Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoo Mana Murtii Ol Anaa Xaaliyaanii Roomaatti argamu

GURAANDHALA 9, 2021
XAALIYAANII

Manni Murtii Ol Aanaa Xaaliyaan Dhimma Yaalii Fayyaa Irratti Dhugaa Baatota Yihowaa Deggeree Murteesse

Manni Murtii Ol Aanaa Xaaliyaan Dhimma Yaalii Fayyaa Irratti Dhugaa Baatota Yihowaa Deggeree Murteesse

Manni Murtii Ol Aanaa Xaaliyaan dhimma yaalii fayyaa irratti Dhugaa Baatuun tokko murtoo dhuunfaa isaa gochuu akka dandaʼu murteesse. Muddee 23, 2020, Manni Murtii Ol Aanaan murtoo kanaan dura godhame deggeruudhaan namoonni hundi yaalii fayyaa irratti murtoo dhuunfaa isaanii gochuu akka dandaʼaan murteesse, kunis yaalii fayyaa amantii isaanii wajjin wal simu filachuu kan dabalatudha.

Himanni kun haala gaddisiisaa 2005⁠tti yommuu doktarri tokko mirga obboleettii keenyaa sarbetti mudate caqaseera. Yaalii baqaqsanii hodhuun godhamuu isaa dura jechaanis taʼe kaardii dhiiga akka hin fudhanne ibsuun dhiiga akka hin fudhanne ifa gootee turte. Doktarichi garuu yaada ishiin itti himte dhiisee dhiiga hedduu akka fudhattu godhe.

Manni murtiin dhiiga fudhachuu diduu ilaalchisee akka itti aanutti deggeree dubbateera: “Dhiiga fudhachuu diduun mirga yaalii fayyaa filachuu qofa miti. Kanaa mannaa, murtoo namni tokko amantii isaatiin kan kaʼe itti yaadee murteessuu dha.” Mirga kanas “mirga kabajamuu qabuu” fi ‘mootummaan kenne’ akka taʼe manni murtichi dubbateera.

Murtoon kun murtoo walitti aansuudhaan Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 2015 booda injifannoo irratti argatan kudhan keessaa isa dhiheenyaati. Manni Murtii, Murtoowwan kana hundumaa irratti mirga bilisummaa amantii keenya deggeree murteesseera. Dhimmoonni murtiin irratti kennaman kanneen armaan gadii dha:

  • Dhiiga fudhachuu diduu: Dhugaa Baatonni Yihowaa yaalii fayyaa gaarii argachuu barbaadu akkasumas yaalii fayyaa baramaa taʼan hedduu ni fudhatu. Manni Murtiis, Dhugaa Baatonni yaali fayyaa qalbiin isaanii inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe isaaniif heyyamu filachuuf mirga akka qaban murteesseera. Doktaroonni murtoo namoonni dhukkubsatan dhiiga fudhachuu diduuf godhan kabajuu qabu. Namni tokko sababii amantii isaatiin kan kaʼe murtoo akkasii gochuuf mirga qaba.

  • Mirga ijoollee guddisuu: Warri dhugaa baatota taʼan ijoollee isaanii waaʼee amantii isaanii barsiisuu irratti namoota kaanii wajjin mirga walfakkaatu qabu.

  • Gumiidhaa baasuu: Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota gumiidhaa baafaman karaa sirrii hin taaneen hin qaban. Kanaa mannaa dhugaa baatonni warra gumiidhaa baafaman wajjin hariiroo qabaachuu dhiisuuf filachuu dandaʼu. Kana gochuufis mirga amantii qabu warri kaanis mirga kana kabajuu qabu.

  • Qaraxa: Dhugaa Baatonni Yihowaa qaraxa ni kaffalu akkasumas qaraxa iddoo waaqeffannaa kaffaluu wajjin haala walqabateen mirga dhaabbileen amantii Xaaliyaan kaan hundi qabanii wajjin walfakaatu qabu.

Abbootiin taayitaa, murtoo mirga sabni Yihowaa bilisummaadhaan waaqeffachuuf qaban deggeru gochuu isaanitti ni jajjabaanna.—Fakkeenya 21:1.