Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kaartaa dhiha Kaanaadaa naannoo lolaa cimaadhaan miidhame argisiisu

SADAASA 26, 2021
KAANAADAA

Dhiha Kaanaadaatti “Bokkaa Hedduun” Lolaa Geessise

Dhiha Kaanaadaatti “Bokkaa Hedduun” Lolaa Geessise

Sadaasa 13 hanga 15, 2021⁠tti dhiha Kaanaadaa Biriitish Kolombiyaa jedhamutti bokkaan hamma ammaatti roobee hin beekne roobeera. Iddoowwan digdamatti bokkaan hanga ammaatti roobee hin beekne roobeera; iddoo tokko tokkotti bokkaa cimaan miliimeetira 250 taʼu guyyaa sadiif roobeera. Lolaa fi sigigaachuun lafaa sababa bokkaa kanaatiin gaʼe karaa waan cufeef namoonni buqqaʼan karaa itti baʼan dhabuudhaan rakkataniiru.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Obboloota keenya keessaa namni tokko iyyuu hin miidhamne

  • Babalʼistoonni 144 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru

  • Yoo xinnaate manneen 35 miidhamaniiru

Hojii Gargaarsaa

  • Waajjirri damee Kaanaadaa Koree Gargaarsa Yeroo Balaa hundeesseera

  • Obboloonnii fi obboleettonni mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqaman, firootaa fi obboloota isaanii magaalota balaan kun gaʼee ala jiran bira buufataniiru

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin maatiiwwan miidhamaniif tika gochaa jiru

  • Iddoowwan abbootiin taayitaa balaa irraa bilisa akka taʼan ibsanitti, miidhaa manneen irra gaʼe beekuuf Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa, Kutaan Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo waliin qindoominaan hojjechaa jira

  • Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama Koovid-19 eeguudhaan raawwatamaa jira

Maatiiwwan Dhugaa Baatotaa balaa kanaan miidhaman, sababa ibiddaa bosonaatiin jiʼa sadii dura Hagayya 2021⁠tti gaʼee tureen mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamanii turan. Haalli qilleensaa fi balaan uumamaa caalaatti dabalaa yeroo dhufan kanatti, sabni Yihowaa qajeelfama wantoota yeroo hatattamaaf gargaaran akka qopheeffatan kenname irraa fayyadamaa jiru.

Miidhaan sababa balaatiin gaʼu baayʼina isaaniitiinis taʼe cimina isaaniitiin dabaluu dandaʼu, taʼus amantii humna Yihowaan fayyisuuf qabu irratti qabnu hin dhabnu.—Anbaaqom 3:17, 18.