Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dimitrii Dolziikoov Dhugaa Baatuu sochii Kiristiyaanaa irratti hirmaachuusaatiin seera Raashiyaa jalatti qabamee hidhame isa100​ffaa dha

ONKOLOOLESSA 28, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Dhugaa Baatonni Raashiyaa fi Kireemiyaa Keessatti Hidhamanii Jiran 100 Ol Taʼan

Dhugaa Baatonni Raashiyaa fi Kireemiyaa Keessatti Hidhamanii Jiran 100 Ol Taʼan

Onkoloolessa 26, 2022 kaasee obboloonni 106 fi obboleettonni 4 waaqeffannaa isaanii irratti waan hirmaataniif Raashiyaa fi Kireemiyaatti hidhamaniiru ykn bakka yeroodhaaf itti tursiifaman jiru. Obboleessa Dimitrii Dolziikoov umurii waggaa 44 yommuu taʼu Dhugaa Baatota Yihowaa hanga harʼaatti hidhaman 100​ffaa dha. Dimitriin Fulbaana 8, 2022 hidhame. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti waan hirmaateef akkasumas amantii isaa warra kaanitti waan himeef sochii dhaabbata finxaalessaarratti hirmaatteetta jedhamee himatame. Bara 2017 kaasee hanga harʼaatti Dhugaa Baatonni gara 350 taʼan yeroo muraasaaf hidhamaniiru.

Poolisiin appaartaamaa Dimitriin keessa jiraatuu fi Naannoo Cheeliibiniiskitti argamu erga weeraree booda isa qabe. Guyyaa lama booda bakka yeroodhaaf itti tursanii fi Naannoo Noovoosibiriiski mana isaa irraa gara kiilomeetira 1,500 fagaatee argamutti geeffame.

Dimitriin obboloota kaan 12 wajjin bakka yeroodhaaf itti tursan jira. Haati manaa isaa Mariinaan akka isa gaafattu kan hin heyyamamneef taʼus xalayaa waliif ni barreessu.

Mariinaan akkana jetteetti: “Guyyaa inni qabame hirriba gaarii hin rafne, yeroo baayʼee hirriba keessaan dammaqa ture. Michoonni gumii isaan bira akkan turu kan na afeeran yeroo taʼu kun anaaf gargaarsaa fi deggersa guddaa ture.”

Dimitriin tasgabbii fi ilaalcha gaarii akka qabu Mariinaan dubbatteetti. “Yihowaan isa kunuunsaa jira” jetteetti.

Mariinaa fi Dimitrii Dolziikoov

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Seera Yakkaa Federeeshinii Raashiyaatiin sochii dhaabbata finxaalessaa jedhuun himatamaniiru. Himanni kun Aana Saafironovaa ishii umurii 57 yeroo ammaatti waggaan jaʼa itti murteeffamee mana hidhaa jirtu kan dabalatudha. Kun murtii hidhaa dheeraa hanga harʼaatti obboleettii tokko irratti darbedha.

Tarkaanfiin hidhaa Dimitrii irratti fudhatame Dhaabbileen idila addunyaa hedduun haalicha utuma balaaleffatanii Raashiyaan waggaa shanii oliif Dhugaa Baatota Yihowaa irratti gocha qaanessaa raawwachaa kan turte taʼu isaa kan addeessu ture. Haa taʼu malee bara 2017 Manni Murtii Olaanaa Raashiyaa yeroo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhorkaa dabarsetti, abbootiin taayitaa Raashiyaa jaarmiyaalee Dhugaa Baatotaa beekamtii seeraa qaban akka dhorkaman malee, sochii hafuuraa isaanii akka hin dhowwine dubbatanii turan. Haa taʼu malee kun utuu hin taʼin hafeera. Hanga harʼaatti himanni yakkaa 308 Dhugaa Baatota Yihowaa gara 700 taʼan irratti banameera. Kana malees manneen Dhugaa Baatotaa 1,851 sakattaʼameera.

Obboleessa keenya Dimitrii akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya amantii isaaniitiif jecha ariʼatamaa jiran hundaaf ni kadhanna. Yihowaan jabaatanii akka dhaabbatan akka isaan gargaaru ni amanna.—Maatewos 24:13.