BITOOTESSA 20, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA
Eebba Mana Barumsaa Giiliyaad Isa Baayʼee Adda Taʼe
Eebbi barattoota Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad kutaa 148ffaan wanta tokkoon alatti eebbawwan kanan dura turanii wajjin tokkuma ture; innis galmicha keessa dhaggeeffattoonni kan hin turre taʼuu isaa ti. Obboloonni eebba kana irratti argaman hundi saganticha tamsaasa kallattiitiin hordofan. Sagantaan hafuuraa yeroo haalli fayyaa addunyaa baayʼee yaaddessaa taʼe kanatti geggeeffame kun, jaarmiyaan Yihowaa haalli yeroo jijjiiramutti akkamitti sirreeffama akka godhu argisiisa.
Sagantaan kun Bitootessa 14, 2020tti wiirtuu barnootaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Paatarsan, Niiwu Yoorkitti taasifame. Saganticha irratti dura taaʼaa kan ture obboleessa keenya Isteefan Leet isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe dha. Walumatti qabaatti kan eebbifaman barattoota 55 turan. a
Torbaanoota guyyaa eebbaa kana dura turanitti, vaayirasiin koronaa addunyaa maratti babalʼachaa akka jiru miidiyaaleen gabaasuu jalqaban. Akkuma kanaan dura jw.org irratti kutaa Oduu jedhu jalatti baʼe, waajjirri muummee Dhugaa Baatota Yihowaa haalicha xiyyeeffannaadhaan hordofaa kan jiru siʼa taʼu, yaada abbootiin taayitaa kennan irratti hundaaʼee gumiiwwan hundumaatiif qajeelfama kennaa jira.
Yaadawwan kennaman keessaa tokko, baayʼinaan walitti qabamuu dhiisuu dha. Sababa kanaa fi dhimmoota kaan irratti hundaaʼuudhaan, Qaamni Ol Aanaan saganticha irratti argamuuf keessummoonni alaa akka hin dhufne murteesse. Dabalataanis dhaggeeffattoonni galmicha keessatti akka hin argamne murteesseera. Miseensonni maatii Beetelii fi barattoonni Giiliyaad qajeelfama kana hordofuudhaan fakkeenya gaarii taʼu.—Yohaannis 13:34, 35.
Haa taʼu malee, keessummoota barattoota Giiliyaadii fi miseensota maatii Beeteliif sagantichi tamsaasa kallattiitiin darbeera. Qophiin kun godhamuun isaa michootaa fi maatiiwwan eebbifamtootaa addunyaa maratti argaman dabalatee obboloonni 10,000 ol taʼan saganticha kallattiidhaan akka hordofan dandeessiseera.
Qaamni Ol Aanaan dhukubni daddarbaan COVID-19 kun jiraatus qophiiwwan hafuuraa, keessumaa immoo walgaʼiiwwan gumii torban torbaniin godhannu irratti hirmaachuu keenya akka itti fufnu barbaada. Kanaan kan kaʼes, Qaamni Ol Aanaan dhiheenya kana haala naannoo irratti hundaaʼuudhaan akkaataa itti walgaʼiiwwan gumii qindeessuun dandaʼamu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe waajjiroota dameetiif kenneera. Kunis garee xixinnoodhaan walitti qabamuu ykn malawwan elektirooniksii kan akka viidiyoo koonfiransiitti fayyadamuudhaan walitti qabamuu kan gaafatu dha. Obboloonni keenya addunyaa maratti argaman, nyaata hafuuraa utuu wal irraa hin citin gumiiwwan hundumaatiif kennamu irraa fayyadamuu isaanii akka itti fufan ni abdanna.
Gufuuwwan akka jaarmiyaatti nu mudatan dandamachuu akka dandeenyuuf hafuurri Yihowaa akka nu hin gargaarre wanti dhowwuu dandaʼu tokko iyyuu akka hin jirre ifa dha.—Faarfannaa 18:29, Hiika Addunyaa Haaraa.
a Sagantaan Eebba Giiliyaad kutaa 148ffaa guutuun isaa Waxabajjii 2020tti jw.org irratti ni baʼa.