Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 20, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Barreeffama Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu isa, JW Library Irra Jiru Sirriitti Fayyadamaa

Barreeffama Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu isa, JW Library Irra Jiru Sirriitti Fayyadamaa

Amajjii 2021, Qaamni Ol Aanaan kitaabnii fi birooshurri Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu jedhaman baʼuu isaanii beeksisee ture. Barreeffamoonni kunii fi malli barsiisuu isaan fayyadaman qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu irratti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaaraniiru.

Kitaabaa fi birooshura kana isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe, barsiisaa fi barataa caalaatti akka hawwatu gochuuf appilikeeshinii JW Library irratti wantoonni haaraan dabalamaniiru. Yeroo fudhadhaatii wantoota haaraa kanaa wajjin wal baraa.

  • Barumsa tokko keessaa qabxii tokko barataa keessanitti argisiisuu barbaadduu? Wantoota qabiyyee keessatti tarreeffaman banuuf keeyyaticha tuqaa. Liinkii keeyyata tokkoo erguuf filannaa Share ykn sheer jedhu filadhaa.

  • Keeyyata tokko isa sagaleedhaan waraabame barataa keessan waliin dhaggeeffachuu barbaadduu? Wantoota qabiyyee keessatti tarreeffaman banuuf keeyyaticha tuqaa. Keeyyaticha irraa kaasee isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuuf filannaa Play ykn pleey jedhu filadhaa.

  • Tarii yeroo isin isa dijitaalaan qophaaʼe fayyadamtan barataan keessan isa waraqaadhaan qophaaʼe fayyadamaa jira taʼa. Inni waraqaadhaan qophaaʼe sun fuulli isaa maal akka fakkaatu ilaaluu barbaadduu? Baafata More menu ykn Moor meenu jedhu keessaa (karaa mirgaa qarqara gubbaa irraa tuqaa sadii), filannaa Printed Edition ykn pirintid eedishin jedhu tuqaa. Barreeffama keessan isa dijitaalaatti deebiʼuuf baafatuma kana irraa filannaa Digital Edition jedhu tuqaa.

  • Barattoonni keessan guddina gochaa jiran barreeffama dijitaalaatiin akka hordofan barbaadduu? Guyyaa barumsicha itti xumuran ykn galma baafatan barreessuuf saanduqoota achi irra jiran akka fayyadaman jajjabeessaa. Kana malees, saanduqoota chaartii “Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Kee Hordofi” jedhu keessa jiran fayyadamuu dandaʼu.