HAGAYYA 18, 2021
HEEYITII
Heeyitiin Kirkira Lafaa Guddaatiin Rukutamte
Hagayya 14, 2021, kirkiri lafaa reektar iskeelii 7.2 taʼe kibba dhiha Heeyitii rukuteera, sana booda kirkirawwan xixinnoo hedduun dhaqabaniiru. Miidhaa balaan kun geessise amma iyyuu qoratamaa jira.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe
Kan nama gaddisiisu, obboleettonni keenya 2 fi obboleessi keenya 1 duʼaniiru
Obbolootaa fi obboleettota 21 irra miidhaan gaʼeera
Manneen 119 irra miidhaan gaʼeera
Manneen 72 guutummaatti barbadeeffamaniiru
Galmawwan Walgaʼii 5 irra miidhaa xinnoon gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 4 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Gargaarsa Taasifame
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii gargaarsa gurmeessaa jira. Koreen kun ilaaltota ol aanaa aanaa naannoo miidhaan gaʼe jiran lamaa fi jaarsolii gumii faana obbolootaaf gargaarsa qabatamaa gochaa fi jajjabeessaa jiru
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa wanta obbolootaaf barbaachisu, jechuunis uffata qorraa, uffata, nyaata, qoricha, uffata bokkaa fi bishaan isaaniif kennaa jiru. Obboloonnii fi obboleettonni miidhaan qaamaa isaan irra gaʼes yaalii fayyaa akka argatan gochaa jiru
Hojiin gargaarsaa kun hundi kan kenname qajeelfama KOOVIID 19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani
Haalli rakkisaan jiraatus, gumiiwwan naannoo miidhaan gaʼe jiran hedduun isaanii walgaʼii Dilbataa Hagayya 15 karaa viidiyookonfiransii gochuu dandaʼaniiru. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni sagantaa Dilbata ganamaa Walgaʼii Naannoo “Amantiidhaan Jabaadhaa!” jedhamu ilaaluu dandaʼaniiru.
Balaa kanaan obboleettota keenya sadii dhabuu keenyatti baayʼee gaddineerra. Obbolootaa fi obboleettota sababii kirkira lafaa kanaan namoota jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin gaddaa jiran ykn karaa qaamaa fi miiraa dhiphachaa jiraniif ni kadhanna. Yihowaan gadda isaanii akka hubatuu fi yeroo nama dhiphisu kanatti iddoo kooluu itti galanii fi jabina isaanii akka isaaniif taʼu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 46:1, 2.