Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 26, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Weerarri Dhibee Kooviid 19 Utuma Jiruu Waggaa Balaawwan Uumamaa Miidhaa Guddaa Geessisan Itti Uumamanitti Gargaarsa Godhaniiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa Weerarri Dhibee Kooviid 19 Utuma Jiruu Waggaa Balaawwan Uumamaa Miidhaa Guddaa Geessisan Itti Uumamanitti Gargaarsa Godhaniiru

Waggaa tajaajilaa bara 2020⁠tti jaarmiyaan keenya addunyaa maratti karaa kanaan duraa irra caaluun gargaarsa yeroo balaan uumamaa gaʼu godhamu raawwateera; hojiin gargaarsaa kun ammas itti fufee jira. Addunyaa maratti Koreewwan Hojii Gargaarsaa 950 ol taʼan hundeeffamaniiru. Bara 2020⁠tti weerara dhiibeetiin alatti balaawwan gargaarsa hatattamaa barbaadanii fi balaawwan uumamaa mudataniiru. Koreewwan Hojii Gargaarsaa weerara dhibee Kooviid 19 wajjin haala wal qabateen of eeggannoo godhamuu qabu utuma godhanii obboloota keenyaaf gargaarsa hatattamaa gochuuf haalli isaa rakkisaa isaanitti taʼee ture. Obboloonnii fi obboleettonni hojii gargaarsaa kana irratti hirmaatan sochiin kun amantii isaanii akka isaaniif cimse gabaasaniiru. Balaawwan obboloota keenya irra gaʼan tokko tokko armaan gadiitti ibsamaniiru

Obomboleettiiwwan Balaa Guddaa Geessisan

Waggaa tajaajilaa bara 2020 obboloonnii fi obboleettonni keenya walumaa galatti obomboleettiiwwan baayʼee ciccimoon 126 taʼan isaan mudataniiru. Lakkoofsi obomboleettii bara kana mudate isa waggaa tajaajilaa bara 2019⁠tti mudate irraa dhibbeentaa 11.5⁠niin caala. Baayʼeen isaanii lolaa ykn sigiga lafaa cimoo taʼan geessisaniiru.

Fakkeenyaaf, obomboleettiin adda addaa Filippiinsiin waan rukuteef, obboloonni hedduun naannoo isaaniitii buqqaʼaniiru.

Lolaa Filippiinsitti sababa Obomboleettii Vaamkootiin uumame; obomboleettiin kun kan uumame Obomboleettiin Cimaan Goonii inni obomboleettiiwwan baayʼee ciccimoo taʼan keessaa tokko taʼe biyyattii rukutee torban tokko booda dha

Bokkaa cimaan guutummaa Naayijeeriyaatti roobe midhaan obboloota keenyaa maasii irra jiru balleesseera.

Lolaa Naayijeeriyaatti bokkaa cimaan erga roobee booda naannoo Riivarsi Isteet jedhamutti uumame

Kooriyaa Kibbaatti waqtiin gannaa dheerachuun isaa badiisa guddaa geessiseera.

Lolaa Kooriyaa Kibbaatti isa kanaan duraa caalaa waqtiin gannaa baayʼee dheerachuu isaatiin kan kaʼe uumame

Ibidda Bosonaa Cimaa

Ibiddi bosonaa badiisa guddaa geessise biyyoota hedduu keessatti kaʼeera; isaan keessaa tokko tokko isa hanga ammaatti galmeeffame irra ni caalu.

Fakkeenyaaf, obboloonni tokko tokko ibidda cimaa lafa gara hektaara miliyoona walakkaa taʼu barbadeesseen kan kaʼe miidhaan isaan irra gaʼeera.

Haalli kun Yuunaayitid Isteetisittis mudate.

Ibidda bosonaa Kaalifoorniyaa, Yuunaayitid Isteetisitti kaʼe

Balaan ibiddaa cimaan obboloota keenya Awustiraaliyaa jiraatanis mudateera.

Ibidda bosonaa Awustiraaliyaatti kaʼe

Gargaarsa Buʼa Qabeessa Balaa Irraa Walaba Taʼe

Balaawwan kun erga gaʼanii booda jaarmiyichi qajeelfama nageenya obboloota gargaarsa kennanis taʼe obboloota gargaarsa fudhatanii eeguuf gargaaru kenneera.

Obboleessa Haan Chaan Hii

Obboleessi Haan Chaan Hii inni Kooriyaa Kibbaatti Koree Hojii Gargaarsaa gargaaru tarkaanfii obbolootaa fi obboleettota eeguuf godhame yeroo ibsu akkana jedheera: “Yeroo hundumaa ganama ganama hoʼa qaamaa hunduma isaanii ni safarra, yeroo hundumaa fageenya keenya ni eegganna, lakkoofsa obboloota fedhiidhaan gargaarsa kennanii ni daangessina, akkasumas yeroo nyaataas taʼe yeroo boqonnaatti walitti qabamuu irraa ni fagaanna. Kana malees, obboloonni gargaarsaaf dhufan hojii duras taʼe hojii booda meeshaalee isaanii ni qulqulleessu.”

Obboleessa Kiriis Shiiraa

Yeroo balaawwan kun uumamanitti obboloonni keenya tokko tokko iddoo jireenyaa isaaniitii buqqaʼaniiru ykn mana isaanii dhabaniiru. Obboleessi Kiriis Shiiraa inni yeroo Qarqara Dhiha Yuunaayitid Isteetisitti ibiddi bosonaa kaʼetti Koree Hojii Gargaarsaa gargaaraa ture akkana jedheera: “Qajeelfama Kooviid 19 irraa of eeguuf kenname eeguuf jecha lakkoofsa namoota gara tokkoon tokkoon manaa deemanii ni toʼanna turre.”

Obboleessa Filiipsi Akinduuroo

Naannoo baayʼeetti, seerawwan nageenyaa fi imalaa wajjin wal qabatan lakkoofsa namoota hojii gargaarsaa irratti fedhiidhaan hirmaachuu dandaʼanii daangesseera. Obboleessi Filiipsi Akinduuroo inni Naayijeeriyaatti Koree Hojii Gargaarsaa wajjin hojjetu akkana jedheera: “Wanti haalli isaa rakkisaa akka nutti taʼu godhe inni guddaan mootummaan iddoodhaa gara iddootti sochoʼuu kan dhoowwe taʼuu isaa ti. Kanaafuu, namoota gargaarsa godhan argachuun salphaa hin turre.”

Obboleessa Kiim Yuun Hiiyangi

Obboleessi Kiim Yuun Hiiyangi inni Kooriyaa Kibbaatti Koree Hojii Gargaarsaa wajjinis hojjetu miira obboloota hojii gargaarsaa irratti hirmaatanii yeroo ibsu akkana jedheera: “Hojii gargaarsaa kana irratti kan hirmaannu jaalala Waaqayyoo fi obboloota keenyaaf qabnuun kakaanee waan taʼeef, yeroo warra kaan gargaarru hundatti nama hundumaatiif of eegganna. Of eeggannoo cimaa kan goonu taʼus, yeroo gargaarsa kenninutti gammachuu keenya eeggannee itti fufuu dandeenyeerra.”

Hojiiwwan Gargaarsaa Amantii Cimsu

Rakkinni biraan jiraatus obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan gargaarsa gochuu waan dandaʼaniif, hundi isaaniiyyuu amantiin Yihowaa irratti qaban cimeera.

Fakkeenyaaf, obboleessi Haan hojii gargaarsaa saʼaatii 24 gaditti jalqabuuf Koreen Hojii Gargaarsaa saffisaan hamma barbaachisu obboloota fedhiidhaan of dhiheessan kan argatu taʼuun isaa isa yaaddessee ture. Akkana jedheera: “Saʼaatii muraasa gidduutti kanan yaaddaʼe akkasumaan akka taʼeen hubadhe. Guutummaa biyyattii irraa obboloonnii fi obboleettonni dhibbaan lakkaaʼaman fedhiidhaan of dhiheessan. [Obboloonni gargaarsaaf of dhiheessan] baayʼee waan taʼaniif, muraasa isaanii hirʼisuun nu barbaachisee ture.” Xumura irratti immoo, “Yihowaan nuu wajjin akka taʼe guutummaatti mirkanaaʼaan ture; haalli isaa baayʼee kan nama jajjabeessu ture” jedheera.

Obboleessa Biraad Beenar

Haaluma wal fakkaatuun, obboleessi Biraad Beenar inni Honduraas jiraatu, yeroo balaan obomboleettii mudatetti gargaarsa erga godhee booda wanta isatti dhagaʼame yeroo ibsu akkana jedheera: “Haalli isaa kan nama dhiphisu taʼus, obboloonni iddoo jireenyaa isaaniitii buqqaʼan nyaata, iddoo itti boqotanii fi jajjabina hafuuraa isaan barbaachisu argataniiru. Balaan obomboleettii lamaa fi weerarri dhibee addunyaa maratti mudate jaalala jaarmiyaa keenya keessa jiru balleessuu akka hin dandeenye hubadheera.”

Obboleessa Alkan Daayag

Obboleessi Alkan Daayag inni Filippiinsitti Koree Hojii Gargaarsaa gargaaru akkana jedheera: “Muuxannoon kun Yihowaan dhuguma iyyuu gaarummaadhaan kakaʼee humna humna caaluu fi ogummaa hojicha raawwachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu caalaatti naaf mirkaneesseera.”—2 Qorontos 4:7.

Waajjiroota damee, Koreewwan Hojii Gargaarsaa, akkasumas obbolootaa fi obboleettota hojii gargaarsaa irratti hirmaatan hundumaa baayʼee galateeffanna. Hojii cimaan obboloonni jaalalaan of dhiheessan hojjetanii fi buusiin arjummaadhaan argame waggaa balaawwan uumamaa miidhaa guddaa geessisan itti uumamanitti gargaarsa godheera.—1 Tasalonqee 1:3.