Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoowwan jireenyaa waajjira Damee Xaaliyaanii Bolonyaatti hojjetaman keessaa isa tokko. Walumaa galatti appaartaamaa 41 kan qabate dha. Gamoo kanatti galuun kan jalqabame Fulbaana 5, 2020.

SADAASA 16, 2020
XAALIYAANII

Rakkinni Jiraatus Hojiin Waajjira Damee Xaaliyaanii Bakka Biraatti Jijjiiruu Itti Fufeera

Rakkinni Jiraatus Hojiin Waajjira Damee Xaaliyaanii Bakka Biraatti Jijjiiruu Itti Fufeera

Rakkinni dinagdee fi fayyaa jiraatus hojiin waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Xaaliyaanii magaalaa Bolonyaatti jijjiiruuf hojjetamu itti fufeera. Fulbaana 5, 2020, yeroo manni jireenyaa inni jalqabaa xumurametti pirojektiin kun sadarkaa guddaa irra gaʼeera. Waajjira damee haaraa kana dhuma 2023⁠tti xumuruuf karoorfameera.

Koreen Pirojektii Ijaarsaa (CPC) obboloota shan qabate hojii waajjira damee haaraa kana toʼachaa jira. Hojiin mana jireenyaa kana dizaayinii gochuu fi ijaaruu kubbaaniyyaa ijaarsaa tokkoof kan kenname siʼa taʼu, hojii kanas Fulbaana 2018⁠tti jalqabe.

Bara 2019⁠tti rakkinni dinagdee cimaan kubbaaniyoota naannichaa hedduu miidhe. Kunis kubbaaniyichi haala isaa mijeeffachuuf hojicha akka dhaabu isa dirqisiise. Kan nama gammachiisu hojiin ijaarsaa mana jireenyaa kanaa gar caalaan xumuramee waan tureef, hojichi yeroo dheeraadhaaf hin dhaabbanne.

Keessa mana jireenyaa kanaa tokko

Jalqaba 2020⁠tti dhibee daddarbaan COVID-19 Bolonyaa dabalatee kaaba Xaaliyaanii rukute. Abbootiin taayitaa biyyichaa fi naannoo sanaa pirojektii ijaarsaa dabalatee sochii magaalichatti godhamu hedduu yeroodhaaf ni dhorkan. Taʼus jiʼa tokko booda qondaaltonni dhorkaa tokko tokko waan kaasaniif, qajeelfama fayyaa fi seera jaarmiyaan keenya COVID-19 ilaalchisee baase hordofuudhaan hojicha itti fufuun dandaʼameera.

Obboleessi Pooloo Kompaaraatoo inni miseensa CPC taʼe akkas jedheera: “Xumuramuu gamoo kanaatiif Yihowaa guddaa galateeffanna. Deggersi hafuura isaa hin jiru utuu taʼee, rakkoowwan nu mudachaa jiran moʼuu hin dandeenyu turre.”

Aadde Kiristiinaa Daalaakaasaa ishiin dura buutuu kubbaaniyaa kanaa taate akkas jetteetti: “Dhugaa Baatonni Yihowaa Xaaliyaanitti gamoo isaanii baayʼee barbaachisaa taʼe akka ijaarru nu filachuu isaanitti baayʼee gammadne. Wal deggerree hojjechaa jirra, kunis rakkina ijaarsa irratti nu mudatu hundumaa furuuf nu gargaareera. Dhugaa Baatonni Yihowaa pirojektii ijaarsaa isaaniitiif, keessumaa immoo namoota iddoo ijaarsaatti hojjetaniif of eeggannoo guddaa godhu. Hunda caalaa namoota amanamoo kana beekuu kootti nan gammada. Yeroo rakkinni hawaasaa fi dinagdee jiru kanatti kun baayʼee nama jajjabeessa.”

Yihowaan pirojektiin kun maqaa isaatiif ulfina akka fiduuf ijaarsa kana deggeruu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.—Faarfannaa 127:1.