HAGAYYA 3, 2023
SUDAAN
Qophiiwwan Hafuuraa Obbolootaa fi Obboleettota Sababii Jeequmsaatiin Sudaanii Baqatan Gargaaran
Akkuma kanaan dura kutaa “Oduu” jw.org irratti Caamsaa 12, 2023 ibsame, waraanni cimaan gareewwan lamaan Kaartum magaalaa guddittii Sudaan taate keessatti geggeeffamaa jiruun kan kaʼe, namoonni kumaan lakkaaʼaman ajjeefamaniiru ykn miidhamaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya Kaartum keessa ykn achitti dhihoo jiraatan tokko tokko magaalattii dhiisanii baqachuuf murteessaniiru. Bakka baqatan sanattis qophii hafuuraa jaarmiyaan Yihowaa qopheesse irraa ciminaa fi jajjabina argataniiru.
Fakkeenyaaf, waraanichi erga jalqabamee guyyoota hedduu booda, Ajuujaa ishiin umuriin ishii waggaa 23 taʼee fi qajeelchituu taate, walgaʼii mata dureen Masaraa Eegumsaa “Dandeettii Hubannaa Keessanii Eeggadhaa, Dammaqoo Taʼaa!” jedhamu yommuu geggeeffamu viidiyoo konfiransiidhaan hordofteetti. Akkana jetteetti: “Mata duree kana irra deebiʼee qoruun koo wantoonni naanno kooti raawwatamaa jiran raawwii raajii Kitaaba Qulqulluu taʼuu isaanii na yaadachiiseera. Kun jajjabina yeroo sanatti na barbaachisu ture.” Haalli isaa caalaatti yeroo hammaachaa deemu, Ajuujaan magaalattii keessa baʼuuf murteessite. Akkana jetteetti: “Yeroon imalutti, faarfannaawwan addaa fi wantoota sagaleedhaan waraabaman kaan dhaggeeffachuudhaan jajjabina dabalataa argadheera. Nagaadhaan bakka yaanne akka geenyu Yihowaatti kadhannaa dhiheessaan ture.” Ajuujaa nagaadhaan bakka yaadde geessetti; obboloonnii fi obboleettonni ishii magaalaa Kassaalaa jiranis akka gaariitti ishii simataniiru.
Eelaayi, inni jaarsa gumii umurii waggaa 24 taʼee fi qajeelchaa El Haajii Yoosuuf jiraatu taʼe, naannoo jeequmsaa Kaartumitti dhihoo jiru irraa magaalaa Kostii gara bakka kiilomeetira 330 fagaatee jirutti baqate. Obboloonnii fi obboleettonni achi jiran isa simatanii, nyaata isaaf kennaniiru, akkasumas bakka buufatu isaaf qopheessaniiru. Yeroo booda Eelaayi caqasoonni guyyaa torban sana keessa dubbise baqachuuf akka isa kakaasan hubateera. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 91:2 Yihowaa iddoo kooluu itti galuu fi dahoo isaa godhachuu akka qabu isa yaadachiiseera. Eelaayi akkana jedheera: “Addunyaa jeequmsaan guutame kana keessatti nagaa dhugaan hin argamu, mootummoonni ykn geggeessitoonni loltootaa furmaata tokkoyyuu kennuu hin dandaʼan. Abdiin keenya inni dhugaan Mootummaa Waaqayyoo isa rakkoowwan keenya hundaaf furmaata kennu dha.”
Tiyaa fi haati manaa isaa Juuliyaan qajeelchitota magaalaa Omduurmaan Kaartumitti dhihoo jirtu keessa jiraatanidha. Yeroo jeequmsichi caalaatti hammaachaa deemu, mata duree Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼee fi Kiristiyaanonni dafanii murtoo dhuunfaa akka godhan jajjabeessu yaadatan. Haalli magaalaa isaanii caalaatti hammachaa akka deeme yommuu hubatan, Tiyaa fi Juuliyaan dafanii tarkaanfii fudhachuudhaan magaalattii keessaa baʼuun isaanii gaarii akka taʼe murteessan. Bakka buufatan nagaadhaan yommuu gaʼanis, obboloonni naannoo sanaa miira hoʼaadhaa nagaa isaan gaafataniiru; Tiyaa fi Juuliyaan odeeffannoo Masaraa Eegumsaa irraa argatan baayʼee dinqisiifataniiru. Juuliyaan akkana jetteetti: “Miseensa jaarmiyaa baayʼee nama jaallatuu taʼuu keenyaan baayʼee boonna. Harki Yihowaa gabaabbatee fayyisuu akka hin dadhabne mirkanaaʼaadha.”
Obboloonnii fi obboleettonni mata duree kana keessatti caqasaman hundi, bakka haaraa dhaqan sanatti yeruma sana barsiifatawwan hafuuraa isaanii itti fufuun isaanii xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Barsiifatawwan kunis walgaʼii, tajaajilaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti dammaqinaan hirmaachuu dabalatu. Sochiin hafuuraa kun hundi, akkasumas obbolootaa fi obboleettota gumii isaanii isa haaraa keessa jiranii wajjin walitti dhihaachuun isaanii tasgabbii fi gammachuu isaaniif argamsiiseera.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Sudaan keessa jiran, jajjabinaa fi abdii argachuuf Yihowaatti amanamuu isaanii akka itti fufan arguun keenya baayʼee nu jajjabeessa.—Roomaa 15:4, 5.