MUDDEE 31, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA
Duula Jiʼa Sadaasatti Geggeeffame Irratti Masaraan Eegumsaa Maxxansi Sabaa Lakk. 2 Afaan 300 Oliin Raabsameera
Masaraan Eegumsaa kun Dabalataan Afaan Torbaan Baʼeera!
Sadaasa 2021tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti maxxansa sabaa Masaraa Eegumsaa Lakk. 2 2021 afaan 300 oliin raabsaniiru. Kanneen keessaa afaan torbaaf maxxansi Lakk. 2 2021 hiikkaa Masaraa Eegumsaa isa jalqabaa ti. Afaanonni kun: Feeroos, Hawaayi Piigiin, Afaan Luksambargi, Maanipuurii (Roomaan), Oodiyaa, Pomeraaniyaan fi Seenti Luusheen Kiriiʼol dha.
Obboleessi keenya Nikoolaas Alaadis inni waajjira muummeetti Kutaa Tajaajila Hiikkaa keessaa hojjetu akkana jedheera: “Barumsi barreeffamoota keenya irratti baʼu namoota hundumaa kan hawwatu dha. Haa taʼu malee gareewwan hiikkaa tokko tokko wantoota barbaachisan haala gaʼaa taʼeen waan hin arganneef maxxansa Masaraa Eegumsaa hunda hiikuu hin dandaʼan. Koreewwan Waajjira Damee gareewwan akkanaa toʼatan, qabiyyee murtaaʼe akka hiikan yaada kennuudhaan Koree Barreeffamaa Qaama Olaanaa gaafachuu dandaʼu. Maxxansi Masaraa Eegumsaa Lakk. 2 2021 afaanota kanaan hiikamuu kan dandaʼe haala kanaani dha.”
Muuxannoowwan naannoo tajaajilaa afaanota kana irraa argaman armaan gadii buʼaa gaarii duula kana irraa argamee fi carraaqqii cimaa barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe namoota afaan hundumaatiin gaʼuuf goonu kan ibsu dha.
Yeroo duula addaatti namoonni hedduun Masaraa Eegumsaa kana argachuu isaaniitti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Duulawwan akkasii fedhii Waaqayyoo isa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” qabuu wajjin akka wal simu beekna.—1 Ximotewos 2:4.