CAAMSAA 8, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA
Bokkaa Yandoon Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti Roobe Lolaa Cimaa Geessise
Ebla 2024tti, bokkaa yandoon Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti roobe lolaa cimaa geessiseera. Keeniyaa keessatti namoonni 185,000 ol taʼan qeʼee isaaniirraa kan buqqaʼan yeroo taʼu gara 200 kan taʼan immoo lubbuu isaanii dhabaniiru. Taanzaaniyaa ishee ollaa Keeniyaa taatettimmoo namoonni 200,000 qeʼee isaaniirraa akka buqqaʼanii fi gara 200 kan taʼan akka duʼan tilmaamama. Torbanoota itti aananittis bokka cimaan ni rooba jedhamee eegama.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Kan nama gaddisiisu, obboleettiin 1 fi intalli ishii duʼaniiru
Babalʼistoonni 59 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru
Manneen 14 irra miidhaan gaʼeera
Galmawwan walgaʼii 3 fi mana barumsaa tiʼookraasii 1 irra miidhaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Ilaaltonni olaanoo aanaa fi jaarsoliin naannichaa warra balaa lolaa kanan miidhamaniif karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa gargaarsa gochaa jiru
Obbolootaa fi obboleettota keenya balaa uumamaa kanaan miidhamaniif ni kadhanna. Amma kan jiraannu yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessa taʼus, yeroo dhihootti yeroon itti homaa ‘hin sodaannee fi sababa itti jeeqamnu hin qabaanne’ akka dhufu amantii qabna.—Isaayyaas 54:14.