Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hojii gargaarsaa Jarmanitti godhame (bitaa), lolaa Beeljiyamitti uumame (mirga), miidhaa Neezarlaanditti gaʼe (gajjallaa)

ADOOLESSA 27, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Dhihi Awurooppaa Lolaa Cimaadhaan Miidhame

Dhihi Awurooppaa Lolaa Cimaadhaan Miidhame

Adoolessa 13 hanga 17, 2021⁠tti bokkaa cimaan utuu wal irraa hin citiin roobuu isaatiin kan kaʼe lageen Beeljiyam, Jarman, Luksambargii fi Neezarlaandi keessa jiran hedduun akka guutan godheera; kunis namoonni lolaadhaan akka duʼan godheera. Lolaan kun balaa hangamii akka geessise guutummaatti hin beeknu. Lolaan kun lolaa cimaa waggoota dhibba tokko darban keessatti biyyoota kana mudatan muraasa keessaa isa tokko dha.

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼe

  • Miidhaa cimaan kan irra gaʼes taʼe kan duʼe hin jiru

  • Obboloonni gara 304 taʼan qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen gara 100 taʼan irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen gara 242 taʼan irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 11 taʼan jijjiganiiru

Gargaarsa taasifame

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 4 hundaaʼaniiru; 1 Beeljiyam keessatti, 2 Jarmanii fi Luksambargiif, 1 immoo Neezarlaandi keessatti

  • Yeroo ammatti Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii qulqulleessuu fi suphuu hojjechaa jira; kun immoo manneen qoorsuu fi dhoqqee baasuu, akkasumas wantoota atattamaan suphamuu qaban suphuu kan dabalatu dha

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloonni qeʼee isaanii irraa buqqaʼan mana yeroodhaaf keessa jiraatanii fi bishaan dhugaatii akka argataniif qophii godhaniiru

  • Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa naannoo sanaa obbolootaa fi obboleettota balaa kanaan miidhaman karaa hafuuraa fi miiraa jajjabeessaa jiru

  • Gumiin viidiyoo konfiransiidhaan godhamu gargar hin cinne. Miseensonni Koree Waajjira Damee babalʼistoota balaa kanaan miidhaman jajjabeessaa jiru

  • Hojiin gargaarsaa kun kan kenname qajeelfama Kooviid 19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani

Jaarsoliin, gumii tokko keessa jiran obboleettiin keenya maanguddoo taate takka naannoo balaan uumame sanaatii akka baatu godhanii turan. Achiis obboloonni, ilma ishii isa Dhugaa Baatuu hin taaneef bilbiluudhaan haati isaa nagaa taʼuu ishii itti himan. Yeroo booda ilmi ishii akkana ishiidhaan jedhe: “Amantaa gaarii keessa jirta. Akka gaariitti si kunuunsan!”

Gareen Beeljiyam keessatti hojii ibidda dhaamsuu hojjetu tokko obboloonni hojii gargaarsaa irratti yeroo hirmaatan argan. Gareen sun obboloonni keenya meeshaa eegumsa isaaniif godhu sirriitti fayyadamuu isaanii fi sirriitti kan qindaaʼan taʼuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haaluma wal fakkaatuun, gareen Jarman keessatti hojii ibidda dhaamsuu hojjetu tokko obboloonni qajeelfama isaanii hordofuu isaatiif baayʼee isaan dinqisiifataniiru. Isaan keessaa inni tokko akkana jedheera: “Namoonni akka isaanii iddoo hundumaa utuu jiraatanii baayʼee gaarii dha.”

Obboloonnii fi obboleettonni balaan isaan irra gaʼe gargaarsa jaarmiyichi isaaniif godheef guddaa galateeffatu. Kana malees, Qaamni Ol Aanaan sabni Yihowaa balaa uumamaatiif akka qophaaʼan isaan jajjabeessuu isaatiif isaan galateeffatu. Dhuma irrattis, Yihowaa isa sabni isaa ‘tasgabbiidhaan akka jiraatan, balaan nu irra gaʼa jedhaniis akka hin jeeqamne godhu’ baayʼee galateeffataniiru.—Fakkeenya 1:33.