Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 21, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

JW.ORG Waggaa Kudhan Guute—Kutaa 3

Hojii Tajaajilaa Gargaaruu

JW.ORG Waggaa Kudhan Guute—Kutaa 3

Mata duree kana dura baʼerratti jw.org barreeffamoota keenya bifa dijitaalaa fi viidiyoowwaniin akkasumas waaʼee obboloota keenya addunyaa maraa oduu sirrii qabatee baʼaa akka ture ibsameera. Mata duree walitti aansee baʼe keessaa inni xumuraa kun jw.org hojii lallabaa addunyaa maraa geggeessuuf akkamitti akka gargaare ibsa.

Afaanota: Hagayya 2012​tti weebsaayitiin bifa haaraatiin yeroo baʼe, afaan 139 qabatee ture. Hagayya 2014, yeroo duulli tiraaktii weebsaayitii kana beeksisuu godhametti baayʼinni afaan kanaa 500 ol taʼeera. Kunis afaanota mallattoo 22 kan dabalatudha. Yeroo harʼaa afaan mallattoo 100 ol dabalatee weebsaayitii kana irratti afaan 1,070 ol taʼuun barumsawwan ni baʼu.

Mata dureewwan yerootti baʼan: Onkoloolessa 2019​tti weebsaayitiin jw.org fuula jalqabaa irratti mata duree ijoo fakkii guddaa xiyyeeffannaa harkisuu fi mata dureewwan achi jala jiran sadii qabatee akka baʼu fooyyeffame. Diizaayinii haaraan kun barumsawwan weebsaayiticha irratti baʼan caalaatti tajaajilaa wajjin walitti dhufeenya qaban kan ibsudha. Yeroo boodammoo, dippaartimentoonni Barreeffamaa fi Aartii karaa itti mata duree ijoo fi fakkichi karaa itti yeroo hunda odeeffannoo haaraa wantoota addunyaa maratti raawwatan ibsu akka argatan qindeessan. Fakkeenyaaf, fuulli jalqabaa mata duree weerara dhibee Kooviid-19, waraana Raashiyaa fi Yuukreen akkasumas rakkina sababa waraanichaatiin baqattoota mudate qabateera.

Odeeffannoo Sirrii Waaʼee Keenya Ibsu: Weebsaayitiin jw.org namoonni fedhii qaban jaarmiyaa fi hojii keenya ilaalchisee odeeffannoo sirrii argachuuf gargaaru qabateera. Namoonni caalaatti barachuu barbaadan Dhugaa Baatota Yihowaa akkamitti argachuu akka dandaʼanis ni ibsa. Dubartiin gurri ishii hin dhageenye tokko mana barumsaa sadarkaa giddu galeessaa yeroo turtetti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachaa kan turte taʼus bakka sanaa yeroo deemtetti isaan argachuu hin dandeenye. Qoʼannaa ishii itti fufuu kan barbaadde taʼus namni mana ishii isa haaraa deemee ishii gaafate hin turre. Yeroo kanatti weebsaayitii jw.org yaadachuudhaan yeruma sana dhaqanii akka ishii gaafataniif foormii weebsaayitii irra jiru guuttee ergite. Guyyoota muraasa gidduutti qajeelchitoonni addaa lama mana ishii rurrukutan. Qoʼannaa ishii itti fufuu qofa utuu hin taʼin walgaʼiiwwan irrattis argamuu jalqabde. Amma kan cuuphamte yeroo taʼu ijoollee ishii sadan waaʼee Yihowaa barsiisaa jirti. Akkana jetteetti: “Weebsaayitii kana ilaalchisee Yihowaa baayʼeen galateeffadha, weebsaayitii kana utuun guutuu hin dandeenye taʼe, bakka biraa deemee akka carraa hangan Dhugaa Baatuu tokko argutti eeguun qaban ture.”

Namoota hedduudhaaf lallabuuf carraaqqii yeroo goonu kanatti, jaarmiyaan Yihowaa meeshaa buʼa qabeessa tajaajila irratti barbaachisu dhiheessuu isaa itti fufuun isaa baayʼee nu jajjabeessa.—Isaayyaas 60:22.

  • Viidiyoowwan jiʼa jiʼaan buufaman

  • Guyyaa guyyaan bananii kan ilaalan jiʼa jiʼaan

  • Bitootessa 2013 weebsaayitiin keenya jw.org jedhu ni baʼe

  • Adoolessa 2014 weebsaayitiin afaanota mallattoo ni baʼe

  • Onkoloolessa 2019 weebsaayitiin keenya caalaatti namoota akka hawwatu godhamee fooyyeffame

  • Amajjii 2021​tti kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu ni baʼe