Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana Indooneezyiyaa keessa jiruu fi balaa sanaan miidhame

EBLA 19, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

Indooneezyiyaa fi Timoor Leesteen Obomboleettii Saayikloon Serojaa Jedhamuun Rukutaman

Indooneezyiyaa fi Timoor Leesteen Obomboleettii Saayikloon Serojaa Jedhamuun Rukutaman

Iddoo

Odolawwan Baha Nusaa Tengaaraa isa baha Indooneezyiyaatti argamuu fi Timoor Leestee

Balaa

  • Ebla 4, 2021⁠tti Saayikloon Serojaan balaa cimaa geessiseera, namoonni hedduunis qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼe

  • Yoo xiqqaate namoonni 236 taʼan qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

Indooneezyiyaa

  • Manneen 45 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 8 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 3 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Timoor Leestee

  • Manneen 19 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 10 irra miidhaa cimaan gaʼeera

Hojii gargaarsa

  • Indooneezyiyaa keessatti gargaarsa barbaachisu akka kennuuf Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hundeeffameera. Koreen Gargaarsaa kun hojii Galmawwan Walgaʼii miidhamanii fi manneen miidhaa cimaan irra gaʼe suphuu qindeessaa jira

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa naannoo sana jiran obbolootaa fi obboleettotaaf gargaarsa hafuuraa fi jajjabina kennaa jiru

  • Obomboleettiin sun gaʼee utuma baayʼee hin turin jaarsoliin gumii, obboloonnii fi obboleettonni qeʼee isaanii irraa buqqaʼan iddoo yeroodhaaf keessa turan akka argatan qophii godhaniiru. Nyaata, bishaanii fi wantoota barbaachisan kaanis isaaniif raabsaniiru. Hojii manneen miidhaman qulqulleessuu qindeessuu irrattis gargaarsa godhaniiru

  • Jaarsoliin Timoor Leestee keessa jiran manneen miidhaman qulqulleessuu, nyaata raabsuu fi wantoota barbaachisan kan biroo dhiheessuu jalqabaniiru. Kana malees,obboloota qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniif bakka yeroodhaaf keessa turan qopheessaniiru

  • Gargaarsi kenname hundi seera Kooviid 19 irraa of eeguuf kenname kan hordofuu dha

Deeggarsa Yihowaan karaa “tajaajila gargaarsaa” gumii Kiristiyaanaatiin dhiheesseef baayʼee isa galateeffanna.—2 Qorontos 9:13.