Dhimma ijoo ta'etti seeni

Iddoo yaadannoo Kaampii Daakihwo hojiin humnaa itti hojjetamuu fi xalayaa pireezidaantii Puutiinif ergame

Waxabajjii 2, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Dhaabbanni Namoota Kaampii Daakihwo Irraa Oolanii Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Ariʼachuu Akka Dhaabdu Gaafate

Dhaabbanni Namoota Kaampii Daakihwo Irraa Oolanii Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Ariʼachuu Akka Dhaabdu Gaafate

Dhaabbanni Namoota Kaampii Daakihwo Irraa Oolaniin hundaaʼee fi Laagergemeʼinschaafti Daakihwo jedhamu, abbootiin taayitaa Raashiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa ariʼachuu akka dhaaban gaafate. Dhaabbanni kun xalayaa Caamsaa 16, 2021, pireezidaantii Viladimiir Puutiinif erge irratti duula ariʼatamaa Raashiyaan malaan obboloota keenya irratti geessitu balaaleffateera.

Xalayichi akkas jedha: “Guyyaa hundumaa mootummaan Dhugaa Baatota Yihowaa irra ariʼatama akka geessisu ni gabaafama. Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa Raashiyaa fi poolisoonni kan biroon manneen miseensota garee amantaa kanaa ni sakattaʼu akkasumas ni mancaasu. Isaan gara malee ni rukutamu karaa sirrii hin taaneenis qabamu. Kana malees dhiironnii fi dubartoonni hidhaan yeroo dheeraa isaanitti murtaaʼaa jira. Gaafannoon hidhaan isaanii akka hirʼatu ykn akka gad dhiifaman dhihaatu yeroo baayʼee fudhatama hin argatu.”

Xalayichi akkas jechuudhaan xumura: “Namoonni Federeeshinii Raashiyaa keessa jiraatan hundi mirga bilisummaan Waaqeffachuu, isa mirga heera mootummaa taʼe akka argatan akka gootu si gaafanna. Maaloo jalʼina haqaa kana dhaabsis!”

Caamsaa 2021, amantii isaaniin kan kaʼe Dhugaa Baatonni 61 Raashiyaatti hidhamaniiru. Kunis namoota maanguddoo kan dabalatudha fakkeenyaaf obboleettii Vaalentiinaa Baranooviskaayaa ishiin umuuriin ishii 70 taʼee hidhaa waggaa lamaa itti murtaaʼee hidhamtee jirti. Adoolessa 2020 dhibee kantaru dhiigaa dhukkubsatte. Manni murtii, ol iyyannoo ishiinii fi ilmi ishii Roomaan Baranooviskii inni waggaa jaʼaaf itti murtaaʼee hidhamee jiru Caamsaa 24, 2021 dhiheessan fudhachuu dide.

Namoonni haqa barbaadan, jalʼina haqaa obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran irra gaʼaa jiru hubachuu fi akka dhaabbatu barbaaduu isaanii ni dinqisiifanna. Oolee bulee Yihowaan saba isaa akka oolchuu beekna.—Daaniʼel 12:1.