Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 1, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Fulbaana 2024 Addunyaa Maratti Kitaabonni Qulqulluun Torba Ni Ba’an

Fulbaana 2024 Addunyaa Maratti Kitaabonni Qulqulluun Torba Ni Ba’an

Afaan Mallattoo Xaaliyaanii

Fulbaana 1, 2024, Obboleessi Masimiliyaanoo Biriikoonii inni miseensa Koree Waajjira Damee Xaaliyaanii taʼe Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Xaaliyaanii guutuun isaa baʼuusaa beeksiseera. Kitaabni kun baʼuunsaa kan beeksifame, bakka namoonni 854 Walgaʼii Naannoo 2024 “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fI Galma Walgaʼii Guddaa Roomaa, Xaaliyaanii jirutti walitti qabamanitti ture. Kitaaba kana yeruma sana appilikeeshinii Afaan Mallattoo JW Library fi jw.org irraa buufachuun akka dandaʼamu qophiin godhamee ture.

Kun hiikkaa Kitaaba Qulqulluu guutuu Afaan Mallattoo Xaaliyaaniitiin baʼe isa jalqabaati. Dhugaa Baatonni Yihowaa Afaan Mallattoo Xaaliyaaniitiin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qopheessuu kan eegalan bara 1998 ture. Yeroo ammaa guutummaa Xaaliyaaniitti obboloonnii fi obboleettonni 845 gumiiwwan Afaan Mallattoo Xaaliyaanii 15, gareewwan 12 fi gar dureewwan 10 keessatti tajaajilaa jiru.

Ruutooroo

Fulbaana 6, 2024, miseensa Koree Waajjira Damee Ugaandaa kan taʼe Obboleessi Fireediriik Niyeendee kitaaba Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis afaan Ruutoorootiin baaseera. Kitaabonni kun kan beeksifaman Walgaʼii Naannoo 2024 “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fi Hoyimaa, Ugaandaatti godhamerratti ture. Namoonni walgaʼicharra turan 928 hundi Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos jedhamu isa maxxanfame fudhataniiru. Dabalataanis, kitaabota arfanuu jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun akka dandaʼamu qophiin godhamee ture .

Ugaandaatti namoonni gara miliyoona 2.2 taʼan afaan Ruutooroo ykn afaan Ruunyooroo isa isatti dhihaatu ni dubbatu. Hiikkaawwan Kitaabota Qulqulluu afaanota kanaan jiran baayʼeen isaanii maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa Yihowaa jedhamu hin qaban. Ugaandaatti obboloonnii fi obboleettonni gumii afaan Ruutooroo lamaa fi gumii afaan Ruunyooroo afur keessatti tajaajilan 374, Wangeelota arfan hiikkaa sirrii fi ifa taʼe qabatan tajaajilaa fi walgaʼiirratti fayyadamuu dandaʼuu isaanitti baayʼee gammadaniiru.

Wiiguur (Arabaa) fi Wiiguur (Siriliik)

Fulbaana 8, 2024, walgaʼii addaa waajjira damee Kaazaakistaan isa Almaatii, Kaazaakistaanitti argamutti godhamerratti, kitaabni Maatewos inni qubee Wiiguur (Arabaa) fi Wiiguur (Siriliik) fayyadamuudhaan qophaaʼee baʼeera. Walgaʼii kanarratti namoonni 483 argamaniiru. Kitaaba Maatewos isa qubee Wiiguur (Arabaa) fi Wiiguur (Siriliik) fayyadamuudhaan qophaaʼe kana yeruma sana jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa buufachuun akka dandaʼamuuf qophiin godhameera.

Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu afaan Wiiguur (Arabaa) fi (Siriliikiitiin) jiran hedduun jechoota durii waan fayyadamaniif namoonni dubbisan hedduun hubachuun baayʼee isaanitti ulfaata. Namoota afaan Wiiguur dubbatan gara miliyoona 11 taʼan keessaa yeroo harʼaa hedduun isaanii Eeshiyaa keessa jiraatu. Haataʼu malee, Afriikaa, Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessas namoonni afaan Wiiguur dubbatan jiru.

Lihukoonzoo

Fulbaana 13, 2024, Walgaʼii Naannoo “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamu isa Biweeraa, Ugaandaatti godhamee fi namoonni 925 irratti argamanirratti obboleessi Mooses Uundoo inni miseensa Koree Waajjira Damee Ugaandaa taʼe kitaabni Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis afaan Lihukoonzootiin baʼuusaa beeksiseera. Namoonni walgaʼicharratti argaman hundi Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos isa maxxanfame tokko tokko argataniiru. Dabalataanis, Wangeelota arfanuu jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun akka dandaʼamuuf qophiin godhameera.

Ugaandaatti afaan Lihukoonzoo yoo xinnaate namoota miliyoona tokkotu dubbata. Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu afaan Lihukoonzootti hiikuu kan eegalan bara 2001​ttidha. Yeroo ammaa gumii afaan Lihukoonzoo jaʼa keessatti obbolootaa fi obboleettota 324tu tajaajilaa jira.

Ingiliffa Laayibeeriyaa

Fulbaana 15, 2024, Obboleessi Yetroo Barkileey inni miseensa Koree Waajjira Damee Laayibeeriyaa taʼe sagantaa addaa Galma Walgaʼii Guguddaa Joonsenviili, Laayibeeriyaatti godhamerratti kitaabni Maatewosii fi Maarqos afaan Ingiliffaa Laayibeeriyaatiin baʼuusaa beeksiseera. Walgaʼii addaa kanarratti namoonni 1,176 qaamaan argamaniiru. Kana malees, guutummaa Laayibeeriyaatti gumiiwwan Ingiliffaa Laayibeeriyaatiin geggeeffaman hundi viidiyookonfiransiitiin akka hordofan heyyamni kennameera. Kitaabota lamaanuu yeruma sana jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa buufachuun akka dandaʼamuuf qophiin godhameera. Kitaabni Qulqulluun—Wangeelli Maatewos inni maxxanfame yeroo dhihootti obboloota bira gaʼa.

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu tokko tokko afaan Ingiliffaa Laayibeeriyaatiin kan qophaaʼan taʼanis, argachuun kan dandaʼamu sagaleedhaan qofadha. Haataʼu malee, kutaan Dubbii Waaqayyoo tokko barreeffamaan afaan Ingiliffaa Laayibeeriyaatti yommuu hiikamu inni haaraa baʼe kun isa jalqabaati. Afaan hojii Laayibeeriyaa Ingiliffaadha; taʼus obboloota keenya 7,034 gumii 120 keessatti argaman dabalatee namoonni gara miliyoona 1.6 taʼan Ingiliffaa Laayibeeriyaa dubbatu.

Naawatla (Reerreeroo)

Fulbaana 20, 2024, Obboleessi Lasaroo Gonzaalez, inni Koree Waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa taʼe, Walgaʼii Naannoo 2024 “Misiraachicha Lallabaa!” jedhamuu fi Galma Walgaʼii Guddaa Chooppensiingoo isa Reerreeroo, Meeksikootti argamutti godhamerratti kitaaba Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis beeksiseera. Walgaʼii kanarratti walumaagala namoonni 769 argamaniiru. Kana malees, namoonni 742 walgaʼii naannoo Tilaapaa dee Koomonfoortitti godhamerratti argaman viidiyookoonfiraasiidhaan hirmaataniiru. Bakka lamaanittuu namoonni walgaʼii kanarratti argaman Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos isa maxxanfame argataniiru, akkasumas Wangeelota arfanuu jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa buufachuun akka dandaʼamuuf qophiin godhameera.

Meeksikootti afaan Naawatla (Reerreeroo) namoota gara 250,000tu dubbata. Gumiin afaan Naawatla (Reerreeroo) inni jalqabaa kan hundaaʼe bara 1987​ttidha. Yeroo ammaa guutummaa biyyichaatti obboloonni 1,216 gumii afaan Naawatla (Reerreeroo) 37 fi tuuta 2 keessatti tajaajilaa jiru.