Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonnii fi obboleettonni keessummoota hedduu biyyoota garagaraa irraa Guwadalup deeman simachuuf qophii yeroo godhan

WAXABAJJII 3, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

2024“Walgaʼii Naannoo 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ Jedhu Guwadalupitti Jalqabe

2024“Walgaʼii Naannoo 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ Jedhu Guwadalupitti Jalqabe

Walgaʼiin Naannoo Addaa jalqabaa ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu Amedee Deetraax Baaye-Maahalt, Guwadalupitti Waxabajjii 7 hanga 9, 2024 geggeeffameera. Waxabajjii hanga Onkoloolessa 2024​tti walgaʼiiwwan addaa 15tu geggeeffama. a Sababa weerara dhibee KOOVIID-19iin Walgaʼiiwwan Naannoo Addaa 2020 hundi haqamanii waan turaniif walgaʼiin addaa kun weeraricha booda isa jalqabaati.

Obboloonnii fi obboleettonni biyyoota adda addaa irraa walgaʼii naannoo addaa kanarratti akka argaman affeeramaniiru. Sagantaan kun afaan hedduudhaan geggeeffama; kunis dhaggeeffattoota walgaʼii guddaa kanarratti argamaniif miidhagina dabalataa kenna. Fakkeenyaaf Guwadalup qofatti walgaʼiin kun Ingiliffa, Faransaayi, Guwadalup Kiriiʼol fi Ispaanish geggeeffameera.

Bitaa: Maatiin tokko namoota walgaʼiidhaaf deeman ittiin simachuuf kaardii yeroo qopheessan. Mirga: Obboleettonni walgaʼii naannoo addaa Guwadalupitti godhamu maarrabii irratti mallattoodhaan yeroo hodhan.

Obbolootaa biyyoota gara garaatii walgaʼii kanarratti argamuuf dhufan keessumsiisuuf qophii gochuun hojii baayʼee gaafata. Fakkeenyaaf Guwadalup keessatti obbolootaa fi obboleettota 8,546 keessaa walakkaa ol kan taʼan obbolootaa fi obboleettota biyyoota 11 irraa dhufanii fi 1,500 taʼan gargaaruuf fedhiidhaan kan of dhiheessan turan. Obboleettiin abbaa manaa ishii wajjin fedhiidhaan of dhiheessite tokko akkas jetteetti: “Kun jireenya koo keessatti waggaa hunda caalu dha! Kana yoom iyyuu hin irraanfadhu! Obbolootaa fi obboleettotaa wajjin gammachuudhaan hojjechaa yeroo waliin dabarsuun addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu hubachuuf na gargaareera. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu kootti baayʼeen boona!”

Waldaa obbolummaa addunyaa maraa wajjin walgaʼii 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu irratti akka hirmaannu ni amanna. Walgaʼiin Naannoo addaa sabni Waaqayyoo caalaatti akka walitti dhihaatanii fi Abbaa keenya isa samii Yihowaadhaaf ulfina kan fidudha.—Filiphisiyus 1:27.

a Walgaʼiin naannoo addaa bakka armaan gadiitti geggeeffama. Soofiyaa, Bulgaariyaa; Saantiyaagoo, Chiilii#1; Saantiyaagoo, Chiilii#2; Piraag, Cheek Rippaabliik; Saanto Dominigoo, Doominikaa Rippaabliik; Suuvaa, Fiijii; Heelsinki, Fiinlaandi; Liyoon, Faransaayi; Baie-Mahault, Guwadalup; Budaapeesti, Hangaarii; Reeyikjaaviik, Aayislaandi; Asuunsiyuun, Paaraaguwaayi; Zuuriik, Siwiizarlaandi; Filaadelfiyaa, Yuunaayitid Isteetis; Taampaa, Yuunaayitid Isteetis.