Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 20, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Golfaa COVID-19n kan Kaʼe Mala Elektiroonikiitiin Buusii Gochuu

Golfaa COVID-19n kan Kaʼe Mala Elektiroonikiitiin Buusii Gochuu

Obboloonnii fi obboleettonni keenya biyyoota hedduu keessa jiran sababii vaayirasii koronaatiin mala itti lallabanii fi waliin itti waaqeffatan jijjiiruun isaan barbaachiseera. Haala hedduu keessatti walgaʼii Galma Walgaʼiitti taasifamu irratti argamuun yeroodhaaf walgaʼii viidiyoo koonfiransiitiin taasifamuun bakka buufameera. Kanaan kan kaʼes, hedduun isaanii karaa hojii lallabaa addunyaa maratti taasifamu itti deggeran irratti sirreeffama gochuudhaan intarneetiidhaan buusii gochaa jiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 112 ol keessa jiraatan intarneetiidhaan buusii gochuuf donate.pr418.com fayyadamanii mala elektiroonikiitiin deebiitii ykn kireediit kaardii fayyadamanii buusii gochuu dandaʼu.

Harki caalaan babalʼistootaa karaa Galma Walgaʼii isaanii buusii gochuu waan hin dandeenyeef, donate.pr418.com fayyadamanii mala jiʼa jiʼaan qarshii dabarsuun buusii gochuuf karoora baafataniiru. Obboleettiin Yunaayitid Isteetis Suuzaan Koohan jedhamanii fi umuriin isaanii waggaa 74 taʼe haala kanaan buusii gochaa jiru. Akkana jedhaniiru: “Kun baayʼee salphaa dha; ani akkana gochuu ergan dandaʼee, eenyu iyyuu gochuu ni dandaʼa. Amma illee hojii lallabaa addunyaa maratti taasifamuuf buusii gochuu dandaʼuu koo beekuun baayʼee na gammachiisa.”

Obboleessi Biraaziil Edwaardoo Paayivaa jedhamu donate.pr418.com mala dabalataa yeroo qaamaan dhaqanii buusii gochuun hin dandaʼamnetti itti fayyadamnu akka taʼetti yaada ture. Akkana jedheera: “Dhiheenya kana, malli kun mala baayʼee gaarii yeroo gargaarsi hatattamaa barbaachisutti hojii lallabaa addunyaa maratti taasifamu deggeruu keenya itti fufuuf gargaaru taʼuu isaa hubadheera. Guyyoota dhumaa kanatti karaa kanaan galateeffannaa fi jaalala keenya argisiisuu keenya itti fufuu dandeenya.”

Obboleessi keenya Gajus Glockentin inni Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niwuu Yoorki keessatti Biroo qabeenya jaarmiyichaa toʼatu (Treasurer’s Office) keessaa hojjetu akkana jedheera: “Fedhii guddaa obboloonni hojii lallabaa deggeruuf qaban arguun amantii namaa kan cimsu dha. Buusiiwwan kana akka laayyootti hin ilaallu. Qarshii buusii godhame maal irra oolchuu akka dandeenyu beekuuf, yeroo hundumaa karaa itti baasii jaarmiyichi baasu hirʼisuu dandeenyu ni qorra. Obboloonni tokko tokko buusii godhan hirʼisuun kan isaan barbaachise taʼu illee, fedhiin isaan jaarmiyaa Yihowaa deggeruuf qaban hin hirʼanne.”—2 Qorontos 9:7.