Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 8, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Duula Mootummichaa 2020: Obboloonnii fi Obboleettonni Addunyaa Mara Irra Jiran “Taʼee hin Irraanfatamne” Irraa Jajjabina Argataniiru

Duula Mootummichaa 2020: Obboloonnii fi Obboleettonni Addunyaa Mara Irra Jiran “Taʼee hin Irraanfatamne” Irraa Jajjabina Argataniiru

Tajaajilli keenya Sadaasa 2020⁠tti irratti hirmaanne seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti bakka guddaa qaba. Dhibee daddarbaa baayʼee cimaa taʼe baayʼeen keenya mana keenyaa akka hin baane nu dhorkeera. Mala kanaan dura ittiin lallabaa turre yeroof dhiisneerra. Taʼus, sabni Yihowaa duula Mootummaa Waaqayyoo beeksisuu addunyaa maratti godhan irratti milkaaʼina argataniiru. Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Masaraa Eegumsaa Lakk. 2 2020 daldaltootaaf, qondaaltotaaf, barsiisotaaf, michootaaf, firootaa fi namoota hundaaf raabsaniiru. Hojiin kun namoota dhaggeeffachuuf fedhii qaban hunda jajjabeesseera. Taʼus, namoota raabsuu irratti hirmaataniifis gammachuu fi jajjabina guddaa fideera.

Muuxannoowwan obbolootaa fi obboleettota keenya addunyaa mara irra jiran irraa argaman tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

AWUSTIRAALEESHIYAA

Obboleettii Luusindaa Fuurkiin

Awustiraaliyaatti obboleettiin waggaa kudha saddeetii dhiheenya cuuphamtee fi Luusindaa Fuurkiin jedhamtu yaada itti aanu barreessiteetti: “Yeroo duulli kun geggeeffamutti baayʼee dhukkubsadhee kanan ture taʼus, Yihowaan harka koo qabee jabina na barbaachisu naaf kennuudhaan akka na jajjabeesse natti dhagaʼama.”

Abbaan Niwu Ziilaandi jiraatu tokko duulli kun maatii isaa akkamitti akka fayyade akka itti aanutti ibseera: “Intaloota umuriin isaanii 7, 9, 11 fi 13 taʼe afur waan qabnuuf, duula addunyaa maraa kana hojii Abbaa Keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe irraa dhuunfaatti nuu kenname akka taʼetti ilaaluun keenya, maatiin keenya guyyaa guyyaadhaan tajaajila irratti akka hirmaatu gargaareera.”

BOOTISWAANAA

Kaagiisoo fi Liidiyaa Maaruumoon hojii daawwannaa irratti kan tajaajilan yoo taʼu, barreeffama kana isa bifa elektiroonikiitiin qophaaʼe firoota isaaniitiif ergan. Deebii galateeffannaa ibsu hedduu argataniiru. Firoota Kaagiisoo keessaa doktara kan taate tokko, barruun kun yeroo sirriitti akka dhufe ibsiteetti. Dhukkubsattoonni tokko tokko waaʼee dhimmawwan hafuuraa gaaffii akka qabanii fi ijoolleen ishii illee gocha hafuurota hamoo irratti akka hirmaatan dubbatteetti. Kaagiisoo fi Liidiyaan fira isaanii kanaa wajjin wal qunnamuudhaan galgaluma sana qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu eegalan. Amma torbanitti siʼa lama waliin qoʼatu.

Obboleessa Kaagiisoo Maaruumoo haadha manaa isaa Liidiyaa wajjin

KAANAADAA

Obboleettii Soorooyaa Toomsan

Obboleettii qajeelchituun Oontaariyoo jirtuu fi Soorooyaa Toomson jedhamtu yaada itti aanu barreessiteetti: “Duulli kun wanta caalaatti barbaachisaa taʼe irratti akkan xiyyeeffadhuu fi amma iyyuu hojii hedduun akka hafu na hubachiiseera. Kana malees, Yihowaan jaalala qabeessa akka taʼee fi eenyu iyyuu akka badu akka inni hin barbaanne ragaa taʼa. Ilaalchaa fi yaada akkasii qabaachuun koo yeroo duulaa kanatti jabaadhee akkan hojjedhu na taasiseera.”

Obboleettiin Biriitish Kolombiyaa jiraattu akkas jetteetti: “Yeroo dhiphisaa akkasiitti, miira dogoggoraa of irraa faccisuu akkan dandaʼuuf qajeelchaa gargaaraa taʼuufan murteesse. Kun immoo anis taʼe, maatiin koo miira gaarii akka qabaannu nu gargaareera.”

Waajjirri damee Kaanaadaa duulli kun maatiiwwan caalaatti akka walitti dhihaatan akka gargaare gabaaseera. Kana malees, ijoollee xixinnoon ofuma isaaniitii xalayaa gabaabaa yommuu barreessan ykn teessoo poostaa irratti barreessuu maaticha yommuu gargaaran, chaappaa yommuu itti godhanii fi teessoo barbaaduudhaan gumaacha yommuu godhan tajaajila irratti akka barbaachisan akka itti dhagaʼamu taasiseera.

FIINLAANDI

Toomiistoo inni haadha manaa isaa Eevaa wajjin hojii daawwannaa hojjetu akkas jedheera: “Jiʼi Sadaasaa as kaabatti yeroo baayʼee dukkanaaʼaa dha. Kanaafuu, obboloonnii fi obboleettonni keessumaa qajeelchitoonni duula dukkana kana ifatti jijjiireef baayʼee galateeffataniiru.”

Obboleessa Tiimoo Toomiistoo haadha manaa isaa Eevaa wajjin

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko barruu kana nama beekan tokkoof erga erganii booda, xalayaan galateeffannaa akkas jedhu isaaniif ergameera: “Harʼa, [Kitaaba Qulqulluu keessaa] Kitaaba Yaaqoob dubbisaan ture. Kitaabichi amantiin hojii hin qabne ofuma isaa duʼaa akka taʼe dubbata. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hunda fuulaa fuulatti namootaa wajjin wal arganii Kitaaba Qulqulluu isaaniif ibsu akkasumas isaan barsiisu. Isaan hojii amantii cimsu hojjetu.”

GIRIIKII

Waajjirri damee Giriikii yaada itti aanu kenneera: “Namoota hedduudhaaf dhibee daddarbaan kun, dhorkaan sana booda godhamee fi ajajni manaa akka hin baane kenname nuffisiisaa dha. Duulli kun jajjabina isaan barbaachisu isaaniif kenneera. Namoonni hedduun duulli kun yeroo rakkisaa kanatti jijjiirama gaarii akka taʼe dubbataniiru.”

Obboleettii Suuzii Koontaargirii

Obboleettiin Suuzii Koontaargiriin rakkina fayyaa cimaa kan qabduu fi maatii gama hafuuraatiin tokko hin taane keessa kan jiraattu taʼus qajeelchaa gargaaraa taʼuuf murteessite. Akkas jetteetti: “Duula kanaan kan kaʼe, yaadni dogoggoraa ani qabu hundi na irraa badeera. Ganama gammachuudhaanan hirribaa kaʼa, hojii mana keessaa nan hojjedha, nyaata nan bilcheessa, abbaa manaa koof wanta barbaachisu nan godha, achiis tajaajilan jalqaba. Abbaan manaa koo Dhugaa Baatu hin taane, obboleettotaa wajjin gammachuudhaan yommuun tajaajilu waan arguuf yeroo baayʼee, ‘harʼa tajaajila dirree qabdaa?’ jedhee na gaafata.”

JAAPPAAN

Obboleettii Taamaakii Hiirootaan qondaaltota mootummaatiif xalayaa barreessitee turte. Akkas jetteetti: “Jalqaba warra kaaniif xalayaadhaan dhugaa kan baʼe Yihowaa dha. Ilmaan namootaatiif xalayaa 66 kan barreesse yoo taʼu, namoonni isatti dhihaachuuf waggoota hedduuf irra deddeebiʼanii dubbisaniiru. Yihowaan malli kun hangam buʼa qabeessa akka taʼe beeka. Kun taʼee hin irraanfatamne dha.”

 

Obboleettii Taamaakii Hiirootaa

SIRII LAANKAA

Obboleettii Meehaaraajaa Viijaayaa fi Imaayaanaataan Amuutaan utuu hin beekin nama tokkoof xalayaa akka barreessan itti himame. Namichi ergameef sun xalayaa isa jalqabaa utuu hin dubbisin gate. Achiis xalayaa isa lammaffaa arge. Kanaafuu lammata erga naaf ergamee ergaa barbaachisaa tokko qabatee taʼuu qaba jedhee yaade. Barruu sana ni dubbise, obboleettii xalayaa isa lammaffaa isaaf ergiteef ni bilbile, akkasumas Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu eegale.

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleettii Meehaaraajaa Viijaayaa fi Imaayaanaataan Amuutaa

Abbaan taayitaa naannoo sanaa tokko barruu kana erga fudhattee booda waajjira damee Sirii Laankaaf bilbilteetti. Kiristiyaana yoo taate iyyuu matumaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argitee akka hin beekne dubbatteetti. Waaʼee barruu kanaa fi weebsaayitii keenyaa wantoota gaggaarii hedduu erga dubbattee booda, “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?” jettee gaafatte. Obboloonni namni tokko akka ishii haasofsiisu yeruma sana qophii godhan.

YUUNAAYITID ISTEETIS OOV AMEERIKAA

Babalʼisaan umurii waggaa 13 mana barumsaa yeroo baayʼee dhimma siyaasaa irratti mareen godhamutti baratu tokko duulli Sadaasaa akkamitti akka isa gargaare ibseera: “Siyaasa keessa maaliif akka hin galle barsiisotatti himuuf caalaatti amanannaa argadheera. Kunis amantii koo caalaatti cimseera.”

Obboleettii Maargiit Haariin

Obboleettii Maargiit Hariingis akkasuma ishiitti dhagaʼameera. Yaada akkas jedhu barreessiteetti: “Ija jabinaa fi hinaaffaa koo cimsachuu dandaʼeera. Jalqaba irratti daldaltootaa fi qondaaltotatti dubbachuu yaadni jedhu na dhiphisee ture. Miira garraamummaatiin amantii kootiif falmuun fuulduraaf shaakala gaarii dha.”

Jaarsi gumii tokko akkas jedheera: “Dhibee fayyaa cimaa kan qaban taʼanis, baayʼinni namoota qajeelchaa taʼanii na tuqeera. Isaan qajeelchaa taʼuuf humna akka hin qabne yaaduu dandaʼu turan. Kanaa mannaa, duula kana irratti hirmaachuuf murteessaniiru. Gammachuun isaan qabanii fi dinqisiifannaan isaan Yihowaafis taʼe obboloota isaaniitiif ibsan imimmaan nama hin qabachiisu.”

Muuxannoowwanii fi yaadawwan addunyaa mara irraa argaman hedduun jiru, garuu baayʼee waan taʼaniif hunda isaanii as irratti baasuun hin dandaʼamu. Ergaa Mootummichaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniin gaʼuun gammachuu dhugaa argamsiisa.—Yohaannis 15:11.