Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 17, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Taajiikiitiin Qopheeffame Akka Baʼe Karaa Viidiyoo Koonfiransii Beeksifame

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Taajiikiitiin Qopheeffame Akka Baʼe Karaa Viidiyoo Koonfiransii Beeksifame

Waxabajjii 13, 2021⁠tti obboleessi keenya Maarki Saandarsan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Taajiikiitiin qopheeffame akka baʼe beeksise. Kitaabni Qulqulluun bifa elektiroonikiitiin qophaaʼe kun baʼuun isaa kan ibsame sagantaa dursee waraabameeni dha.

Hojii Kana Ilaalchisee Ibsawwan Tokko Tokko

  • Afaan Taajiikii walumaa galatti namoota miliyoona 14 taʼantu dubbata; isaan keessaa namoonni miliyoona 5 kan taʼan Taajiikistaan keessa jiraatu

  • Obboloonni biyyoota garaa garaa jiraatan Hojii hiikkaa kana xumuruuf gara waggaa afuriitiif hojjetaniiru

Obboloota hojii hiikkaa irratti hirmaatan keessaa tokko akkana jedheera: “Dubbistoonni Afaan Taajiikiitiin Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa dubbisan hiika isaa dafanii hubatu; akkamitti hojii irra akka oolchan beekuunis isaan hin rakkisu. Hundi isaanii iyyuu gara Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu barreessisetti akka dhihaatan akka gargaaru hin shakkisiisu.”—Yaaqoob 4:8.