MUDDEE 23, 2022
MORIISHIYEES
Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Moriishiyaan Kiriiʼoliitiin Baʼeera
Muddee 17, 2022 Obboleessi Keenya Luwiis Bireeyin inni miseensa Koree Waajjira Damee Faransaayi taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Moriishiyaan Kiriiʼoliitiin Baʼuu isaa beeksiseera. a Kitaabni kun akka baʼe haasaa dursee waraabame irratti kan beeksifame yeroo taʼu namoonni 2,200 ol taʼan saganticha dhaggeeffataniiru. Kitaabni Qulqulluun kun yeroo ammaa maxxanfamanis taʼe bifa dijitaalaatiin ni argama.
Afaan Moriishiyaan Kiriiʼol namoota odoola Moriishiyees ishii Kibba-Bahaa Garba Hindii keessatti argamtu keessa jiraataniin baayʼinaan kan dubbatamudha. Odoolli kun iskuweer kiilomeetira 2,007 kan balʼattu yeroo taʼu kallattii Lixaatiin Maadaagaaskaar irraa kiilomeetira 800 fagaattee argamti. Jalqaba bara 1933tti Dhugaa Baatonni Afriikaa Kibbaa irraa deemanii odoola kanatti lallabaa turan. Bara 1951tti gumiin jalqabaa kan hundeeffame yeroo taʼu, walgaʼiin Ingiliffa isa afaan hojii Moriishiyees taʼeen geggeeffama ture.
Hiikni kan biraa Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata Afaan Moriishiyaan Kiriiʼoliitiin qophaaʼe tokko qofa. Haa taʼu malee hiika sana keessa maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu hin galle. Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata keessatti maqaan Yihowaa siʼa 237 argama. Kitaabni Qulqulluun kun jechoota namoonni salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadama.
Obboloonni hojii hiikaa hojjetan weerarri dhibee Kooviid-19 erga kaʼee booda yeroodhaaf dhaabaniiru. Obboleessi hiiku tokko akkana jedheera: “Hojii keenyatti yeroo deebinetti miira hoʼaadhaan hojjechuu jalqabne. Piroojektii kana isa duraanii caalaa saffisaan hojjechuuf kutanne. Weerari Dhibee utuu hin gaʼin sagantaa baʼee turee wajjin qixxee deemuu dandeenyeerra.”
Hiikkaan haaraan kun obboloonnii fi obboleettonni keenya caalaatti Yihowaatti akka dhihaatanii fi amanamummaadhaan akka isa tajaajilan akka isaan gargaaru abdanna.—Isaayaas 65:13.
a Hojii lallabaa Moriishiyees keessatti raawwatamu ol aantummaadhaan kan toʼatu Waajjira Damee Faransaayidha.