Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 25, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Fiilmiin Seenaa Tajaajila Yesuus Jedhamu Qopheeffamuu Jalqabe

Fiilmiin Seenaa Tajaajila Yesuus Jedhamu Qopheeffamuu Jalqabe

Waggoota sadiif karoorfachaa, qophii gochaa fi kadhannaan garaadhaa madde dhihaachaa erga turee booda, fiilmiin Seenaa Tajaajila Yesuus jedhamu Jimaata, Caamsaa 20, 2022​tti qopha‵uu jalqabe. Gareen addunyaa mara irraa Awustiraaliyaatti walitti qabame hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun jalqabamuu isaatti baayʼee gammadeera. Obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee fi yommuu hojiin kun eegaletti achi ture akkana jedheera: “Fiilmii gara daqiiqaa 1,000 akka taʼe tilmaamuu fi seenaa jireenya Yesuus ibsu, akkasumas sammuu fi garaa namoota miliyoonaan lakkaaʼaman tuqu danda‵u kana waraabuuf fedhii guddaa qaban ijaan arguun baayʼee nama gammachiisa.”