Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 26, 2020
XAALIYAANII

Gaafannoo Doktara Hospitaala Xaaliyaanitti Argamu Keessatti Hojjetuu Wajjin Godhame

Gaafannoo Doktara Hospitaala Xaaliyaanitti Argamu Keessatti Hojjetuu Wajjin Godhame

Obboleessa keenya Guulaa, haadha manaa isaa fi Intala isaa

Obboleessi Jiyaandomenikoo Guulaa jedhamuu fi Hospitaala Eerbaa isa Koomoo, Xaaliyaan keessatti argamutti doktara taʼee hojjetu sababa weerara dhukkuba COVID-19 jedhamuun kan kaʼe haalawwan rakkisoo taʼan hedduun isa mudataniiru. Haa taʼu malee, amantiin obboleessi keenya qabu nagaa sammuu isaaf argamsiiseera; kunis namoota kaan jajjabeessuuf isa gargaareera. (2 Qorontos 1:4) Muuxannoo dhiheenya kana Deeskii Odeeffannoo Hawaasaa waajjira damee Xaaliyaanitti argamutti hime irraa kun dhugaa taʼuu isaa hubachuu dandeenya.

Muuxannoon armaan gaditti argamu, gaafannoo obboleessa keenya Guulaa wajjin godhame dha; gaafannoon kun ifa akka taʼuuf sirreeffamni muraasni irratti godhameera.

Yeroo weerara dhukkubaa kanatti haala akkamiitu si mudate?

Jiyaandomenikoo Guulaa: Hospitaala ani hojjedhu keessatti wanti hundi akkuma sunaamii akka tasaa uumame. Kutaawwan hospitaalichaa hundi namoota dhukkuba COVID-19 jedhamuun qabaman qofa yaaluuf akka oolaniif qindaaʼaniiru. Haala gaddisiisaa kana keessatti namoonni dhukkuba kanaan qabaman kophaatti adda waan baafamaniif maatii, firoota ykn hiriyoota isaanii wajjin qaamaan wal arguu hin dandaʼan. Kanaafuu haala dhukkubsattoonni sun irra jiran bilbilaan maatii isaanitti kan himu ana dha. Gaaf tokko halkan walakkaa mucaa tokkoof bilbilee abbaan isaa duʼuu jala akka gaʼe itti himuun qaba ture. Kanaafuu moobaayilii kootti fayyadameen viidiyoodhaan bilbileef. Abbaan isaa duʼuu jala gaʼee kan ture taʼus, ilmi isaa kun yeroo dhumaatiif isa arguu dandaʼeera. Yeroo baayʼee nama gaddisiisu ture.

Beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabaachuun kee kan si jajjabeesse akkamitti?

Guulaa: Namoonni ani wajjin hojjedhu tokko tokko baayʼee akka dhiphatan hubadheera; faallaa kanaatiin garuu, Kitaaba Qulqulluu barachuun koo garmalee akkan hin dhiphanne na gargaareera. Yihowaan yeroo rakkisaa kanaaf nu qopheessaa akka ture yeroo kam iyyuu caalaa amma ifatti hubachuu dandaʼeera. Weerarri dhukkuba kanaa raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwatamaa akka jiru mirkaneessa; kun immoo haala uumame kanaaf ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Amantiin koo caalaatti cimeera.

Jajjabinni Yihowaa biraa argatte warra kaan jajjabeessuuf kan si gargaare akkamitti?

Guulaa: Hafuura Yihowaa akkan argadhe natti dhagaʼama. Kun immoo maatii koo, namootan wajjin hojjedhuu fi obboloota sababa dhukkuba kanaatiin miidhaman jajjabeessuuf na gargaareera.

Yihowaan maatii kee jajjabeessuuf kan si gargaare akkamitti akka taʼe nutti himuu dandeessaa?

Guulaa: Hospitaala keessatti saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuu kanan qabu taʼus, maatii koo wajjin Yihowaa waaqeffachuuf wanta naaf dandaʼame hunda nan godha. Kun immoo haadha manaa koo cimseera. Walitti dhufeenyi keenyas caalaatti cimaa taʼeera. Waaqeffaanaan maatii keenya intala teenya Jeneevraa ishii umuriin ishii waggaa sadii taʼe jajjabeessuuf na gargaareera. Ishiinis wanti taʼe tokko akka uumamee waan hubatteef: ‘Vaayirasiin koronaa waan jiruuf abbaan bakka hojii akka deemu hin barbaadu’ ykn ‘Abbaan yoo deebiʼee dhufuu baate hoo?’ jechuudhaan akka yaaddofte ni ibsiti turte. Ishii tasgabbeessuufis faarfannaa addaa yommuu faarfannu yeruma sana deebitee seequu jalqabdi.

Namoota wajjin hojjettu jajjabeessuu kan dandeesse akkamitti akka taʼe nutti himuu dandeessaa?

Guulaa: Namnin wajjin hojjedhu tokko anaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabeera. Waggoota muraasa dura hospitaalan kanaan dura keessatti hojjechaa ture keessatti wal arginee waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼannee turre. Qoʼannaa kan jalqabe dhukkubni kun kaʼuu isaa dura taʼus, qoʼannaa isaa itti fufuuf murteesseera. Yeroo ammaatti viidiyoo konfiransiidhaan waliin qoʼanna; yeroo tokko tokko immoo torbanitti siʼa lama qoʼanna. Yommuu inni akkana naan jedhu baayʼeen gammade: “Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu jireenya gaarii akkan jiraadhu na gargaareera. Amma nagaa sammuun qaba. Maaliif akka uumamnee fi haala yeroo ammaatti keessa jirru ilaalchisee gaaffiiwwan kootiif deebii argadheera. Amantiin amma horachaa jiru tasgabbii fi abdii gara fuulduraa naaf kenneera.”

Obboleettiin teenya Daaniʼeelaa Segreevaan dhukkuba COVID-19n kan qabamte taʼus, hanga vaayiresicha irraa fayyitutti obboleessi keenya Guulaan gargaarsa ishiidhaaf godheera

Obboloota gumii keessa jiran jajjabeessuu kan dandeesse hoo akkamitti?

Guulaa: Kan nama gaddisiisu, obboleettiin gumii keenya keessa jirtu tokko [Daaniʼeelaa Segreevaa] qoratamtee dhukkuba COVID-19n waan qabamteef gara hospitaalaatti geeffamteetti. Obboloota ambulaansii qaban lama gaafadheen geejjiba ishiidhaaf qopheessine. Obboloonni kun ishii fiduudhaaf kiiloomeetira 50 ol deemaniiru. Ishiinis yommuu isaan argitu baayʼee gammadde. Haala rakkisaa sana keessatti yommuu hospitaala geessuu fi kutaa balaa tasaa keessatti yommuu nu argitu baayʼee jajjabaatte. Anis ishiin simadhe, hundi keenya iyyuu ogeeyyii fayyaa waan taaneef obboloota ishii gargaaruu dandaʼan wajjin akka jirtu ishiitti dhagaʼame. Jaalalaa fi gargaarsa obboloota ishii hunda irraa argatte irratti yaaduun ishii baayʼee ishii jajjabeesseera. “Yihowaan akka nuuf yaadu beeka, yeroo kanatti garuu hamman eege caalaa naaf raawwateera” jechuudhaan galateeffannaa ishii ibsiteetti.

Guyyaa guyyaadhaan Yihowaa fi jabina inni naa kennutti nan amanama. Yommuun konkolaataa kootiin gara hojii deemuu fi gara manaatti galu faarfannaawwan addaa nan dhaggeeffadha; kun immoo jabina guyyaa sanaatiif na barbaachisu naaf kenna. Gargaarsa Yihowaan naaf godhe hundumaaf nan galateeffadha. Yommuun faarfannaa Yihowaan Yeroo Hundumaa Nu Wajjin Jira jedhu dhaggeeffadhu, anis irra deebiʼeen ‘Yihowaan yeroo hundumaa na wajjin jira. Na gargaara. Harki isaa harka koo qabeera’ jedha.’