Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettota Yuukreen biyyoota kan birootti godaanan

WAXABAJJII 9, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Baqattoonni Yuukreen Biyyoota kan Biroo Keessatti Jireenya Haaraa Jalqabaniiru

Baqattoonni Yuukreen Biyyoota kan Biroo Keessatti Jireenya Haaraa Jalqabaniiru

Iiriinaa Maakukaa Cheek Rippabliikii jiraachaa jirti

Yeroo waraanni Yuukreenitti jalqabe, Iiriinaa Maakukaa ishiin obboleettii qeexee taatee fi umuriin ishii waggaa 46 taʼe gara buufata baaburaa Haarkiivitti argamu deemte. Biyyattii keessaa baʼuun akka ishiidhaaf wayyu murteessite. Jeequmsi waan tureef, namoonni bakka baaburichi deemu utuu hin beekin calluma jedhanii yaabatu turan. Baaburri Iiriinaan yaabbatte buufata sanaa yommuu baʼu, miidhaa gaʼu dandaʼu hirʼisuuf jecha foddaawwan isaa haguugee ture. Baaburri sun gara Isloovaakiyaa akka dhaqu kan hubatte buufata baaburaa sana keessaa erga baʼanii booda ture.

Iiriinaan Bitootessa 3, 2022 Piraag magaalaa guddoo Cheek Rippabliikii kan geesse yommu taʼu, yeroo ammaatti achi jiraachaa jirti. Hojii qulqullinaa kan argatte yommuu taʼu, obboleettota akkuma ishii Yuukreenii baqatanii dhufan lamaa wajjin mana tokko keessa jiraatu. Iiriinaan Afaan Cheek barachaa jirti, tajaajila yeroo guutuu wagoota 20f irratti hirmaachaa turtettis deebiʼuu dandeessetti.

Iiriinaan akkana jetteetti: “Yihowaan saba isaatti fayyadamee, akkamitti nu kunuunsaa akka jiru ijuma kootiin argeera. Kunis amantii koo baayʼee naaf cimseera.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya gara 23,000 taʼan gara biyyoota birootti baqachuuf murtoo dhuunfaa godhaniiru. Namoonni biyyoota birootti baqatan kun bakka nagaa qabu gaʼuu dandaʼaniiru; taʼus afaan haaraa barachuuf utuma carraaqqii godhanii, hojii fi mana barbaaddachuu, dookmantii seera qabeessa taʼe argachuu fi ijoollee isaanii mana barumsaa haaraatti galmeessisuun isaan barbaachisa. Barsiifanni hafuuraa isaanii fi jaalalli obboloonni isaanii isaanitti argisiisan, yeroo rakkisaa kana keessatti akka qofoo guddaatti jabeessee isaan dhaabeera.

Anaatoolii, Aliiyoonaa fi Aliinaa Perkiyaak Roomaaniyaa jiraachaa jiru

Miseenoonni maatii Perkiyaak, Anaatoolii, Aliiyoonaa fi Aliinaa ishiin umuriin ishii waggaa 17 taʼe, Miikolaayiv Oblaasti, Yuukreenitti boombiin naannoo isaanii erga barbadeessee booda Roomaaniyaatti jireenya haaraa jalqabaniiru. Maatichi naannoo kana kan dhufan Bitootessa 6, 2022​tti dha. Anaatooliin lammii Moldoovaa waan taʼeef, maatii isaa gara Roomaaniyaatti akka geessu isaaf heyyamameera. Aliiyoonaan biyya kan biraatti godaanuun, “muka tokko hidda isaa wajjin lafa keessaa buqqaasanii bakka biraatti geessuu” wajjin akka wal fakkaatu dubbatteetti.

Gargaarsa obboloota Romaaniyaatiin, maatiin Perkiyaak mana keessa jiraatan argataniiru. Kana malees, Anaatoolii fi Aliiyoonaan hojii argataniiru, Aliinaan immoo hojii mana barumsaa Yuukreenii ishiidhaaf kenname Intarneetiidhaan hojjettee xumurii dandeesseetti.

Obboloonnii fi obboleettonni Romaaniyaa karaa qaamaa wanta maatichaaf barbaachisu qofa utuu hin taʼin, wanta karaa miiraa fi hafuuraa isaan barbachisu akka argatan isaan gargaaraniiru. Maatiin kun biyya ormaa waan jiraniif, kophummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne gochuuf obboloonnii fi obboleettonni dhaabbataadhaan isaanii wajjin yeroo dabarsu. Aliiyoonaa fi Aliinaan appilikeeshinii JW Language fayyadamuu fi obboloota gumii isaanii isa haaraa keessa jiranii wajjin tajaajiluudhaan Afaan Roomaaniyaa barachaa jiru. Anaatooliin Afaan Romaaniyaa dubbachaa guddate.

Anaatooliin akkana jedheera: “Harka Yihowaa jalqabumaa kaasee argineerraa. Deggersa jaarmiyichis taʼe obbololoonni fi obboleettoonni keenya nuuf godhaniin Yihowaan hangam akka nu jaallatu argineerra.”

Vilaadislaav Havriyiliʼakii fi haati isaa Aliinaan Poolaandi jiraachaa jiru

Aliinaa Havriyiliʼak ishii abbaan manaa ishii waraanichi jalqabuu isaa dura duʼee fi ilmi ishii Vilaadislaav inni umuriin isaa waggaa 16 taʼe, Guraandhala 27 Viinetsiyaa, Yuukreen irraa Suwaawkii, Poolandi dhaqaniiru. Aliinaan akkana jetteetti: “Jalqaba irratti anii fi ilmi koo eessa jiraanna, wanta ittiin jiraannu hoo akkamitti arganna jedhee yaaddaʼeen ture; taʼus Yihowaan akka nu kunuunsu amanannaa qaban ture.”

Aliinaa ishiin umuriin ishii waggaa 37 taʼe, yeruma sana hojii walgaʼii irratti argamuu ishii hin dhowwne barbaaddachuu jalqabde. Achiis mana barumsaa tokko keessaa hojii qulqulleessuu argatte. Akkana jettetti: “Hunda caalaa hojiin kun tajaajila irratti akkan hirmaadhuu fi maatii koo akka deggeru carraa balʼaa naaf kenna.”

Aliinaa fi Vilaadislaav, Afaan Poolish barachaa fi gumii Afaan Poolishiin geggeeffamu keessatti itti fufiinsaan qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaa jiru. Vilaadislaav mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti galmeeffameera.

Obbolootaa fi obboleettota keenya Yuukreen rakkinni guddaan mudachaa jira, jijjiirama guguddaa gochuufis dirqamaa jiru, Yihowan garuu humna humna caalu isaaniif kennu isaa itti fufeera. Yaanni 2 Qorontos 4:8 irratti akkana jedhame dhugaa taʼuu isaa arganiiru: “Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu karaa itti keessaa baanu hin dhabnu.”