FULBAANA 14, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
Dhugaa Baatonni Yihowaa Deebiʼanii Manaa Gara Manaatti Tajaajiluu Eegalan
Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman Fulbaana 1, 2022tti, tajaajila manaa gara manaa isa ittiin beekaman deebisanii jalqabuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Jiʼa kanatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf duula addaa gochuun isaaniimmoo gammachuun isaanii akka dabalu godheera. Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko bifa tajaajilaa itti baran kanaaf bakka guddaa kennu. Tokko tokkommoo ergaa Kitaaba Qulqulluu qaamaan deemanii kan namootatti himan yeroo jalqabaatiifi. Muuxannoowwan muraasni armaan gadii addunyaa mararraa argaman waggaan tajaajilaa 2023 karaa nama gammachiisuun jalqabuu isaa argisiisu.
Jarman
Fuulbaana 2, 2022tti, obboleettonni Niikoolii fi Tiinaa jedhaman magaalaa Peeterzyaagan isa Kaaba Raayin Westifaaliyaatti argamu keessatti, manaa gara manaa tajaajilaa kan turan taʼus nama tokkollee manatti hin arganne. Utuu deebiʼaa jiranii dubartiin tokko yommuu isaan waamtu dhagaʼan. Dubartiin kun, yeroo isaan balbala rurrukutaa turanitti banuufii akka hin dandeenye isaanitti himuudhaan Kitaaba Qulqulluurratti mariʼachuudhaaf akka deebiʼan isaan gaafatte. Obboleettonni kun yeroo manashii seenanitti Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa sirriitti akka itti fayyadamte beeksisu tokko minjaalarratti argan. Dubartittiinis kitaabicha waggaa sadii dura yeroo Xaaliyaanii jiraachaa turtetti akka isheedhaaf kennan isaanitti himte. Yeroo weerara dhibeetti gara Jarman erga deemtee booda Dhugaa Baatota Yihowaa argachuu hin dandeenye. Obboleettonis teessoo erga ishiidhaaf kennanii booda gara walgaʼii akka dhuftu ishii afeeran. Dubartittiinis guyyaa lama booda ijoolleeshii lamaanii wajjin walgaʼiirratti argamte. Achiis Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishii jalqabsiisuuf qophiin ni godhame.
Guwaatimaalaa
Maanuʼeelii fi Karool Gaastelam warri naannoo afaan Maam dubbatamu keessatti qajeelchitoota addaa taʼanii tajaajilan dubartii gaarii tokkoo wajjin kan wal argan yommuu taʼu, ishiinis mana akka seenan isaan afeerte. Dubartittiin Waaqayyo maqaa akka qabu waan hin beekneef, Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 4ffaa isa matadureen isaa “Waaqani Dhugaan Eenyu?” jedhurratti mariʼachuu jalqaban. Kitaaba Qulqulluu ishiirraa Isaayyaas 42:8 irratti maqaa Waaqayyoo yommuu argitu baayʼee dinqisiifamte.
Achiis booʼuu jalqabde; Kitaaba Qulqulluu qabaachuun qofti gaʼaa akka hin taanee fi ergaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta achi keessatti argamu hojiirra oolchuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubatte dubbatte. Barumsa sana erga xumurtee boodas barumsa argatteef baayʼee galateeffatte. Wanta baratte kana abbaa manaa ishiitti akka himtus isaanitti himte. Obboloonni kun Kitaaba Qulqulluurratti maree gochuu isaanii itti fufuuf qophii godhaniiru.
Jaappaan
Nakaamoorii fi haati manaa isaa utuu Yokohaamaa keessa tajaajilanii gara mana balbala isaarraa intarkoomii qabu tokkoo dhaqan. Achiis dubartiin tokko karaa intarkoomii nagaa isaan gaafatte. Isaanis erga of beeksisanii booda Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii ishiitti himan. Ishiinis balbalarratti akka ishii eegan isaanitti himte. Daqiiqaa muraasa boodas, balbala bantee, “Dhugaa Baatonni Yihowaa dhufanii akka na haasofsiisan eegaan ture” isaaniin jette.
Dubartittiin Nagaasaakii keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegaltee akka turte isaanitti himte. Yeroo weerara dhibeetti gara Yokohaamaa kan deemte taʼus, zuumiidhaan qoʼachuu ishii itti fuftee turte. Jalqaba torbee sanaa keessa obboleettiin ishii qoʼachiistu akkana ishiidhaan jettee turte: “Jiʼa Fulbaanaa keessa duulli jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa mana dhufanii akka si gaafatan mirkanaaʼaadha. Obboloonni dhufanii si haasofsiisan qaamaan dhufanii Kitaaba qulqulluu akka si qoʼachiisan gaafachuu dandeessa.” Dubartittiinis utuma hin turin Dhugaa Baatonni Yihowaa mana ishii dhufuun isaanii ishii dinqisiiseera. Dubarttittiin walgaʼiirratti argamuu akka barbaaddu dubbatte, akkasumas qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishii itti aanuufis beelama qabatte.
Meeksiikoo
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko dubartiin tokko Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu erga affeeranii booda, waggaa dheeraa dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachaa fi walgaʼii irrattille argamaa akka turte isaanitti himte. Achiis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu hin dandeenye, akkasumas akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti jiraachaa waan hin turreef deebistee isaan barbaaduun ishii qaaneesse. Kana erga dubbbatte booda boʼuu jalqabde. Hiriyoonni gaaʼelaa kunis Faarfannaa 10:17 ishiidhaaf dubbisanii Yihowaan akka ishii hin irraanfanne ishiidhaaf ibsan. Ulaagaa Yihowaa wajjin walsimtee jiraachuuf fedhii waan qabduufis ishii galateeffatan. Ishiinis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kan walii galte siʼa taʼu, ilmi ishii inni umuriin isaa waggaa 16 taʼes waaʼee Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii akka qabu dubbatte.
Hiriyoonni gaaʼelaa kun guyyaa ittaanu yeroo dhufan dubartiin kunii fi ilmi ishii isaan eegaa turan. Birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 01 erga qoʼatanii booda, hiriyoonni gaaʼelaa isaan qoʼachiisan walgaʼii dhuma torbaniitti godhamurratti akka argaman isaan affeeran, isaanis ni argaman. Dubartittiinii fi ilmi ishii qoʼachuu fi walgaʼii irratti argamuusaanii itti fufuuf karoorfataniiru.
Porto Riikoo
Raamoon, guyyaa deebiʼee manaa gara manaa tajaajiluu itti jalqaburratti nama misiraachoo itti himu akka argatuuf kadhatee ture. Yeroo inni mana isa jalqabaa rurrukutu, dubartiin tokko balbala xinnumashii bantee karaa qaawwaa isa ilaalte. Raamoonis nagaa ishii gaafatee eenyummaa isaa ishiitti hime. Ergaasaa itti himuu utuu inni hin jalqabin dubartittiin, “Guyyaa kana akkamitti eegaa akkan ture siif ibsuu hin dandaʼu. Mana koo dhuftanii akka na haasofsiistaniif kadhachaan ture” isaan jette.
Achiis waggoota muraasa dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin akka wal argitee fi walgaʼiirrattis argamtee akka turte dubbatte. Bakka jireenyaa waan jijjiirratteef Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu hin dnadeenye. Raamoonis yeroo weerara dhibee kanatti lallabni manaa gara manaa dhaabbatee akka ture ishiitti hime. Achiis Faarfannaa 37:29 erga ishiidhaaf dubbisee booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka dandeessu ishiitti hime. Dubartittiinis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaaf walii galte. Raamoonis obboleettiin tokko dhaqxee akka ishii gaafattuuf haala mijeesse.
Haalli kun erga isa mudatee booda Raamoon, “Yihowaa fi maleekonnisaa gara namoota dhaggeeffachuuf fedhii qabaniitti nu qajeelchaa akka jiran beeka” jedheera.
Yuunaayitid Isteetis
Kaatiliin Toomsan, gara mana Keentuukii keessatti argamu tokkkoo yeroo dhaqxetti caqasoota saanduqa poostaarratti barreeffamanii fi mallattoo xinnoo “Yesuus Si Jaallata” jedhu qeʼee isaanii keessatti argite. Kaatiliin yeroo balbala rurrukuttutti dubartiin tokko ishiidhaaf bante. Achiis eenyummaa ishii erga itti himtee booda, sababii weerara dhibee KOOVIID-19n Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa deemuudhaan namoota haasofsiisuu dhaabanii akka turan itti himte. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo weerara dhibee kanatti namoota jajjabeessuuf xalayaa barreessaa fi bilbila bilbilaa akka turan itti himte. Kaatiliin dubartittiinis taate maatiinshii nagaa taʼuu isaanii ishii gaafatte. Dubartittiinis abbaashii yeroo weerara dhibeetti duʼaan akka dhabde ishiitti himte. Achiis “Xalayaawwan kee na gaʼaniiru; Waaqayyo wanta na barbaachisu yeroo na barbaachisutti akka naaf kennaa jiru natti dhagaʼame!” ishiidhaan jette. Kaatiliinis akka ishiidhaaf gaddite erga ishiidhaaf ibsitee booda, birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 02ffaa waliin ilaalan. Abdii duʼa kaʼuurratti xiyyeeffachuudhaan caqasoota barumsicha keessatti argaman waliin dubbisan. Dubartittiinis abbaanshii wagguma harʼaa akka duʼe ibsuudhaan booʼuu jalqabde. Achiis teessooshii Kaatiliiniif kan kennite yoummuu taʼu, deebiʼanii wal arguuf beellama qabatan. Boodas, dubartittiin Kaatiliiniif ergaa barreeffamaa, “Galatoomi—harʼa jajabbinni akkasii dhugumaan na barbaachisa ture!” jedhu ergiteef.
Yihowaan hojii lallabaa manaa gara manaa isa deebisnee jalqabnee fi duula qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf goone akka eebbise beekamaadha. Buʼaawwan argannus hawwii guddaadhaan eegganna!—Yohaannis 4:35.
Bahaamaas
Kaameeruun
Paanaamaa
Filiiphiinsi
Kooriyaa Kibbaa
Yuunaayitid Isteetis