AMAJJII 2, 2024
SUDAAN
Obboloonnii fi Obboleettonni Keenya Sudaan Jiran Ammas Sababii Jeequmsaatiin Baqachuuf Dirqamaniiru
Muddee 15, 2023 walitti buʼiinsi garee hidhattoota lamaan gidduutti Sudaan Kaartumitti taasifamaa jiru, gara magaalaa guddittii lammaffaa Waad Madaniitti babalʼachaa jira. Akkuma jw.org irratti gabaafamee ture yeroo walitti buʼiinsi sun Ebla 2023 eegaletti, obboloonnii fi obboleettonni hedduun nageenyaaf jecha, magaalaa guddittii irraa gara kibba bahaa magaalaa Waad Madanii ishii fageenya kiilomeetira 170 fagaattee jirtutti baqatanii turan. Ammammoo obboloonnii fi obboleettonni 150 ol taʼan kun bakka jiran kana irraa sababii jeequmsaatiin baqachuuf dirqamaniiru.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru
Yoo xinnaate obbolootaa fi obboleettota 158 taʼan qeʼee isaaniitii buqqaʼaniiru. Tokko tokkommoo magaalota ykn biyyoota isaanitti dhihoo jiranitti baqataniiru
Obboloonnii fi obboleettonni 10, akkasumas firoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan ammayyuu Waad Madanii jiru
Hojii Gargaarsaa
Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin obboloota balaa kanaan miidhaman Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa qabatamaa gochaa jiru
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa Sudaanii fi biyyoota ollaa jiranii hojii gargaarsa qindeessaa, akkasumas nyaata, qorichaa fi bakka jireenyaa akka argatan karaa qabatamaa taʼeen gargaaraa jiru
Waraanni Waad Madaniitti jalqabuu isaa torban tokko dura, waajjirri damee Afriikaa Bahaa obboloonni qeʼee isaaniitii buqqaʼan kun Sagantaa Walgaʼii Naannoo bara 2023 “Obsaa”! jedhuu isa waraabamee qophaaʼe akka hordofan qophii godhee ture. Namoota walgaʼicha irratti argamanii fi 200 taʼan keessaa, 145 obbolootaa fi obboleettota keenya sababii jeequmsaatiin Kaartumii baqatan turan. Namoonni walgaʼii naannoo kana irratti argaman hedduun isaanii nyaata hafuuraa yeroo isaatti argatan akka dinqisiifatan dubbataniiru. Keessumaa diraamaa“Daandii Kee Yihowaatti Kennadhu” jedhuu fi haala isaan keessa jiranii wajjin wal fakkaatuun jajjabaataniiru. Kana malees, walgaʼii naannoo kana irratti namoonni torba cuuphamaniiru.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Sudaan jiran rakkoowwan kana dandamachuu isaanii akka itti fufan ni kadhanna; akkasumas yeroo Yihowaan ‘guutummaa lafaa irraa waraana itti balleessu’ hawwii guddaadhaan eegganna.—Faarfannaa 46:9.