Dhimma ijoo ta'etti seeni

Miseensota Qaama Ol Aanaa haasaa Ayyaana Yaadannoo dhiheessan: Obboleessa keenya Geerit Loosh (bitaa), obboleessa keenya Saamuʼel Hardi (gubbaa irraan mirga), akkasumas obboleessa keenya Maarki Saandarsan (mirga gara gadii)

EBLA 20, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Ayyaana Yaadannoo 2021—Maatii Beetel Addunyaa Maraa

Ayyaana Yaadannoo 2021—Maatii Beetel Addunyaa Maraa

Maxinoo fi wayinii miseensota maatii Beetel Waarwiik, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis jiraataniif qophaaʼe

Miseensonni maatii Beetel addunyaa maraa Bitootessa 27, 2021⁠tti Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus gumiiwwan isaanii wajjin kabajaniiru. Isaan keessaa tokko tokko haasaa Ayyaana Yaadannoo viidiyoo konfiransiidhaan dhiheessaniiru.

Akkuma bara 2020⁠tti ture, haasaan Ayyaana Yaadannoo Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti dhihaate, maatii Beetel Yuunaayitid Isteetisiif tamsaafamee ture. Haasicha kan dhiheesse obboleessa keenya Geerit Loosh isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe dha.

Suuraawwan armaan gadii obbolootaa fi obboleettota keenya miseensota maatii Beetel addunyaa maraa kan argisiisani dha; hundi isaanii iyyuu ajaja Yesuus, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedhuuf ajajamaniiru.—Luqaas 22:19.

 

Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa

Waajjira damee Awustiraaliyaa

Obboloota waajjira hiikkaa fagoo Baangilaadeshitti hojii hiikkaa hojjetan

Waajjira hiikkaa fagoo Kaamboodiyaa

Waajjira damee Kaameruun

Waajjira damee Gidduu Gala Awurooppaa

Waajjira damee Afriikaa Bahaa

Waajjira damee Xaaliyaan

Waajjira damee Kaazaakistaan

Biiroo magaalaa Neeppaal

Waajjira damee Afriikaa Kibbaa

Waajjira damee Sirii Laankaa

Waajjira damee Yuunaayitid Isteetis