Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 30, 2021
ODUU ADDUNYAA MARAA

JW.ORG Irratti Filannoo Haaraan Dabalameera

JW.ORG Irratti Filannoo Haaraan Dabalameera

Dhiheenya kana wanti namoonni hedduun gaafachaa turan tokko jw.org irratti dabalameera. Amma jw.org ibsuu ykn dukkaneessuu dandeessu.

Filannoon dukkaneessuuf gargaaru duuba barreeffamootaa fi fakkiiwwanii dukkaneessa. Filannoon kun ifa xinnoo waan qabuuf namoonni tokko tokko kana fayyadamuu jaallatu. Kun keessumaa halkan ykn yeroo ifti gaʼaan hin jirretti dhukkubbii ijaa hirʼisuuf gargaara. Kana malees, namoota dandeettiin arguu isaanii gad aanaa taʼe ykn ifa hedduu hin jaallanne gargaaruu dandaʼa.

Filannoo ifa jijjiiruuf gargaaru argachuuf gara miiljalee fuulichaa dhaquudhaan filannoo “Ifasaa jijjiiri” jedhu tuqi. Jw.org sirreeffama dursitee meeshaa kee irratti goote akka hordofu yoo barbaadde filannoo “Akkuma jirutti dhiisi” jedhu filadhu. Yookiin filannoo kana irraa adda taʼe akka sii fidu yoo barbaadde immoo filannoo “Ibsi ykn Dukkaneessi” jedhu filachuu dandeessa.

Filannoon haaraan kun hanga ammaatti appilikeeshinii JW Laayibirarii irratti hin baane; fuulduratti garuu ni dabalama. Weebsaayitii fi Appilikeeshinoonni keenya nyaata hafuuraa hedduu soorachuuf nu gargaaran fooyyaʼaa deemuu isaanitti Yihowaa ni galateeffanna.