Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Artam Shaablii

EBLA 1, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Eegumsi Yihowaa ‘Akkuma Dallaa Dhagaati’

Eegumsi Yihowaa ‘Akkuma Dallaa Dhagaati’

Guraandhala 16, 2022​tti Manni Murtii Magaalaa Keerich Riippuublikii Kiriimiyaa Obboleessa keenya Artam Shaablii irratti himata banuudhaan hidhaa waggaa lamaa isatti murteesseera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa galuun isarraa hin eegamu.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 26, 2020

    Humnoonni nageenyaa mana Artamii fi manneen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan kan biroo afur weeraran. Yeroo kanatti, abbootiin taayitaa foddaa waan cabsaniif, daawwitiin caccabe miila mucaa Artam isa umuriin isaa waggaa afur taʼee muree ture. Mana Artam saʼaatii sadiif erga sakattaʼanii booda, guyyaa sadiif mooraa kophaatti baʼee jiru keessa isa tursan

  2. Waxabajjii 9, 2020

    Artam gabaasa sakattaʼiinsaa isa himachuuf dhihaate akka isatti argisiisu Mana Murtii Magaalaa Keerich gaafate. Gabaasa sana akka isatti argisiisu seerri kan ajaju taʼus manni murtii sun gaaffii isaa fudhachuu dide

  3. Caamsaa 24, 2021

    Mana murtiitti dhihaate. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun isa deggeruuf gara mana murtii kan dhufan taʼus, akka seenan isaaniif hin heyyamamne

Ibsa Gabaabaa

Muuxannoon Artam akka argisiisutti Yihowaan namoota amanamummaadhaan isa waaqeffatan deggeruu isaa itti fufa. Inni obbolootaa fi obboleettota keenya jaallatamoo Kiriimiyaa fi Raashiyaa jiran hundaaf kattaa, dahoo fi iddoo amansiisaa kooluu itti galan taʼuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 18:2.