WAXABAJJII 17, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
Barreeffama Qoʼannaa JW Laayibirarii Irra Jirutti Baafanni Caqasaa Hedduun Itti Dabalameera
Ebla 25, 2022, appilikeeshinii JW Laayibirarii irratti Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe haareffamee baʼeera. Riifransiiwwan caqasoonni irratti ibsaman hedduu kan qabate dha.
Wanti Haareffame Maali Dha?
Barreeffamni Qorannaa kun bara 2013 yeroo baʼee kaasee, baafanni caqasootaa barreeffamoota dhiheenya kana baʼan qofa kan dabalatu ture.
Waggoota muraasa asitti, barreffamoonni turan JW Laayibirarii irratti dabalamaa turaniiru. Barreeffamoonni kunnen hedduun isaanii LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA kan jiran yommuu taʼu, amma appilikeeshinii JW Laayibirarii irrattis ni argamu. Barreeffamni Qorannaan inni haareffame Insaayitii dabalatee riifransoota barreeffamoota durii qabate kan dabalatu dha. JW Laayibirarii irratti Barreeffamni Qorannaa yaada tokkoon tokkoon riifransichaa waan qabateef, yeroo Intarneetiin hin jiraannetti illee riifransoota kana fayyadamuu dandeessu.
Kana malees, rifransiiwwan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irraa fudhataman kan qabate dha. Obboleettiin Kaarii jedhamtu akkana jetteetti: “Bilbilaan dhugaa baʼuun baayʼee na sodaachisa, taʼus namoonni jajjabinni baayʼee akka isaan barbaachisu beeka. Yeroo tokko tokko caqasni tokko gara sammuu kootti dhufa, taʼus karaa salphaa fi nama hawatuun dubbachuudhaan maree dabalataa gochuuf carraa banuuf gargaarsi na barbaachisa. Caqasicha baafachuu fi yeruma sana barumsawwan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irra jiran dabalatee rifransiiwwan Barreeffama Qorannaa irra jiran argachuun koo ofitti amanannaan koo akka guddatuu fi tajaajila kootti caalaatti akkan gammadu na gargaareera.”
Afaanota dabalataa hedduudhaan akka argamuu dandaʼuuf, akkaata Barreeffamni Qoʼannaa itti qophaaʼu salphifameera. Iivoo inni waajjira damee Chiilii tajaajilu akkana jedheera: “Kun yeroo itti jalqabaaf kitaabni Barreeffama Qoʼannaa Afaan Maapuudungun qophaaʼe dha. Barreeffama akkasii hojjedhee kan hin beekne taʼus, akkaataan itti hojjetamu baayʼee salphaa dha. Obboloonni barreeffama kana afaan keenyaan argachuun isaanii baayʼee isaan dinqisiiseera. Afaan namoonni murasni dubbataniin ni qophaaʼa jedhanii hin eegne turan. Qoʼannaa dhuunfaa gochuuf, akkasumas yaada kennuu fi haasaa qophaaʼuuf faayidaa guddaa waan qabuuf kitaaba kana argachuun isaanii baayʼee isaan gammachiiseera.”
Akkaataa Baafata Caqasaa Barreeffama Qoʼannaa Itti Fayyadamuun Dandaʼamu
Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasa irratti qoʼannaa gochuu barbaaddan bira dhaqaa.
Achiis lakkoofsa isaa filadhaa. Qabiyye isaa keessaa isa mallattoo Barreeffama Qoʼannaa qabu filadhaa. Qabiyyee isaa irratti mallattoon Barreeffama Qoʼannaa hin jiru taanaan, rifransiin caqasa sana ibsu hin jiru jechuu dha.
Barreeffama Qoʼannaa jalqaba irratti rifransoota dhiheenyatti baʼan caqasa. Rifransoota durii yoo barbaaddan, rifransoota qoʼannaadhaaf qophaaʼan keessatti tarreeffaman ol harkisaa. Caqasoota hubannoon kanaan dura qabnu itti sirreeffaman, rifransoota dhihoo hubannaa keenya dhiheenyatti jiru qabate ibsa.