BITOOTESSA 10, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afriikaa Kibbaatti Baʼan
Bitootessa 5, 2023tti, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe obboleessi keenya Deevid Ispileen Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Mallattoo Afrikaa Kibbaatiin (Afrikaa Kibbaatti SASL jedhamee beekama) akka baʼee fi kitaabni Maatewos Afaan Nidoongaatiin akka baʼe beeksisee ture. Obboleessi keenya Ispileen Kitaabota Qulqulluu kana kan beeksise sagantaa addaa waajjira damee Afrikaa Kibbaatti geggeeffame tokkorratti. Gumiiwwan hedduun sagantaa kana intarneetiidhaan hordofaniiru. Walumaa galatti namoonni 130,000 ol taʼan saganticha hordofaniiru. Namoonni saganticharratti argaman Kitaabonni Qulqulluun kun baʼuun isaanii akkuma beeksifameen isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe buufachuu dandaʼaniiru.
Gara Afaan Mallattoo Afrikaa Kibbaatti hiikuun kan jalqabame bara 2007tti, waajjira damee Afrikaa Kibbaa naannoo Johaanisbargitti argamuttidha. Bara 2022tti gareen hiikkaa kun gara waajjira hiikkaa fagoo Darbaanitti argamuutti geeffame. Jaarsa gumii kan taʼe obboleessi keenya Ayaandaan inni gurri isaa hin dhageenye Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Afrikaa Kibbaatiin baʼe kana ilaalchisee akkana jedheera: “Namni gurri isaa hin dhageenye tokko hiikkaa kanarraa Dubbiin Waaqayyoo humna akka qabuu fi dhugaa taʼuu isaa caalaatti hubachuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Afrikaa Kibbaatiin qophaaʼe argachuun koo eenyummaa Yesuusis taʼe dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf na gargaara. Kunimmoo ilaalcha koorratti dhiibbaa guddaa godha.”
Afaan Nidoongaa balʼinaan kan dubbatamu Naamiibiyaa keessatti yeroo taʼu, waajjirri hiikkaa fagoo Afaan Nidoongaa kan argamu Ondaangiwaa keessatti. a Obboleessi hojii hiikkaarratti hirmaatu tokko, “Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa Yihowaan namoota akka jaallatuu fi beekumsa dhugaa waaʼee isaa ibsu akka baratan akka barbaadu na yaadachiiseera” jedheera.
Obbolootaa fi obboleettota keenya hiikkaawwan kanarraa fayyadaman wajjin ni gammanna. Hiikkaawwan sirrii taʼan kun ajajawwan Yihowaatiif iddoo guddaa kennuu isaanii akka itti fufan isaan gargaaru.—Fakkeenya 2:1.
a Hojii Naamiibiyaatti hojjetamu kan toʼatu waajjira damee Afrikaa Kibbaati.