Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 9, 2022
MAALEZYIYAA

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Ibaaniitiin ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Ibaaniitiin ni Baʼe

Waxabajjii 5, 2022​tti, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Ibaaniitiin ni baʼe. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun sagantaa dursee waraabamee ilaaluuf Galmawwan Walgaʼii keessatti walitti qabamaniiru. Babalʼistoonni kaan immoo viidiyookonfiransiidhaan saganticha hordofaniiru. Koppiin waraqaadhaan maxxanfame Adoolessa ykn Hagayya bara 2022​tti baʼa.

Kitaaba Qulqulluu kana hiikuuf, tuutni hiikkaa kun garaa garummaa loqoda afaan Ibaan naannoowwan adda addaatti dubbatamaniif xiyyeeffannaa guddaa kenneera. Hiiktonni, tuutni namootaa naannoowwan hedduu irraa dhufan hiikkaa sana yommuu dubbisan dhaggeeffachuun namoonni afaan Ibaan dubbatan baayʼeen isa kamiin kamiin hubachuu akka dandaʼan filachuuf isaan gargaareera.

Hiikkaan kun babalʼistoonni dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu tajaajila irratti sirriitti akka ibsan isaan gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kanaan dura babalʼistoonni Yohaannis 4:24, “Warri isa [Waaqayyo] waaqeffatanis hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu” jedhu ibsuun rakkisaa ture. Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibaan duraanii “hafuura” isa jedhu “hafuura namoota duʼanii” jechuudhaan karaa sirrii hin taaneen hiikeera. Kun namoonni fedhii qaban Waaqayyoon akkamitti waaqeffachuu akka qaban hubachuun akka isaan rakkisu godheera.

Faayidaa guddaa hiikni haaraan kun qabu ilaalchisee miseensi tuuta hiikichaa tokko akkas jedheera: “Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa afaan keenyaan argachuun, jaalalli Yihowaan namoota hundaaf qabu hangam guddaa akka taʼe ifatti argisiisa.”

Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa, namoonni Afaan Ibaan dubbatan hedduun Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf akka isaan gargaaru, Waaqayyotti caalaatti akka dhihaatanii fi maqaa Yihowaa jajjachuuf akka isaan gargaaru ni kadhanna.—Faarfannaa 117:1.