Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 14, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Inni Fooyyeffame Afaan Saamooʼaatiin Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Inni Fooyyeffame Afaan Saamooʼaatiin Baʼe

Onkoloolessa 9, 2022​tti, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa inni fooyyeffame Afaan Saamooʼaatiin baʼe. Obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan inni Miseensa Qaama olaanaa taʼe, kitaabni kun baʼuusaa haasaa dursee waraabameen kan beeksise yommuu taʼu, babalʼistoonni Ameerikaan Saamooʼaa, Awustiraaliyaa, Niiwu Ziilaandii fi Saamooʼaa keessa jiran saganticha hordofaniiru. Akkuma haasichi xumurameen, Kitaabni Qulqulluun inni bifa maxxansaatiin qophaaʼe dhaggeeffattootaaf kan raabsame yommuu taʼu, isa bifa dijitaalaatiin jirummoo garagalfachuun akka dandaʼamu taasifame.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Saamooʼaa keessatti lallabuu kan jalqaban bara 1931​tti yommuu taʼu, gumiin inni jalqabaa immoo bara 1953​tti Apiyaatti hundeeffame. Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Saamooʼaatiin jalqaba kan baʼe bara 2009​tti ture. Babalʼistoonnii fi namoonni kaan Hiika Addunyaa Haaraa sirrii taʼee fi salphaatti argachuun dandaʼamu kana argachuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru.

Waajjira hiikkaa fagoo Afaan Saamooʼaa Siiwuseegaa, Saamooʼaa keessatti argamu

Kitaaba haaraa fooyyeffamee qophaaʼe kana irratti ergaa isaa irratti jijjiirama utuu hin godhin jechoota ammayyaa hubatamuu dandaʼanii fi dubbisuuf nama hawwatan fayyadamuuf carraaqqii cimaan godhameera. Obboleessi hojii hiikkaa hojjetu tokko akkana jedheera: “Namoonni Saamooʼaa Kitaaba Qulqulluuf kabaja guddaa qabu. Kana sammuutti qabachuudhaan, gareen kitaaba kana hiike jechoota namoonni guyyaa guyyaatti itti fayyadamanii fi hubachuuf salphaa taʼanitti fayyadameera. Amma, gargaarsa Yihowaatiin Kitaaba Qulqulluu fooyyeffamee qophaaʼee fi hunduma keenya fayyadu afaan Saamooʼaatiin argachuu dandeenyeerra.”

Hiikni kun, dubbistoonni yaada Waaqa keenya Yihowaa isa gatii guddaa qaburraa caalaatti akka fayyadaman kan gargaaru akka taʼu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 139:17.