Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Aleeksaandar Ursuu

SADAASA 4, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Jireenya obsaan dabarse ilaalchisee yaada obboleessi waggaa 80 Aleeksaandar Ursuun Dubbate

Jireenya obsaan dabarse ilaalchisee yaada obboleessi waggaa 80 Aleeksaandar Ursuun Dubbate

“Yihowaan kanaan dura nu kunuunseera, fuuldurattis akka nu kunuunsu beeka.”

Obboleessi Aleeksaandar Ursuun yeroo sanatti waggaa 78 yoo taʼu, daandii qalʼoo tokko irratti ilma isaa Viiktooriin nagaa gaafachuuf mana isaa isa Dizhaankooyi, Kireemiyaa jiruu gad baʼe. Yeroon isaa Sadaasa 15, 2018 galgala ture. Aleeksaandar ifa fuuldura isaatii isatti ifu argee baayʼee rifate. Taʼus suuta jedhee gara ifichaatti deeme. Achiis akkuma tasaa namni tokko iyyee “Dhaabadhu! Poolisii dha!” yommuu jedhu dhagaʼe.

Aleeksaandar obboloonni tokko tokko itti qoosaa waan jiran itti fakkaatee ture; taʼus yeruma sana qoosaa akka hin taane hubate. Namni fuula haguuggate tokko harka Aleeksaandar qabee humnaan duubatti micciire. Namni fuula haguuggate kan biraan immoo isa kabale. Poolisoonni Nageenya Fedaraalaa jaʼa meeshaa waraanaa hidhatan humnaan mana isaatti seenuu isaanii dura Aleeksaandarii fi Viiktooriin sakattaʼan.

Yeroo Poolisoonni sun humnaan ol seenan haati manaa Aleeksaandar, Niinaan kushinaa turte. Poolisiin tokko moobaayilii ishii harkaa butee maal ilaalaa akka jirtu ishii gaafate. Poolisoonni sun saʼaatii dheeraaf mana isaanii kan sakattaʼan taʼus, barreeffamoota Raashiyaan yaada finxaaleyyii akka qabatanitti ilaaltu tokko illee hin arganne.

Obboleessa Aleeksaandar Ursuu bara 2020⁠tti haadha manaa isaa Niinaa wajjin

Obboleessi keenya inni maanguddoon kun hin hidhamne. Taʼus Aleeksaandarii fi Obboloonni keenya kaan Raashiyaa fi Kireemiyaa jiran yeroo kamitti iyyuu manni isaanii sakattaʼamuu fi hidhamuu akka dandaʼan beeku. Aleeksaandar haala kana dandamachuuf, dhaala hafuuraa isaa fi muuxannoo yeroo bulchiinsa Sooviyeetiin ariʼatametti argate irratti xiinxala.

Adoolessa 6, 1949 yeroo Aleeksaandar waggaa 9 turetti, loltoonni Sooviyeet halkan qixxee mana isaanii seenuudhaan sakattaʼanii turan. Achiis miʼa isaanii lafatti daddarbachuudhaan akka walitti qabatan isaanitti himan. Aleeksaandar wanta yaadatu akka itti aanutti dubbateera: “Haati koo loltoonni sun utuu ishii hin argin, Kitaaba Baganaa Waaqayyoo jedhamu dabalatee barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kaan dhoksitee kaaʼatte.” Loltoonni sun guutummaa maaitchaa buufata baaburaatti geessan.

Maatiin Aleeksaandar Dhugaa Baatota kaanii wajjin yeroo baaburaan gara Saayibeeraa deemanitti sodaa tokko malee faarfannaa Mootummichaa faarfatu turan. Maatiin kun obboloota kumaan lakkaaʼamanii fi bara 1949 hanga 1951⁠tti Saayibeeriyaatti geeffaman keessa turan.

Obboloonni kun baroota 1950man keessa yeroo Saayibeeriyaa turanitti dhoksaadhaan lafa qonnaatti walgaʼii godhu turan. Maatiiwwan tokko tokko walgaʼii kana irratti argamuuf gara kiilomeetira 20 deemu turan.

Aleeksaandar fakkeenya gaarii miseensonni maatii isaa amanamoon isaaf dhiisan irraa fayyadameera. Akaakiliin isaa Maakar; akaakayyuun isaa Maaksiim; eessumni isaa Vilaadmiir; akkasumas abbaan isaa Piyootir jabaatanii dhaabachuu irratti fakkeenya gaarii isaaf taʼaniiru.

Fakkii karaa bitaa jiru: Obboleessa Aleeksaandar Ursuu ilma isaa Viiktooriin baatee; haadha manaa isaa Niinaa; haadha isaa, Naadeezhaadaa; abbaa isaa Piyootir Diinaa (intala Aleeksaandar) baatee. Fakkii karaa mirgaa jiru: Obboleessa Vilaadmiir Ursuu, Maaksiim obboleessa akaakayyuu Aleeksaandar. Vilaadmiirii fi Maaksiim lamaanuu mana hidhaatti duʼan.

Abbaan Aleeksaandar bara 1944⁠tti tajaajila loltummaa kennuu waan dideef hidhaan waggaa kudhanii itti murteeffame. Taʼus, lafeen dugdaa isaa cabuu isaatiin kan kaʼe waan naafateef waggaa sadii booda manatti deebiʼe. Aleeksaandar abbaan isaa seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Daawit, Goliyaadii fi michummaa Yonaataanii fi Daawit gidduu turee isaatti himaa akka ture ni yaadata.

Aleeksaandar akka jedhetti, “Eessumni isaa Vilaadmiir amanamummaadhaan raadiyoo WBBR ni dhaggeeffata, akkasumas barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu ni fudhata ture. Yeroo sana raadiyoo qabachuun seeraa ala ture, kanaafuu, eessumni koo kutaa lafa jalaa qopheessuudhaan innii fi namoonni fedha qaban yaaddoo malee raadiyoo WBBR akka dhaggeeffatan godhe.”

Baroota 1940man keessa “namni fedhii” kan qabu fakkaatu tokko waaʼee iddoo kanaa hime. Abbaan isaa fi eessumni Aleeksaandar qabamanii mana isaanii irraa gara kiilomeetira 80 fagaatanii dhiha Yuukreenitti bakka Khootiin jedhamtutti hidhaman.

Aleeksaandar akkas jedheera: “Akkoon koo isaan gaafachuuf gara mana hidhaa sanaa dhaqxi turte. Amantiin isaanii gammadoo taʼanii akka itti fufan akka isaan taasise nutti himti ture, taʼus reebamaa akka jiran nutti himuu dandeessi turte.” Kan nama gaddisiisu, eessumnii fi akaakayyuun Aleeksaandar mana hidhaatti duʼan.

“Wanta isaan irra gaʼe, akkamitti akka duʼanii fi eessatti akka awwaalaman hamma ammaatti hin beeknu. Taʼus hamma dhumaatti Yihowaaf amanamoo taʼanii duʼuu isaanii beekuu keenyaatti baayʼee jajjabaanneerra.”

Dhaalli hafuuaa Aleeksaandarii fi muuxannoon inni Saayibeeriyaatti argate ariʼatama amma isa irra gaʼaa jiruuf isa qopheesseera. Aleeksaandar akkas jedheera: “Sakattaʼamuun anaaf haaraa miti, sababiin isaas ijoollummaa kootii kaasee sakattaʼamaa tureera. Yihowaan kanaan dura nu kunuunseera, fuuldurattis akka nu kunuunsu beeka.”

Aleeksaandar, “Wantoonni na cimsan kan biroon, guyyuma guyyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi irratti xiinxaluu, dhaabbataadhaan walgaʼii irratti argamuu akkasumas obbolootaa fi obboleettota wajjin walitti dhufeenya qabaachuu koo ti” jedheera.

Aleeksaandar Dabalataanis, muuxannoo waaʼee obboloota ariʼatamni isaan irra gaʼee kan dubbisu yoo taʼu, ija jabinni isaanii isa jajjabeessa. Akkas jedheera: “Wanta obboloonni tokko tokko yeroo mana murtiitti dhihaatan dhuma irratti dubbatan nan dubbisa. Dhugaa baʼiinsi isaan ija jabinaan kennan raajii Yesuus, dubbate dhugoomsa. Yesuus akkas jedheera: ‘Isaaniifis taʼe sabootaaf waaʼee koo dhugaa baʼuudhaaf, anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu’”—Maatewos 10:18.

Deggersa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼeetiif galanni haa taʼuutii, obboloonnii fi obboleettonni keenya ariʼatama jalatti jabaatanii dhaabataniiru, darbees karaa hafuuraa caalaatti lalisaniiru. Isaan yaadni Daawit geggeessaa hafuuraatiin, “Warri sitti kooluu galan hundi garuu ni gammadu; Isaan yeroo hundumaa ni ililchu” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuu isaatiif ragaa taʼu.”—Faarfannaa 5:11.