Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 5, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Adoolessa 2024tti Addunyaa Maratti Kitaabonni Qulqulluu Kudhan Baʼaniiru

Adoolessa 2024tti Addunyaa Maratti Kitaabonni Qulqulluu Kudhan Baʼaniiru

Afaan Mallattoo Maalaawwii

Adoolessa 5, 2024​tti, obboleessi keenya Kooliin Kaarsan inni miseensa Koree Waajjira Damee Maalaawwii taʼe, Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Mallattoo Maalaawwiitiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa kan beeksifame guyyaa jalqabaa Walgaʼii Naannoo “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fi Lilonguwee, Maalaawwiitti godhame irrattidha; walgaʼii kana irratti namoonni 331 argamaniiru. Kitaaba Qulqulluu haaraa kana isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe jw.org irraa, akkasumas appilikeeshinii JW Library Sign Language irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Hiikkaan Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Mallattoo Maalaawwiitiin yeroo jalqabaatiif qophaaʼe kana namoota 400,000 ol taʼantu itti fayyadama. Yeroo ammaatti guutummaa Maalaawwii keessatti obboloonnii fi obboleettonni 600 ol taʼan, gumii afaan mallattoo 16 fi garee 8 keessatti tajaajilaa jiru.

Sibembaa

Adoolessa 19, 2024​tti, obboleessi keenya Geej Filiigil inni miseensa Qaama Olaanaa taʼe, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa haareffame Afaan Sibembaatiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni kun baʼuun isaa kan beeksifame, guyyaa jalqabaa Walgaʼii Naannoo 2024 “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fi Istaadiyoomii Leebii Waanaawaasaa Nidoolaa Zaambiyaa keessatti geggeeffame irrattidha. Dimshaashumatti namoonni 23,336 taʼan qaamaan argamaniiru. Namoonni 5,920 taʼan immoo bakkawwan walgaʼii naannoo itti godhaman kan biroo shan irraa viidiyoo konfiransiitiin saganticha hordofaniiru. Namoonni walgaʼii naannoo jaʼaan kanarratti argan hundi Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa maxxanfame argataniiru. Kitaaba Qulqulluus taʼe kitaabota sagaleedhaan qophaaʼan, jechuunis Ruut, 1 Yohaannis, 2 Yohaannis fi 3 Yohaannis yeruma sana buufachuun dandaʼameera.

Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Sibembaatiin jalqaba kan baʼe bara 2008​ttidha. Zaambiyaa keessa namoonni Afaan Sibembaa dubbatan miliyoona afur akka taʼan tilmaamama; kunis obbolootaa fi obboleettota 131,351 gumiiwwan 1,856 fi gareewwan 8 guutummaa biyyattii keessa jiran kan dabalatudha.

Kichee

Adoolessa 19, 2024​tti, obboleessi keenya Hosee Torees inni Koree Waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa taʼe Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos Afaan Kicheetiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni kun baʼuun isaa kan beeksifame, Walgaʼii Naannoo 2024 “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fi Saan Lukaas Saakaatepekes, Guwaatimaalaatti godhame irrattidha. Namoonni walgaʼicharratti argamanii fi 405 taʼan hundi Kitaaba Qulqulluu isa bifa maxxansaatiin baʼe argataniiru. Isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe immoo yeruma sana jw.org irraa, akkasumas appilikeeshiniin JW Library irraa buufachuu dandaʼaniiru.

Namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan Afaan Kichee akka dubbatan tilmaamama. Isaan keessaa hedduun isaanii Guwaatimaalaa bakka gumiin jalqabaa Afaan Kichee bara 2010​tti hundeeffame keessa jiraatu. Yeroo harʼatti guutummaa biyyatti keessa dimshaashumatti obboloonni 387 gumiiwwan 16 keessatti tajaajilaa jiru.

Shuwaabuu/Maakuwaa-Meetto/Maakuwaa-Shiriimaa/Niseengaa (Moozaambiik)/Pimbii/Teewee/Siwaa

Adoolessa 28, 2024​tti, walgaʼii addaa Maaputoo Moozaambiik Estaadiyoo Naasyoona doo Ziimpeetoottii geggeeffamee ture. Dimshaashumatti namoonni 26,025 taʼan qaamaan walgaʼii kana irratti argamaniiru. Kana malees, namoonni 64,570 taʼan naannoowwan 16 taʼan irraa viidiyoo konfiransiidhaan saganticha hordofaniiru.

Walgaʼii kana irratti, obboleessi keenya Filiigil hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu beeksiseera; hiikkaawwan kana bifa maxxansaatiinis taʼe bifa dijitaalaatiin yeruma sana argachuun dandaʼameera. Afaanota Maakuwaa-Meetto, Maakuwaa-Shiriimaa fi Niseengaatiin (Moozaambiik) Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos baʼuu isaa beeksiseera; Afaanota Shuwaabuu, Pimbii fi Siwaatiin Kitaabni Qulqulluun Maatewos-Mulʼata baʼuu isaa beeksiseera; akkasumas Afaan Siwaatiin Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutuun isaa baʼuu isaa beeksiseera.

Kana jechuun hiikkaawwan kana dabalatee Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraan guutuun isaa ykn walakkaan isaa afaan 300tiin qophaaʼeera jechuudha!