko Kitaabuma Qulqulluu koo irraa Faarfannaa 83:18 sagalee isaa ol kaasee dubbisaa ture. Yeroon kana dhagaʼu, Lubni keenya akka nu soben hubadhe. Edaa Yihowaan geggeessaa mormitootaa miti, kanaa mannaa maqaa Waaqa isa dhugaati!

Cuuphamee utuu baayʼee hin turin

 Waaʼee Yihowaa caalaatti baruu waanan barbaadeef; qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu obboleessi Miicheel Abbaawud mana keenyatti geggeessaa ture irratti argamuun jalqabe. Guyyaa tokko, hiriyaan koo umuriidhaan na caalu tokko, gaaffii baayʼee na ajaaʼibe tokko gaafate. “Mee nutti himi, Waaqayyoon eenyutu uume?” jedhee gaafate. Obboleessi keenya Abbawudis, adurree teessoorra jirtu tokkotti quba qabuudhaan dubbachuu eegale. Adurreen sun wanta namoonni dubbatanii fi akkaataa isaan itti yaadan hubachuu akka hin dandeenye nutti hime. Achiis, ‘Nutis akkasuma waaʼee waaqayyoo waan baayʼee hubachuu hin dandeenyu’ nuun jedhe. Fakkeenyi salphaa taʼe kun, waaʼee Yihowaa wantoota tokko tokko guutummaatti hubachuu kanan hin dandeenye maaliif akka taʼe hubachuuf na gargaareera. Sana booda utuma baayʼee hin turin, Yihowaadhaaf kanan of murteesse yeroo taʼu, bara 1946​tti, umurii koo waggaa 15ttan cuuphame.

Qajeelchaa Taʼuun Jireenyi Koo Kaayyoo Akka Qabaatu Godhe

 Bara 1948​tti, obboleessa koo Haannaa wajjin hojii suura kaasuu irratti hirmaachuun eegale. Manni suuraa isaa, suuqii qalamni itti gurguramuu fi kan obboleessa keenya Najiib Saaleem taʼe biratti argama ture. b Najiib lallabaa wangeelaa ija jabeessa kan ture yeroo taʼu, umurii isaa waggaa 100​tti hanga duʼaan boqotutti akkasuma ture. Carraan gandeen keessa deemee isaa wajjin tajaajiluudhaaf argadhe hundatti, mormiin jiraatus ija jabinaan akka inni lallabu hubachuu dandaʼeera. Akkasumas, namoonni amantii akkamiiyyuu yoo qabaatan hunduma isaanii faana maree Kitaaba Qulqulluu jalqabuu ni dandaʼa ture. Hinaaffaa qabaachuu irratti fakkeenyi inni naaf kaaʼe, dhiibbaa guddaa na irratti godheera.

Najiib Saaleem (toora isa duubaa irra, karaa harka mirgaa) dhiibbaa gaarii narratti godheera

 Guyaa tokko utuma bakka hojii jirruu, Obboleettiin keenya Meerii Shaaraa, ishiin lammii biyya Liibaanon taatee fi Ameerikaadhaa dhufte nu gaafachuu dhufte. Ishiinis ijoollee guddisuun yeroo ishii kan jalaa fudhatu taʼus, qajeelchituu hinaaffaadhaan tajaajiltu turte. Guyyaa sana dhuftee nu gaafachuun ishii, jireenyi koo akka jijjiiramu godhe. Meeriin muuxannoo tajaajila irratti argatte nutti himuudhaan saʼaatii lamaa ol nuu wajjin dabarsite. Deemuu ishii dura, na ilaalaa, “Atoo qeenxeedhaa maaliif qajeelchaa hin taatu?” naan jette. Anis qarshii jireenyaaf na barbaachisu argachuuf hojjechuu akkan qabu ishiitti himuudhaanin ishii morme. Ishiinis, “Mee ganama kana saʼaatii meeqan isinii wajjin ture?” naan jette. Anis, “Gara saʼaatii lamaa” jedheen deebiseef. Ishiinis, “yeroo kana gidduutti hojii baayʼee utuu ati hojjettuu si hin argine. Guyyaa guyyaadhaan saʼaatii hamma kana yoo tajaajilte, qajeelchaa taʼuu ni dandeessa. Waggaa tokkoof yaaliitii, sana booda dhiisuuf ykn itti fufuuf murteessuuu ni dandeessa” naan jette.

 Akka aadaa biyya keenyaatti, dhiironni dubartoota irraa gorsa kan hin fudhanne taʼus, yaadni ishiin naaf dhiheessite gaarii akka taʼe natti dhagaʼame. Achiis, jiʼa lama booda, Amajjii 1952​tti, qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Jiʼoota 18 booda immoo, Mana Barumsaa Giiliyaad, kutaa 22​ffaattan afeerame.

Maatiin koo fi hiriyoonni koo, bara 1953​tti, Mana Barumsaa Giiliyaadiif yeroon deemuuf kaʼetti, yeroo na geggeessan

 Ergan eebbifamee boodas, gara Giddu Galeessa Bahaattin ramadame. Achiis, gara waggaa tokkoo booda, misiyoonii gammachuu qabdu, biyya Ingilaandii dhuftee akkuma koo Giddu Galeessa Bahaatti tajaajilaa jirtuu fi Dooriis Wuud jedhamtuu wajjin gaaʼela dhaabbanne.

Sooriyaa keessatti Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Babalʼisuu

 Gaaʼela dhaabbannee utuu baayʼee hin turin, anii fi Dooris, biyya Sooriyaa magaalaa Aleeppootti ramadamne. Achitti, hojiin lallabaa keenya dhorkaa jala waan tureef, Namoota Kitaaba Qulqulluu qayyabsiisne hedduu isaanii kan arganne, karaa namaa ture.

 Guyyaa tokko, dubartii Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuuf fedhii qabdu tokko gaafachuu deemne. Ishiinis baayʼee sodaattee kan turte yeroo taʼu, balbala nuuf bantee, “Of eeggadhaa! Poolisoonni amma dhufanii turan. Eessa akka isin jiraattanis baruu barbaadanii turan” nuun jette. Kanaaf, poolisoonni iccitiidhaan hojjetan iddoo nuti Kitaaba Qulqulluu itti qayyabsiisnu baranii akka turan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Nutis, obboloota hojii lallabaa Giddu Galeessa Bahaatti hojjetamu olaantummaadhaan geggeessaniif bilbille; isaaniis hatattamaan biyyicha gadi dhiisnee akka baanu nutti himan. Barattoota Kitaaba Qulqulluu keenya dhiisnee deemuun kan nu gaddisiise taʼus, Yihowaan eegumsa jaalala irratti hundaaʼe nuuf gochaa akka jiru nutti dhagaʼame.

Iraaq Keessatti Yihowaan Nu Geggeesseera

 Bara1955​tti, biyya Iraaq, magaalaa Baagdaaditti ramadamne. Namoota Iraaq keessatti argaman hundaaf malaan lallabuu kan dandeenyu taʼus, namoota maatii Kiristiyaanota taʼan irraa argaman ykn waaʼee Kiristiyaanummaa beekan irratti xiyyeeffanna turre.

Misiyoonota Iraaq keessatti argamanii wajjin

 Musiliimota gabaa keessattii fi karaa irratti argannu faanas taphachuudhaan walii galuuf yaalii ni goona turre. Dooriis, yeroo baayʼee yaada namoota ishii dhaggeefftan hawwatu kaasti turte. Fakkeenyaaf, “Abbaan koo, ‘tokkoon tokkoon keenya waa‵ee ofii keenyaa uumaa keenyaaf deebii ni kennina’ jedha ture” isaaniin jechuu dandeessi. (Roomaa 14:12) Achiis itti dabaluudhaan, “Yaadni inni dubbate kun, jireenya koo keessatti yeroo hundumaa na gargaareera. Ati waaʼee kanaa maal jetta?”

 Baagdaad keessa gara waggaa sadiif gammachuudhaan kan tajaajille yeroo taʼu, obboloonni keenyas hojii lallabaa biyyicha keessatti raawwatamu iccitiidhaan akka qindeessan gargaarreerra. Mana jireenyaa keenya keessatti, walgaʼiiwaan afaan Arabaatiin qophaaʼanis ni geggeeffanna turre. Uummata Sooriyaa gidduudhaa, garee Kiristiyaanota ofiin jedhan argachuu dandaʼuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuudhaan tokkummaa fi jaalala nuti qabnu ofuma isaaniitii yeroo arganitti, nuti dhugumaan barattoota Yesuus taʼuu keenya hubataniiru.—Yohaannis 13:35.

Baagdaaditti, yeroo mana keenya keessatti walgaʼii geggeeffannu

 Namoota dafanii ergaa nagaa nuti lallabnu fudhatan keessaa Nikoolaas Aziiz isa tokko dha. Nikoolaas, nama qaxalee, gadi of qabuudhaan beekamu yeroo taʼu, hidda dhaloota Armeeniyaa fi Sooriyaa qaban irraa argame. Nikoolaasii fi haati manaa isaa Heelan, barumsa Kitaaba Qulqulluu isa Yihowaa fi ilmi isaa Yesuus qaama adda addaa akka taʼan ibsu dafanii fudhataniiru. (1 Qorontos 8:5, 6) Yeroo Nikoolaasii fi namoonni 20n laga Efraaxiis keessatti cuuphaman ammayyuu nan yaadadha.

Iraan Keessatti Gargaarsa Yihowaa Argachuu

Bara 1958, Iraanitti

 Fincila kaʼe tokko irratti mootiin Iraaq inni Feeyizaal Lammaffaa jedhamu Hagayya 1958​tti ni duʼe. Nutis yeroo muraasa booda gara Iraanitti geeffamne. Achittis gara jiʼa jaʼaatiif, misiraachicha namoota biyya alaatti malaan lallabaa turreerra.

 Teeraan ishii magaalaa guddoo Iraan taate dhiisnee deemuu keenya dura poolisoonni qorannoodhaaf gara waajjira poolisiitti na geessanii turan. Kunimmoo poolisoonni nu hordofaa akka jiran akkan hubadhu na taasise. Achii ergan baʼee boodas, Dooriisii wajjin wal argeen poolisoonni nu hordofaa akka turanin itti hime. Achiis, nageenya keenyaaf jecha, hamma biyyattii keessaa baanutti, manatti deebiʼuu akkan hin qabnee fi yeroo muraasaaf bakka garaa garaa turuu akka qabnu walii galle.

 Dooriis iddoo gaarii kan argatte yeroo taʼu, hanga buufata xiyyaaraatti wal arginuttis achuma turte. Haataʼu malee utuu poolisiin hin barin achi gaʼuu kan dandeesse akkamitti? Dooriis dhimmicha caqasuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessitee turte.

 Akkuma tasaa bokkaa yandoon kan roobe yeroo taʼu, namoota kaan dabalatee, poolisoonnis caamsachuudhaaf manatti ol galanii turan. Kanaaf, Daandiin duwwaa waan taʼeef Dooriis bilisummaadhaan irra deemuu dandeesseetti. Dooriis, “Bokkaan sun dinqii Waaqayyo naaf jecha hojjete ture!” jetteetti.

 Iraan keessaa baanee erga deemnee booda, iddoo kan biraatti kan ramadamne yeroo taʼu, bakka kanattis namoota qomoo adda addaa fi amantii garaagaraa qabaniif lallabuu dandeenyeerra. Bara 1961​tti, hojii Daawwannaa kan eegalle yeroo taʼu, obboloota Giddu Galeessa Bahaatti argaman daawwachuu dandeenyeerra.

Hafuura Yihowaa Isa Hojiirra Jiru Ijaan Arguu

 Hafuurri Waaqayyoo, Giddu Galeessa Bahaatti, namoota yeroo tokko godhu arguuf carraa hedduu argadheera. Yeroon Filisxeemota Iidii fi Nikoolaas jedhaman qayyabsiisutti mareen isaanii wajjin gocha ture ammayyuu nan yaadadha. Lamaan isaaniiyyuu walgaʼiiwwan keenya irratti argamuu ni jaallatu turan; haataʼu malee, ilaalcha siyaasaaf qabaniin kan kaʼe, Kitaaba Qulqulluu qayyabachuu ni dhiisan. Anis Yihowaan garaa isaanii akka isaaniif banun kadhadhe. Waaqayyo, rakkoo Filisxeemotaa qofa utuu hin taane, rakkoo ilmaan namootaa hunda akka furu yeroo hubatan, qoʼannaa isaanii deebiʼanii itti fufan. (Isaayyaas 2:4) Lammiin isaanii warra kaan akka caalu yaaduu kan dhiisan yeroo taʼu, achiis ni cuuphaman. Yeroo booda Nikoolaas, Ilaaltuu Ol Aanaa Aanaa hinaaffaa qabu taʼeera.

 Anii fi Dooriis, biyya tokko irraa gara biyya kan biraa yeroo deemnu, haalli isaan keessa jiran maaliyyuu yoo taʼe, amanamummaan obboloonni keenya argisiisan baayʼee nu ajaaʼiba ture. Obboloonni kun, rakkina walʼaansoo ittiin qaban hedduu waan qabaniif, yeroon isaan daawwadhu hundatti, madda jajjabinaa isaaniif taʼuuf murteesseen ture. (Roomaa 1:11, 12) Galma koo kana irra gaʼuuf immoo, yeroo hundumaa obbolootaa fi obboleettota koo wajjin qixxee(tokkuma) akkan ta‵e of ilaaluuf carraaqqii gochaan ture. (1 Qorontos 9:22) Obboloota koo gargaarsa barbaadaniif madda jajjabinaa taʼuun gammachuu guddaa naaf kenna.

 Namoonni Kitaaba Qulqulluu qayyabsiisaa turre hedduun, amanamummaadhaan Yihowaa yeroo tajaajilan arguun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Muraasni isaanii fincila biyya isaanii keessatti uumamu baqatanii biyya kan biraa deemaniiru. Haataʼu malee, obboloota Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Awurooppaa fi Yuunaayitid Isteetis keessatti afaan Arabaatiin tajaajilaa jiraniif madda jajjabinaa taʼaniiru. Waggoota dhihoodhaa asitti, ijoolleen isaanii guguddatan muraasni, bakka labsitoonni ija jabeeyyii taʼan barbaachisanitti tajaajiluudhaaf gara Giddu Galeessa Bahaatti deebiʼaniiru. Anii fi Dooriis, ijoollee hafuuraa keenya hedduudhaaf, abbaa fi haadha, akkasumas, akaakayyuu fi akkoo taʼuu keenyatti baayʼee gammadna!

Barabaraaf Yihowaatti Hirkachuu

 Guutummaa jireenya keenyaa keessatti, Yihowaan kallattii adda addaatiin yeroo nu kunuunsuu fi nu geggeessu argineerra. Amalan ijoollummaa kootti qabu, jechuunis, jibba halaalaa fi sanyii ofiitti boonuu akkan dhiisu waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha. Leenjiin ani Kiristiyaanota ija jabeeyyii taʼanii fi nama hundumaa ija tokkoon ilaalan irraa argadhe, namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qabaniif dhugaa Kitaaba Qulqulluu hiruuf na qopheesseera. Anii fi Dooriis, biyya tokko irraa gara biyya kan biraa yeroo deemnutti, rakkinni hedduun nu mudateera; yeroo tokko tokko immoo wanta itti aansuudhaan uumamullee hin beeknu turre. Kun immoo, ofitti utuu hin taane, guutummaatti Waaqa keenya Yihowaa qofatti amanamuu nu barsiiseera.—Faarfannaa 16:8.

 Waaʼee waggoota kurnan hedduu Yihowaa itti tajaajillee duubatti deebiʼee yeroon yaadu, Abbaa koo isa samiitiif waan baayʼee akkan liqeesse natti dhagaʼama. Haati manaa koo Dooriis ishiin baayʼee jaalladhu, yeroo baayʼee ‘duutillee murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone irraa nu deebisuu hin dandaʼu’ jetti turte. Anis yaada kana irratti waliin gala. Yihowaan, Giddu Galeessa Bahaatti misiraachoo nagaa kana akka labsinu waan nuu heyyameef yeroo hundumaa isa galateeffanna. (Faarfannaa 46:8, 9) Yihowaan warra isatti hirkatan geggeessuu fi eeguu isaa akka itti fufu waan beeknuuf, yeroo gara fuulduraa amanannaa guutuudhaan eegganna.—Isaayyaas 26:3.

a Waaʼee garee kanaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa, bara 1980, fuula 186-188 ilaali.

b Seenaan jireenyaa Obboleessa keenya Najiib Saaleem, Masaraa eegumsaa Fulbaana 1, 2001, fuula 22-26 irratti argama.