SADAASA 22, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
JW.ORG Irratti Wantoota Dubbisiisuuf Gargaaran Dabalataa
2019 kaasee meeshaawwan Amazon Alexa ykn Google Assistantiitti fayyadaman jw.org irraa qabiyyeewwan filataman dubbisaa jiru. Amma wantoonni dubbisiisuuf gargaaran dabalataa kun barreeffamoota tajaajilaa fi walgaʼiiwwan keenyaaf fayyadamnu dabalataa dhaggeeffachuuf nu dandeessisu. Kan nama gaddisiisu Waxabajjii 2023 kaasee Google Assistant wantoota kana nuuf hojjechuu dhaaba. Hammasitti garuu itti fayyadamuun ni dandaʼama. Haataʼu malee jw.org skill, inni Amazon Alexa fayyadamuuf gargaaru hojjechuu isaa itti fufa.
Amma fayyadamtoonni meeshaan isaanii sagantaa torbanii barreeffama Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa fi Qabxii Qoʼannaa birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu irra jiru akka isaaniif dubbisu gochuu dandaʼu. Babalʼistoonni yommuu qoʼachiisuuf qophaaʼanitti kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irraa barumsa qoʼachiisuuf jedhan akka isaaniif dubbisu gochuu dandaʼu.
Dabalataanis, fayyadamtoonni kitaaba Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu irraa faarfannaa gumii irratti faarfatamu, akkasumas isa sagalee ykn meeshaadhaan qophaaʼe dhaggeeffachuu dandaʼu. Gabaasawwan Qaama Olaanaa dhiheenyatti qophaaʼanis akka nuuf taphachiisu gochuu dandeenya.
Itti fayyadama tokkon tokkon wantoota dubbisiisuuf gargaaran kanaa beekuudhaaf, mata duree, Help tutorials “Use the JW.ORG Skill for Amazon Alexa” ykn “Use the JW.ORG Action for Google Assistant” jedhu ilaali.
Namoonni meeshaan isaanii wanta kana isaaniif hin hojjenne immoo moobaayiloota, taableetootaa fi koompitaroota isaanii irratti Alexa app buufachuudhaan tajaajila wal fakkaataa argachuu dandaʼu.
Qabiyyeewwan haaraan kun keessumaa namoota ijji isaanii hin argine ykn sirriitti hin argine baayʼee gargaaru. Michuu ijji isaa sirriitti hin argine qabda taanaan wanta dubbisiisuuf gargaaru kana isaaf sirreessuu ykn appilikeeshinii wanta kana isaaf hojjetu isaaf feʼuu fi itti fayyadama isaa itti agarsiisuudhaan isa gargaaruu dandeessaa?