Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettoota keenya yeroo ammaatti Kiraaymiyaa fi Raashiyaatti hidhamanii jiran

Amajjii 3, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Biyyoonni Hedduun Ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa Irra Gaʼu Akka Dhaabbatu Gaafatan

Biyyoonni Hedduun Ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa Irra Gaʼu Akka Dhaabbatu Gaafatan

Muddee 17, 2021​tti biyyoonni miseensa International Religious Freedom or Belief Alliance a (IRFBA) taʼan ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa irra sababa amantii isaaniitiin isaan irra gaʼaa jiru akka dhaabbatu ergaa barreessuudhaan gaafatan. Yaada barreessan irrattis Dhugaa Baatonni mana hidhaa keessa jiran hundi hatattamaan akka baʼanii fi dararamni, miidhaan qaamaa, sakataʼinsi manaa fi loogiin isaan irra gaʼu akka dhaabbatu gaafataniiru.

Addunyaa maratti Dhugaa Baatonni Yihowaa 150 ol taʼan sababa amantaa isaaniitiin biyyoota kanneen akka Kireemiyaa, Eertiraa, Raashiyaa, Singaapoorii fi Taajikistaan keessatti hidhamanii jiru. Miseensonni IRFBA “ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼaa jiru” dabalaa jiraachuun isaa akka isaan yaaddessee fi “sodaa, doorsisa, loogii fi ariʼatama malee” amantaa isaanii hordofuuf mirga akka qaban ibsaniiru.

Mootummoota loogii malee mirga waaqeffannaa keenyaaf falman ni galateeffanna. Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya ariʼatamaa jiraniif eegumsa gochuu isaa akka itti fufuu fi ‘nagaa wal irraa hin cinne akka isaaniif kennu’ ni amanna.—Isaayyaas 26:3.

a Dhaabbanni kun biyyoota addunyaa maratti bilisummaan amantaa akka jiraatuuf hojjetan kan of keessatti qabate dha.