BITOOTESSA 26, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA
Dhugaa Baatonni Yihowaa Addunyaa maratti argaman Yeroo Dhukkubni Daddarbaa Jiru Kanatti Tooftaa Haaraadhaan Lallabaa Jiru
Vaayirasiin dhibee daddarbaa nooveel kooronaa (COVID-19) Dhugaa Baatota miliyoonaan lakkaaʼaman, warra utuma sochii tiʼookraasii isaanii hin dhiisin qajeelfama abbootii taayitaa hordofuuf carraaqan irratti dhiibbaa cimaa geessiseera. Biyyoota dhibeen kun itti babalʼatetti obboloonnii fi obboleettonni keenya tajaajila isaanii itti fufuuf mala addaa fayyadamaa jiru.
Obboleessi Xaaliyaanii, Piizaa jiraatu akkas jedheera: “Tajaajila baayʼee dinqisiisaa taʼe raawwachaa jirra! Namoonni hedduun manatti waan argamaniif, anii fi haati manaa koo lakkoofsa bilbilaa duraan qabnu irra deebinee ilaaluudhaan viidiyookonfiraansiitiin haasofsiisuuf qophii goone. Namoota haaraa ykn warra duraan haasofsiisne argachuudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi deddeebii gaaffii hedduu waan arganneef, tajaajila keenya irratti saʼaatii hedduu dabarsuudhaan buʼaa gaarii arganneerra.”
Kooriyaa Kibbaatti dhibeen kun babalʼistoonni wantoota weebsaayitii jw.org fi appilikeeshinii JW Library irra jiran irra deddeebiʼanii akka fayyadaman isaan kakaaseera. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko barataan Kitaaba Qulqulluu waggaa sadii dura qoʼannaa isaa dhaabe akka tasaa ergaa gabaabaa isaaf ergeera. Barataan kun dhibeen fayyaa kun mallattoo guyyoota dhumaa irratti akka yaadu akka isa taasise dubbateera. Obboleessi kun, appilikeeshinii JW Library irraa kutaa “Liinkii Ergi” jedhu fayyadamee barataa kanaaf odeeffannoo barbaachisaa ergaa gabaabaadhaan erguu dandaʼeera. Obboleessi kun, “ragaan mallattoo guyyoota dhumaa kun fedhii hafuuraa namoota hedduu akka kakaase arguun nama jajjabeessa” jedheera.
Gabaasawwan waajjiroota damee addunyaa maraa irraa argaman hedduun obboloonnii fi obboleettonni tajaajila isaaniif iddoo guddaa akka kennan argisiisu. Misiraachoo namootaaf labsuuf ‘ogummaatti’ akkamitti fayyadamaa akka jiran arguun nama dinqisiisa.—Miikiyaas 6:9.
Ilaaltuun ol aanaa aanaa Porto Riikootti argamu walgaʼii tajaajilaa geggeessaa jira
Jarmanitti obboleettonni qajeelchitoota taʼan, utuma viidiyookonfiraansii godhanii xalayaa barreessaa jiru
Kooriyaa Kibbaatti qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeeffamu
Hiriyoonni gaaʼelaa Faransaayi jiran tokko bilbilaan dhugaa baʼaa jiru
Obboleettiin takkaa fi ilmi ishii Hawaayitti xalayaa barreessaa jiru