Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bakka Manni Murtii Ol Iyyannoo Xaaliyaanii itti argamu

SADAASA 12, 2020
XAALIYAANII

Manni Murtii Xaaliyaanii Mirga Warri Dhugaa Baatota Taʼan Yaalii Fayyaa Mucaa Isaanii Irratti Murteessuuf Qaban Deggere

Manni Murtii Xaaliyaanii Mirga Warri Dhugaa Baatota Taʼan Yaalii Fayyaa Mucaa Isaanii Irratti Murteessuuf Qaban Deggere

Manni Murtii Ol Iyyannoo Xaaliyaanii Miilaan jiru dhiheenya kana murtoo hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan tokko waaʼee yaalii fayyaa mucaa isaanii godhan deggeruudhaan murteesse. Murtoon kun warri ijoolleen isaanii dhiiga malee akka yaalaman waan gaafataniif qofa manni murtii ijoollee isaaniitiif murtoo gaarii gochuu akka hin dandeenye godhanii isaan ilaaluu akka hin qabne ifa godheera. Manni murtii kun warri sababa amantii isaaniitiin ijoolleen isaanii dhiiga akka hin fudhanne diduuf mirga akka qaban murteesseera.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko Fulbaana 2019 intalli isaanii jiʼa kudhan taate kuftee waan miidhamteef gara hospitaalaa fidan. Doktaroonni miidhaa sammuu ishii irra gaʼe fayyisuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu godhamuufii akka qabu hubatan. Taʼus, doktaroonni kun dhiiga utuu ishiidhaaf hin kennin milkaaʼinaan yaalii baqaqsanii hodhuu godhan.

Boodas mucaan kun kan bayyannattee fi balaa irraa kan oolte taʼus, doktarri tokko mucaa sanaaf dhiiga akka kennu akka isaaf heyyaman warra gaafate. Warri sun garuu yaaliin fayyaa fudhatama qabuu fi bakka dhiigaa balʼinaan itti hojjetamu akka godhamuuf gaafatan.

Doktarichis gaaffii warraa kabajuu mannaa poolisii fi abbaa alangaa wajjin mariʼate. Abbaan alangaas mana murtii dhimma maatii ilaalu irra ajaja baafate. Ajajni mana murtii sun yaalii fayyaa mucaadhaaf godhamu murteessuu ilaalchisee aangoo warri qaban hogganaa hospitaalaatiif dabarse. Taʼus, doktaroonni dhiiga kennuun akka hin barbaachisne waan murteessaniif dhiigni hin kennamne.

Haalli kun xiyyeeffannaa miidiyaalee biyyoolessaa harkiseera. Miidiyaaleen Xaaliyaanii hedduun intalli sun kan fayyite ajaja manni murtii dhiiga akka fudhattu kenneen akka taʼe dogoggoraan gabaasan.

Fulbaana 10, 2020 Manni Murtii Ol Iyyannoo, murtoo manni murtii dhimma maatii aangoo maatichaa daangessuudhaan godhe haqe. Manni Murtii Ol Iyyannoo, manni murtii dhimma maatii ilaalu ajaja kennuu akka hin qabnee fi kana murteessuufis aangoo akka hin qabne argisiiseera.

Manni Murtii Ol Iyyannoo Miilaan murtii kenne irratti akkas jedheera: “Warri dhiiga fudhachuu heyyamuu kan didan amantii cimaa waan qabaniifi dha. Kun isaan maatii gaarii akka hin taanee fi mucaa isaaniitiif murtoo gochuuf aangoo akka hin qabne ragaa argisiisu miti.” Waggaa darbe qofa, Xaaliyaaniitti Manni Murtii Ol Iyyannoo sadii warri Dhugaa Baatota taʼan ijoollee isaaniitiif yaalii fayyaa dhiiga malee godhamu filachuuf mirga akka qaban murteesseera.

Dhugaa Baatonni Yihowaa dinqiidhaan ni fayyina jedhanii akka hin amannee fi yaalii fayyaa akka hin mormine abbootiin murtii fi ogeessonni fayyaa hubachuu qabu. Siruma iyyuu yaalii fayyaa gaarii argachuuf, hospitaala ammayyaa muuxannoo fi meeshaa yaalii fayyaa isaan barbaadan kennuuf dandeessisu qabutti yaalamuu barbaadu. Isaan doktaroonni yommuu yaalii isaaniif godhan dhiiga akka hin fayyadamne qofa barbaadu. Addunyaa maratti doktaroonni beekamoon hospitaalota guguddaa keessa jiran dhiiga utuu hin kennin yaalii fayyaa gaarii kennaa jiru.

Murtoon manneen murtii kun godhan, obboloonni fi obboleettonni keenya yaalii fayya fudhatama qabu ijoollee isaaniitiif filachuuf kutannoo isaan qaban waan deggereef ni galateeffanna.—Hojii Ergamootaa 15:29.