HAGAYYA 4, 2023
XAALIYAANII
Qilleensi Cimaa fi Cabbiin Xaaliyaanii Kaabaa fi Odola Siisiilii Rukute
Adoolessa 22 fi 26, 2023, qilleensi cimaan adda adda taʼe lama Xaaliyaanii rukute. Obomboleettii cimaan qilleensi isaa saʼaatii tokko keessaatti gara kiilomeetira 120 ol deemuu fi cabbii gara seenti meetira 19 guddatu Xaaliyaanii kaaba rukutee ture. Yerooma kanatti ibiddi bosonaa 330 ol taʼe odola Siisiilii harka caalaa isaa barbadeesseera. Hoʼi naannoo sanaa digirii seelshasii 47 (117°F) taʼuun isaa ibiddi isaa saffisaan akka babalʼatu godheera. Kanaan kan kaʼes, gamoowwan hedduun kan barbadeeffaman taʼuu isaa irrayyuu namoonni kumaan lakkaaʼaman humna ibsaa akka dhaban godheera. Namoonni kuma hedduutiin lakkaaʼamanis naannoo sanaa gadhiisanii akka baʼan godhameera. Ibiddi kun namoota shan galaafateera.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Cabbii fi Qilleensa Xaaliyaanii Kaaba Rukute
Obboloota keenya keessaa namni tokko iyyuu hin duune
Obboloota keenya 2 irra miidhaan gaʼeera
Manneen 36 irra miidhaa guddaan gaʼeera
Manneen 242 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 12 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Ibidda Bosonaa Odola Siisiilii Barbadeesse
Kan nama gaddisiisu, hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo mana isaanii ibiddi qabatetti lubbuu isaanii dhabaniiru
Obboloonnii fi obboleettonni 48 mana isaaniitii akka baʼan godhameera
Galmi Walgaʼii ykn gamoon tiʼookraasii miidhaan irra gaʼe hin jiru
Hojii Gargaarsaa
Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloota ibidda bosonaa Siiisiiliitti gaʼee fi cabbii Xaaliyaanii kaabaatiin miidhaan irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa 1 hojii gargaarsaa Siisiilii keessatti kennamu akka qindeessu muudameera
Obboleessaa fi obboleettii keenya Siisiiliitti duʼaan dhabuu keenyaan baayʼee gaddineerra; obboloota balaawwan kanaan miidhaan irra gaʼe hundumaatiif ni kadhanna. Yeroo Yihowaan dhiheenyatti wantoota nama dhiphisan hunda itti dhabamsiisu hawwiidhaan eegganna.—Mulʼata 21:4.